Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Awustiraaliyaa dhimma himannaa gudeeddii gorsituu duraaniirratti dhiifama gaafatan
Ministirri muummee Awustiraaliyaa Iskoot Mooriisan dhimma gorsituu siyaasaa duraanii paarlaamaa keessatti waayila gameessa taheen gudeedameera jechuun himatteerratti dhiifama gaafatan.
Biriitaanii Higiins bara 2019 waan kuni erga mudateen booda hojii akka hin dhabnee sodaadheen ture, deeggarsi ani hogganoota koorraa argadhes xiqqoo ture jette.
Higiins nama ganna 26 yoo taatu af-gaaffii Wiixata TV irratti taasisteen booda naasuu fi dheekkamsi taheera.
Ministirri mummee Moorisan akkaataa mootummaan dhimmashee qabate irratti dhiifama gaafatan.
Himannishee yeroo ammaa poolisiidhaan akka haaraatti qoratamaa jira.
Moorisan himannaan ishee akka isaan ‘rifachiise’ himuun hojimaatni fi aadaan paarlaamaa akka gamaaggamamu ajajan.
‘’Waan Biriitnii irratti gahe hunda keenyaaf waamicha dammaqsaa dha,’’ jechuun rippoortarootatti himan.
Moorisan dhimma kana kaniin hubadhe ijaan abbaa ijoollee dubaraa lama taheefi jechuun isaanii garuu qeeqa itti kaaseera.
Haagiins maal himatte?
Yeroo ganna 24 turte, hojii haaraa Ministira Ittisaa Lindaa Reeynoods waliin jalqabdee turte. Achitti waa’ila gameessa isheen himattu dabalatee dhugaatiif bahu.
Akka isheen jettutti, halkan sana konkolaataa isaatiin manan si geesse jedhee fudhatus gara paarlaamaa ishee dhaqata.
Waajira ministirichaa keessatti, dhugdee waan turteef rafuushee himuun yeroo dammaqxu haleellaan saalaa akka narra gahe hubadhee jetti.
‘’Yeroon gidduutti dammaqu gudeedamaan ture, boo’aa akka dhaabu ittan hime,’’ jechuun himte.
Sana booda namichi battaluma akka biraa deeme dubbatti.
Waajira hojjettutti himattus dararaashee gad-qabuun dubbii achumatti hambisanii hiikuu barbaadan jetti.
‘’Anis battaluma dubbiin gara siyaasaatti waan geeddarame natti fakkaate’’ jette.
Ministirri Ittisaa, yoo poolisiitti himatte akka ishee deeggartu itti himtus, garuu hojiishee irraa waan ari’amtu itti fakkaate.
Dabalataan walgahiin iddoo namni haleellaa narraan gahe jettutti akka taasifame himti.
‘’Waan sammuu kootti deddeebi’aa ture, haala kana keessa na kaa’uun isaanii ulfaataa tahuusaa nan hubadhe,’’ jetti.
Namni haleellaa kana narraan gahe jechuun himattu kuni nama paartii siyaasaa isaa keessatti nama as bahee mul'achaa jirudha jetti.
Dubartiin kuni otoo siyaasa keessatti hojjechuu hin dhaabiin dura achuma paartii mummicha ministiraaf hojjetteetti.