Mohammad Ibraahim Moalimuu: Dubbi himaan mootummaa Somaaliyaa dhohiinsa boombii Moqaadishoon miidhaman

Maxxanfame

Gaazexeessaan duraanii BBC, dubbi himaan ammaa mootummaa Somaaliyaa Mohammad Ibraahim Moalimuu xiyyeeffannaa haleellaa boombii shorokeessitootaa turan jedhe mootummaan biyyattii.

Ministirri Muummee Somaaliyaa Mohammad Hussein Roble dubbi himaan haleellaa boombii konkolaataasaarra ga'een miidhame kun yeroo ammaa fayyummaansaa sadarkaa fooyyeerra jiraachuu himaniiru.

Duraan gaazexeessaa BBC kan turan Mohammad Ibraahim Moalimuu, erga boombiin daandii marfataa guddicha magaalaa Moqadishoo irratti mudatee miidhaan isaanirraan ga'ee yogguma sana gara hospitaalaa geeffaman.

Haleellaakana eenyu akka raawwate battala taateen kun mudate baruun hin danda'amne, miidiyaan biyyattii garuu warra badanii balleensatu haleellaa raawwate jedheera.

Gareen BBC Afaan Somaalee akka gabaasetti Mohammad Ibraahim Moalimuu kanaan duras haleellaa al-shabaab hedduu jalaa miliqaniiru.

Haleellaan boombii Dilbata har'aa magaalattii keessatti raawwate kun, haleellaan kan biraan yoo xiqqaate namoota saddeet ajjeese erga raawwatee guyyaa muraasa keessatti mudate.

Odeessaalee Somaaliyaa biroo:

Haleellaan lubbuu namoota saddeetii olii galaafate kun hidhattoota al-Shabaabiin kan raawwatame yoo ta'u, kan mudates handaara Buufata Humna Qilleensaa fi Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa biyyattiitti ture.

Hidhattoonni al-Shabaab erga mootummaa biyyattiin loluu eegalanii waggaa kurna tokko caaleera, kutaalee biyyattii hedduu keessatti bu'uura cimaa horataniiru.

Haleellaan boombii ammaa kun wayita goolamni siyaasaa biyyattii yeroo dheeraaf mudatee jirutti raawwate.

Filannoon barfachuurratti qoccolloon Ministira Muummee fi Pireezidantii biyyattii gidduutti dhalate biyyattii hookkara hamaaf saaxileera.

Rakkoon kun amma waan furame fakkaata.

Hooggantoonni naannolee fi Ministirri Muummee guyyoota 40 keessatti filannoo gaggeessuuf waliigalaniiru, guyyaan kun Amajjii 15, 2022 irraa kan lakkaa'amudha.