Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaazexeessaan Somaaliyaa beekamaa Abdiaziiz Mohaammud Guled haleellaa boombiin ajjeefame
Gaazexeessaa beekamaa Somaaliyaa kan garee milishoota Isalaamaa al- Shabaabiin qeequun beekamu haleellaa boombii ajjeessee du'uutiin Magaalaa guddoo biyyattii Moqaadisho keessatti ajjeefame.
Abdiaziz Mohaamud Guled kan Abdiaziz Afrikaa jedhamuun beekamu naannoo walakkeessaa guyyaa wayita mana nyaataa tokkoo bahee deemuu irratti qiyyeeffatame.
Dhohiinsa bombii raawwatameen namoonni lama biraa kan dhiyeenya sana turan miidhaan irra gahuun hospitaala galuun gabaafameera.
Al-Shabaabiis haleellaa gaazexeessaa Raayidoo Moqaadhishoof hojjatu kana duuba jiraachu himeera.
Haleellaa kun konkolaataa Guleenfi Daareektarri TV Somaaliyaa Biyyaaleessaa akkasumas konkolaachisaa waliin tureetti raawwachu gabaasni marsariitii Raadiyoo Moqaadishoo maddeen poolisii eeruun maxxanse ni mul'isa.
Gabaasichi ibsa Ministira Mummee Somaaliyaa Mohaammad Husseen Roble kan gadda isaanii maatii Guleetii ibsan hammateera.
''Abdiaziz gaazexeessaa cimaafi goota biyyaaleessaa kan biyya, ummataa fi amantaa isaatiin ciminaafi dadhabbii tokkoo malee hojjataa tureedha,'' jedhan.
Guleen gaaffiifi deebii shakkamtoota al-Shabaab to'ataman waliin taasisuu kan beekamuufi haalli inni itti raadiyoorratti oduu dhiyyeessuu kanneen dhaggeeffatoota hawwatan keessaayi.
Al- Shabaabii kan Afaan Arabaatiin Dargaggoo jedhamuun beekaman, gareen harbeessitoota Isalaamaa loltoota motummaa -UNn deeggaramu waliin waggoota 10 oliif wal waraanaa jiru.
Gareen jahaadistootaa kunis hanga 2011 yeroo itti loltoota Gamtaa Afriikaatiin baafamaniitti Maqaadishoo to'atee ture.
Haata'u malee, ammalleen daangaa biyyattii keessatti eddoowwan tokko tokko qabachuun motummaa, Moqaadishoo keessatti gareewwan siivilii fi bakkeewwan garaa garaatti haleellaa raawwataa jira.
Gareen kunis gosa Islaamaa cimaa Saawudii- Wahhabi jedhamu kan jajjabeessuu yoo ta'u, irra caalaan Somaaliyaa ammoo Suufiidha.
Eddoowwan to'annoo garee kana jala jiraniitti, dubartiin sagaagalaan argamte dhakaan tumamte akka ajjeefamtu fi kan hate harka irraa muruu dabalate, seerawwan Shaariyaa cimaa hojiirra oolchaa jira.
Qondaaltoonni motummaa haleellaawwan shororkeessaa biyyattii keessatti raawwatamaniif garee kana itti gaafatamaa taasisu.
Bara darbees qorattoonni Pirojaktii Bakka Walitti bu'iinsa Hidhannoo fi Taatee Odeeffannoo, Al-Shabaabii erga bara 2010 kaasee ajjeechaawwan namoota 4,000'f itti gaafatamaa akka ta'e tilmaamaniiru.