Uggura nama amantaa Teeksaas: Taatee kanaan walqabatee dargaggonni lama UKtti to'ataman

FBI agent Matt DeSarno

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Taatee mana amantaa Ameerikaa, Teeksaas keessatti Sambata darbe namoonni ugguraniin walqabatee qorannoo taasifameen dargaggoonni lama UK keessatti to'annoo jala oolfaman.

Lammiin UK Maalik Fayisaal Akraam kan umuriin isaa waggaa 44fi ta'e erga poolisii waliin walitti dhukaasuu eegaleen booda Taaksaas keessatti ajjeeffameera.

Gadi fageenyi umuriifi saala namoota lamaan Ingliiz keessatti to'atamanii ammoo ifa hin taasifamne.

Poolisiin Maanchistar garuu ummata waliin ta'uun gaaffii US dhiyeesite gargaaruu ittin fufa jedheera.

Humni poolisii kun dargaggoonni lama ''haaluma qaama qorannoo haleellaa Teeksaasiin to'atamuu'' fi qorannoodhaaf mana hidhaa akka turan hime.

Akka maddeen poolisii UStti, Akraam karaa buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Niiw Yoorkiin torban lamaan dura biyyatti gale.

Obboleessi Akraam Gulbaar toora Facebook Hawaasa Islaamaa Bilaakbarn irratti ajjeefamuu isaa mirkaneesseera. Waa'ee obbooleessaa isaaf dhiifama gaafachuun dhukkubbii sammuu akka qabu hime.

Uggurri mana amantaa Ameerikaa Teeksaas keessatti Sambata akka sa'aatii naannichaatti 11:00 (16:00 GMT) irratti ture kan eegale.

Akraam gara mana amantichaa jalqaba kan seene wayita waaqqeeffannaan gaggeeffamaa jiru nama mana hinqabneedha jechuun ta'uu poolisiin akka dubbate oduun CBS gabaaseera.

Nammoota mana amantichaatti ukkaamfaman keessaatti dureen mana amantichaa (Raabbiin) ni argamu.

Uggura sa'aatii jahaatiin booda inni tokko kan gadhifame yoo ta'u, sadan hafan garuu ugguramuun booda poolisiin jidduu akka galu taasifame.

Boodas namoonni ukkaafaman hunduu nagaan bafaamaniiru.

Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan ugguraa sanaan ''gochaa shororkeessaa'' kan jedhan yoo ta'u, UKnis gochicha balaaleeffatteetti.

Ministirri Dhimma Alaa UK Liiz Tiruus ''kun gocha shororkeessuummaafi farra- Semetiizimiiti'' jedhan.

Itti dabaluunis ''Namoota jibba facaasan irraa lammiilee keenya baraaruun mirgaafi bilisummaa tikksuuf US waliin dhaabbanna'' jedhan.

Poolisiin bakka yakki itti mudate yeroo qorachaa jiru

Madda suuraa, EPA

Namtichi uggura sana raawwates lammii Paaksitaan Afi'yaa Siiddiqii kan ammaan kana Teeksaas keessatti hidhaan waggaa 86 itti murtaa'e akka gadhiifamuuf gaafataa akka ture ta'uu qondaaltoonni seera raawwachiisaa miidyaa biyya keessatti himan.

Pirezidaant Baayidan namtichi haleellicha raawwate gadhiifamuu dubartii sana gaafatee akka ture mirkanneessuun, haleellaan Teeksaas ''nama waggaa 15 dura to'atamuun mana hidhaa seeneen kan wal qabatudha," jedhan.

Itti dabaluunis namtichi haleellicha raawwates akkuma US galeen qawwee bitatee ture jedhan.

Maddeen poolisii akka jedhaniitti, meeshaan waraanaa dho'uu omtuu Akraam harkatti akka hin argamneefi seenaa yakkaa qabaachuuf manneen murtii federaalaa US kamuu akka hin mul'ifne agarsiisu.