Covid-19: Shamarree Chaayinaa mana jaalallee haaraan wal baruu dhaqxetti ugguramte

Madda suuraa, SHENZHEN TV
Chaayinaatti uggurri sochii Covid-19 akka tasaatti labsame dubartiin Waang jedhamtu mana namticha guyyaa tokkicha qofaa iddoo jaalallee filattuutti barteetti hambisuutu gabaafame.
Dubartii Waang jedhamtu miidiyaa hawaasummaa Chaayinaa WeChat jedhamurratti torban darbe akka maxxansitetti, sababii uggura sochii sanaan affeerraa laaqanaaf jecha mana namticha reefu wal barteetti danqamteeA hafte.
Fuula miidiyaa hawaasaarratti akka maxxansitetti magaalaa ‘Zengzhou’ jedhamtu irraa gara Guwaanzuutti barri haaraan otoo hin seeniin gara boodaa deebitetti.
‘’’Ani dulloomaan jira, sababa kanaaf maatiin koo sagantaan nama jaallallee naaf ta’u itti filachuu danda’u 10 ol naaf mijeessanii turan,’’ jettee maxxansite.
Namoota sana keessaa inni shanaffaan ’’akka nyaata bilcheessuu danda’uufi mana isaatti na affeeree laaqana naaf qopheessu natti himee ture,’’ jette.
Haata’u malee, nyaatarra otoo jiranii battala uggurri sochii Covid walqabatu dabarfameen mana nama jaalalaaf wal qorachaa jiranitti guyyoota hedduuf ugguramte.
Waang akka miidiyaaletti Dilbata darbe himtetti guyyoota afuriif mana namtichatti ugguramte.
Haalli sun ‘’sirrii hin turre’’ jette Waang. Namni isheen mana tokko keessatti waliin ugguramte sun guyyaa hundumaa soorata qopheessaafi akka ture himte.
‘’Baayyee hin haasa’u,’’ jette Waang.
Yeroo ammaa mana keessatti ugguramte sana keessa jiraachuufi dhiisuun ishee ifa miti.
Haata’u malee, magaalaa ‘Zengzhou’ keessatti guyyoota muraasaan asitti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii dabaleera.
Torban darbe magaalicha keessatti namoonni 100 ol vaayirasichaan qabamaniiru, akka barruun Giloobaal Taayimsi gabaasetti.
Magaalaa ‘Zengzhou’ keessatti hojiiwwaan bizinasii hedduu barbaachisoo hin taane akka cufaman Kibxata ajajni darbeera.
Magaalaa jiraattoota miliyoona 12.6 qabdu kana keessatti qorannoon vaayirasii bal'inaan taasifamu eegaleera.















