Gameessa muuziqaa Alamaayyoo Isheetee dabalatee namoota jajjaboo Afrikaan bara 2021 keessa dhabde

Gameeyyii Afrikaa bara 2021 keessa boqotan

Madda suuraa, Various

Maxxanfame

Bara faranjootaa 2021 xumuramaa jiru kana keessa Afrikaan namoota gameeyyii biyyasaanii maqaa waamsisan akkasumas kanneen dubbii walxaxaan beekaman dhabdeetti. Isaan eenyufaadha?

Namoota kunneen keessaa kurnan isaanii waa'ee seenaa jireenyaa fi gumaacha isaanii yaa ilaallu.

Short presentational grey line

Weellisaa Aamaayyoo Isheetee-Umurii waggaa 80

Dinqisiifannaa guddaa lammiilee Itoophiyaa biraa argateen maqaan 'Elvis' jedhu kan kennameef Alamaayyoo Isheetee bara seenaa muuziqaa Itoophiyaa 1960oota keessa maqaansaa akkaan beekamuu eegale.

Weellisaa Alamaayyoon hanga umriinsaa dabartutti waltajjii muuziqaarraa bu'ee hin beeku.

Ijoollummaasaarraa eegalee wallee Elvis taphataa kan guddate, akkasumas ammoo erga guddatee booda wallee Jeemsi Biraawun shaakalaa akka turee fi kunis jireenya muuziqaa isaarratti dhiibba guddaa akka uume turtii bara 2008 barruu Gardian waliin taasiseen himeera.

Alamaayyoo Isheetee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Alamaayyoo Isheetee

Sirboota biyya alaa shaakalaa ogummaa muuziqaa horachuu kan hime weellisaa Alamaayyoon, ''garuu ergan Afaan Amaaraan sirbuu eegaleen beekamtii guddaa argadhe,'' jechuun dubbatee ture.

Weellistoota gameeyyii Afrikaan bara kana dhabde keessaa kan biraan lammii Afrikaa Kibbaa sirboota aadaa-Opperaa hanga Jaaz- bareechitee taphachuun beekamtu Siiboongiilee Kumaaloo dha.

Lammiin Afrikaa Kibbaa meeshaa muuziqaa Tiroomboon taphachuun beekamu Joonaas Giwaangiwaa, Walleewwan amantaa fi Jaaz taphachuun kan beekamu lammiin Maalii Waambaalii Mikaandaawiiree, weellisaa beekamaan Senegaal Tiyoon Seek, Kan Kaameeruun Weez Maadikoo, Raappariin Ruwaandaa Jeey Poolii aartistoota Afrikaa bara kana lubbuun darbaniidha.

Qabsooftuu barnootaa Saaraa Obaamaa-waggaa 99

Saaraa Obaamaa haadha buddeenaa Pireezidantii duraanii Baraak Obaamaati.

Lixa Keeniyaatti akkaan kan beekaman Maamaa Saaraan addunyaatti maqaansaanii kan beekame garuu wayita Obaamaan bara 2009 yeroo duraaf pireezidantii ta'aniidha.

Saaraa Obaamaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Saaraa Obaamaa

Waggoota kurna hedduuf ijoollee maatii hin qabnee fi shamarran barsiisaa turan, kanaafis faawundeeshinii hundeessaniiru.

Ofii barreessuu fi dubbisuu kan hin dandeenye Maammaa Saaraan, shamarran akka barachuu qaban cichanii hojjetaa turan.

Hojii fakeenyummaa qabu kanaanis bara 2014 gumaata damee barnootaaf godhaniin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irraa badhaasaa fi beekamtii argatan.

Obaamaan waa'ee akkoosaanii kana wayita ibsan: ''Kutannoon barnootaaf qabdu ijoollummaasheerraa kan eegaleedha. Haadha na deesse ta'uu baattus akkoon kun akkamiin akka abbaa koo akka ilmasheetti guddiste. Jaalalaa fi jajjabina isheen gooteefiin gufuu jireenyaa keessa darbee dandamatee Ameerikaa seenee Yuuniversitiitti barachuu kan danda'e,'' jedhan.

Covid'n hinjiru jedha isan du'u kan shakkaman Joon Magufuulii-waggaa 61

Pireezidantiin Taanzaaniyaa Joon Magufuuliin torban lamaa oliif osoo hawaasatti hin mul'atin erga turanii booda Bitootessa 2021 addunyaa kanarraa du'aan boqochuunsaanii himame.

Pireezidantii duraanii Taanzaniyaa Joon Magufuulii

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidantii duraanii Taanzaniyaa Joon Magufuulii

Mootummaan Taanzaaniyaa qondaalli kun Covid'n shakkamanii turanis garuu dhibee onneen du'uu ibse.

Namoonni siyaasaa mormitoota keessaa ta'an tokko tokko ammoo pireezidantichi koronaavaayirasiin akka qabamanii turan ibsaa turan.

Maatii qonnaan bulaa keessatti kan dhalatan Magufuuliin yaadota walxaxoo fi falmisiisoo ta'an dhiyeessuun beekamuu eegalan, haala kanaan osoo jiranii bara 205 ammoo gara aangoo mootummaatti seenan.

Pireesii hacuucuu, morkattoota hiraarsuu, fi dhiittaa mirga namaa raawwachuun kan himataman qondaalli kun, tarkaanfii ittisa koronaavaayirasiif fudhatamuu qabu laaffisuun du'a lammiilee kuma hedduuf sababa ta'aniiru jedhamuunis himatamanii turan.

Ogeettii wal'aansa baqaqsanii yaaluu Maatoolaasee Mitoongaa-waggaa 34

Zaambiyaa keessatti ogeeyyii fayyaa muraasa tajaajila baqaqsanii wal'aanuu pilaastikaa kennan keessaa tokko kan turte Maatoloosee Mitoongaa wayita barattuu turtetti namoota balaa ibiddaan miidhaman kunuunsaarraa kaataa gara ogummaa fayyaa kanatti seente.

Ogeettii wal'aansa baqaqsanii yaaluu pilaastikaa Maatolaasee

Madda suuraa, ReSurge

Ibsa waa'ee suuraa, Ogeettii wal'aansa baqaqsanii yaaluu pilaastikaa Maatolaasee

Maatolaaseen Ameerikaatti yaa'ii wal'aansa baqaqsanii yaaluu irratti erga hirmaattee deebitee osoo baayyee hin turin addunyaa kanarraa du'aan boqotte.

''Dr Mitoongaan maallaqa isheetiin abbaakoo naaf yaaltee fayyiste,'' jechuun namni abbaansaa wal'aansa isheen fayye tokko feesbuukiirratti barreessee ture.

Badhaafamaa Noobelii Nagaa Deezmondi Tuutuu-waggaa 90

Phaaphaasii Dezmond Tuutuu bara 1986 magaalaa Keeptaawon keessatti phaaphaasii gurraacha jalqabaa ta'an.

Sirna abbaa hirree irratti qabsaa'uusaaniin badhaasa noobeelii nageenyaa erga argatanii booda aangoo phaaphaasummaa argatan.

Badhaafamaa noobeelii nagaa Deezmond Tuutuu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Badhaafamaa noobeelii nagaa Deezmond Tuutuu

Deezmond Tuutuun erga bara 1994 Neelsan Mandeellaan Pireezidantii jalqabaa karaa filannoo dimokiraatawaan filataman ta'anii booda komishinii araaraa fi dhugaa akka hoogganan muudaman.

Lallabaa Wangeelaa beekamaa TB Jooshiwaa-waggaa 57

Duutii lallabaa wangeelaa beekamaa TB Jooshiwaa Waxabajjii darbe wayita ibsamu, hordoftoota mana amantii Joshua Church Of All Nations biratti gadda guddaa ta'e.

TB Jooshiwaa

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, TB Jooshiwaa

Aanga'oonni siyaasaa gameeyyii hedduun hordoftootasaa keessatti akka argaman kan himamu lallabaan kun lallabasaa karaa TVn dabarsuun raajiiwwan hedduu hojjechuu hima.

Dhibee HIV/AIDS dabalatee dhibeewwan hedduurraa akka nama fayyisu lallabaa ture.

Atileet Agnees Tiiroop-waggaa 25

Atileetiin beekamtuu Keeniyaa Agnees Tiroop Onkoloolessa darbe waraanamtee ajjeefamuunshee wayita dhagahamu naasuu guddaa uumee ture.

Atileet Agnees

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Agnees

Abbaan warraashee Ibraahim ajjeechaa kana akka hin raawwanne dubbate.

Agnees Fulbaana keessa dorgommii fiigichaa kan dubartootaa meetira kuma 10n rikoordii addunyaa kan qabatte yoo ta'u dorgommii Olompikii Tookyoo irrattis hirmaatteetti.

Atileetiin kun fageenya dheeraadhaan biyyasheef dorgomuuf abdii qabdi turte.

Mootii Guudwiil Zeweeliitiinii-waggaa 72

Afrikaa Kibbaatti mootiin Zuuluu Guudwiil Zeweeliitiinii waggaa 50 erga bulchee booda lubbuun darbeera.

Mootin kun bara bulchiinsaa isaa keessa aadaa fi duudhaa Afrikaa Kibbaa eegsisuun beekamtii argateera.

Mootii Guudwiil Zeweeliitiinii

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Mootii Guudwiil Zeweeliitiinii

Mootiin Zuuluu kun qaccee sanyii mootii Seetishwaayoo kan bara 1879 waraana Ingiliz waliin taasifame hoogganaa turan irraa ta'uutu himama.

Mootiin kun haadha manootii isaa ja'a irraa ijoollee 28 kan horate yoo ta'u ijoolleensaa aangoo mootummaa kallattiin qabaachuu baatanis, aadaa fi duudhaa ganamaa biyyattii eeguu keessatti qooda qabu.

Taatoo Sooheer El-baabilii-waggaa 86

Taatoon Masrii Sooheer El-baabii fiilmii, waltajjii fi karaa TV wayita taatummaan hirmaachuun waggoota kurna shaniif hojjetteetti.

Taatoo Sooheer El-baabilii

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Taatoo Sooheer El-baabilii

Hundeessa Zaambiyaa Keenet Kaawundaa-waggaa 97

Waxabajjii kan du'an gameessi walabummaa Zaambiyaa Keenet Kaawundaa hoogantoota Afrikaa walabummaa Afrikaaf qabsaa'an keessaa isa tokko.

Hundeessaa Zaambiyaa Keenet Kaawundaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hundeessaa Zaambiyaa Keenet Kaawundaa

Lammiileen Zaambiyaa akkuma warra kaanii ciree irratti killee, aannan akka fayyadaman akkasumas lammiileen Zaambiyaa hundinuu kophee akka godhataniif ifaajaa kan turan qondaalli kun, meeshaa muuziqaa keessaa gitaara akkaan akka jaallatantu himama.

Maqaa masoo KK jedhuun kan beekaman Keenet Kaawundaan qabsoo walabummaatti seenuu dura barsiisaa turan.

Odeessaalee dabalataa: