Waraana Kaaba Itoophiyaa: Dabra Maarqoositti qophiiwwan akka cidhaa, taskaaraafi kaan dhorkaman

Madda suuraa, Debremarkos City Police
Bulchiinsi Magaalaa Dabra Maarqoos qophiileen akka cidhaa, taskaraafi kaan akka hin gaggeefamne dhorkamu kantiibaan Ittaanaan magaalichaa Yitibaarak Awwaqa BBCtti himan.
Dhorkaa kanaaf sababii inni guddaan baatiiwwan darban keessa haalli dinagdee baayyee waan miidhameef, keessattu buqqa'insa waraanichi qaqqabsiisee fi miidhaawwan biraa ta'uu Obbo Yitibaarak himan.
Sabaa himaan waajjira poolisii bulchinsa magaalichaa toora miidiyaa hawaasaa isaarratti akka baaseettii fi kantiibaa ittaanaan kanaan mallattaa'uun waajjiraalee adda addaatti qajeelfama darbeen qophiilee adda addaa akka hafaniin ajajameera.
Kunis kan barabaachiseef sababii waraanaatiin lubbuun namoota hedduu darbeera, qabeenyaa barbadaa'ee miiliyoonni buqqa'aniin bakka jiraniitti ummatichia kka beela hamaaf hin saaxilamne of eeggannoo barbaachisu taasisuufi qusannaa taasisuuf jedha qajeelfamichi.
Akkasumas wayita maa kanatti qophiiwwan akkasuu kana raawwachuun haamileeniis ta'e amantaan fudhatama hinqabu jedhan.
Sababiin biraa ammoo biyyattii hala ammaan tana keessatti argamtuun walqbatee labsii yeroo muddamaa kaa'ameen sochiin daangeeffamu himu.
Sirnoonni cidhaafi taskaara fakkaatanis irratti namoota hedduu walitti qabuuniifi sochii waan gaafataniif labsiifi qajeelfama baheen faallaadha jedhan.
Jiraattoonni heduun sababii waraanaatiin du'usaanii kan hima Obbo Yitibaarak, ammattis waraanichi akka hin xumuramne ibsanii, waraanicha qabeenyaa malee mo'achuun waan hindanda'amneefi qophiilee akkasii kunneen ammoo diinagdee irratti dhiibaa qabaachu himu.
Qophiileen akksii kunis kanneen hawaasni ittiin wal argatu isaanitiin walqabatees mirga ummataa dhiibuu hinta'u? jedhamuun kan gaafataman Obbo Yitibaarak akkas jedhuun deebii kennan.
''Warra miidhaameef haataasifnuu jedhamuun kan qajeelummaan yaadameedha. kan miidhamaniif gochuun yoo dadhabame, diinagdee naannichaa hin hubnu. Mana tokkoo gaddaafi rakkoo, mana kaan ammoo cidha gochuun dhugaatti waliin hindeeman. Dhugaatti dubbachuuf tokkuummaa ummata Amaaraa qora,'' jedhan.
Kanas gochuuf ummataaf sadarkaadhumaan odeeffannoo akka kennameefi gondoota hundaaf xalayaan barraaa'u himan.
Ammatti ummatichi kanneen buqqa'an deegaruufi caasaalee nageenyaa gargaaruun baasii olaanaa gochaa jiraachu kan himan Obbo Yitibaarak, gara fuuladuraattis kanneen mannisaanii diigame, kan qabeenyaasaanii saamam deeggaruun waan hin oolleefu baasiin ummataa akka dabalu himu.
Bulchiinsi magaalichaaf ummannii akka buusii taasisuufi akka wal ta'u kakaasaa kan jiru yoo ta'u, qophiilee kanneen waliitti dabalamee kisaaraa olaanaa qaqabsiisuu hinqabaatu jedhan.
''Namoon dandeettii qaban caasaa nageenyaatii yoo gmmaatan, duula jiraachufi jiraachu dhabuutiif deeggarsa yoo taa'sisan, naannoolee buqqaatootaas yoo deegaran gaariidha. Maqaas seenaas ni ta'a,'' jedhan.
Qajeelfamichi Muddee kanarra kaasee hojiirra kan oolfamu yoo ta'u, namni dhorkaa kana cabsee argame irratti addabbiin kaa'amu akka hin jirreefi garuu ammoo hawaasichi kaayyoo murtichaa akka hubatu Obbo Yitibaarak himan.
Akka qajeelfama kanaatti magaalichatti cidha ykn gaa'iila ta'e taskaara gochuun kan dhiorkame yoo ta'u, haala aadaatiin gaa'ila dhaabbachu kan qaban Komaandi poostiif gaaffii dhiyeessuun erga hayyamsiifataniin booda gaa'ilichi qophii cidhaatiin ala akka raawwatamu akka taasifamu ta'a jedhameera.
Qaamni kana darbuun gaa'iis ta'e taskaarri akka raawwatamu taasisuufi raawwachisu gareen humna raawwachiftuu labsii yeroo muddamaatiin tarkaanfiin seeraa barbaachisu kan irratti fudhatamu ta'us qajeelfamichi kaa'eera.
Dhorkaan kunis, ''Ummanni Amaaraa miidhaa, dararama fi kisaaraa irra gahe keessaa bahee, mataasaa ol qabatee adeemuu hanga eegaluutti'' kan turu ta'u Obbo Yitibaarak BBC Amaarinyaatti himan.















