Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tapha Piriimer Liigiin har'a Leester Siitii v Liiverpuul, kalee Yuunaayitid qabxii gate
Leenjisaan Leester Siitii, Bireendaan Roojers kilaba duraan leenjisaa turan Liiverpuuliin morkatu. Liiverpuul waancaa bara kanaaf morkachuuf tapha kana mo'achuun dirqama itti taha. Maan Siitiin qabxii jahaan Liiverpuuliin caaleera.
Leester ammoo miidhama taphattootaa baay'ee qaba.
Leenjisaan Liverpuul Yargan Kilooppi taphataan isaanii sarara ittisaa Virjil Vaan Daayik akkasumas Faabiniyoo, Tiyaagoo fi Kartis Joons gara shaakalaatti deebi'aniiru jedhan.
Kunis sababa koroonaavaayirasiin qabamaniif adda of baasuun erga turaniiti.
Kilooppi ammas taphataa guddattoota keessa tokkoo fi hojjettota biroo lama adda of baasuun jiraachuu himan.
''Waan rifaasisaa wayiiti. Ganama ganama yeroo dhuftu akkuma carraa loterii taheera. Hunduu nagaadha jettee abdatta, isaan keessaa namni tokko qabama.''
Itti dabaluun ''kun haaluma isaati. Garuu kanarraan ala hunduu gaariidha,'' jedhan.
Ittisa bitaa irraa kan taphatu Andii Roobertisan addabbiidhaan hin taphatu. Leester miidhama taphattootaa hedduu qaba. Taphattoota gahumsa qaban jalqaba hiriiran saddet miidhamaan dhabeera.
Taphataan sarara ittisaa Leester Timotii Kaastaanyaa erga tapha Maan Siitii 6 fi 3'n mo'aman irratti jijjiiramee galee har'a jalqaba irratti ni hiriira jedhamee eegama.
Leester Mudde 26 yeroo taphni Liiverpuul sababa koroonaan Liidis waliin osoo hin taphatiin hafan yeroo biratti darbe Maan Siitii waliin taphatan.
Leester haala gaarii irratti hin argaman. Taphattootni jalaa miidhamaniiru,'' jedhe Kilooppi.
''Shaakalaaf baanee ture. Yeroo sana Siitii waliin taphichi 4 fi 0 ture. Ergasii yeroo 4 fi 3 tahe. Wow! Garee cimaadha. Waan leenjisaan isaanii Bireendaan Roojersi hojjechaa jiru addadha.
Liverpuul taphoota 35 keessaa tokko qofa mo'aman. Taphoota Piriimer Liigii 16 darban keessaa tapha tokko qofadha innis kan mo'aman.
Taphoota hundumaa dirreen ala taphatan 28 irratti walitti aansuun galchii lakkoofsisaniiru. Kun ammoo kileboota gurguddoof waggoota 61 keessatti kan mul'atee hin beekne ture.
Kana malees har'a Tootenahaam Saawuzhampitan, Kiristaal Paalaas V Noorwich Siitii, West Haam v Waatfoordi waliin taphatu.
Taphni Arsenaal Woolvis waliin taasisu sababa weerara koroonaavaayirasiin yeroo biraatti darbeera.
Maanchister Yuunaayitid kaleessa Niw Kaastil waliin taphachuun qoxa 1 fi 1 xumuruun qabxii gateera.
Leenjisaan Yuunaayitid Raalf Raaginik taphicha irratti gahumsa barbaadamu hin agarsiifne jechuun dubbatan.