Poolisiin gaazexeessituu Ma'aazaa Mahaammad dhaddachatti akka dhiyeessu lammata ajajame

Madda suuraa, Meaza/fb
Manni Murtii sadarkaa jalqabaa Federaalaa ramaddiin addaa lammaffaa Kamisa torbee darbee Poolisiin gaazexessituu Ma'aazaa Mahaammad sababa gad hin dhiifneef dhiyaatee akka hubachiisu ajajus waan hin raawwatamneef irra deebiin Ma'aazaa dhaddachatti akka dhiyeessee falmu ajajame.
Wiixata Kaleessaa dhaddacha ooleen poolisiin gaazexeessituu kana qaamaan dhiyeessee morkii akka gaggeessuu ajaja kenname boodatti jechuun barreeffamaan dhiyeesseera. Manni Murtiis ajaja kabajuu dhabuudhaa jedheera.
Bu'uuruma kanaan guyyaa har'aa gaazexeessituu Ma'aazaa waliin dhaddachatti dhiyaatee akka falmu irra deebiin ajajni kennamee ture.
Poolisiin Wiixata yaada barreeffaamaan dhiyeessee tureen gaazexeessituun kun kan hidhamte labsii komaandi poostiin walqabatee waan ta'eef mana murtiitti ishee dhiyeessuu akka hin dandeenye eereera.
Gaazexeessituun kun hojjettoota miidiyaa tibba kana labsii koomaandi Poostiin walqabatee to'annoo jala oolan keessaa tokko yoo taatu torban lama dura mana jireenyaa abbaa isheetii yeroo baatu qaamolee nageenyaan to'atamte.
Kanneen qabaman keessaa hundeessaa Taraaraa Neetwoork gaazexessaa Taamiraat Nagaraa qofatu bulchiinsa addaa naannawaa Finfinnee magaalaa Galaan keessatti kan mana murtiitti dhiyaate.
Poolisiin guyyaa 14 qorannoof jecha gaafatee manni murtiis waan hayyameef Taammiraat mana hidhaa jira.
Iyyaaspeed Tasfaayee, AFP'f kan hojjetu Amiir Amaan, Toomaas Ingidaa, Addisuu Muluneeh fi hojjettootni miidiyaa biroon labsii yeroo muddamaan walqabatee kan to'annoo jala oolan hanga ammaa mana murtiiitti akka hin dhiyaanne maatii irraa iyyaafanneerra.
Gama kaaniin barreessaa kitaabota hedduu kan ta'e Hinseenee Makuriyaa kana dura manni murtii bilisa akka bahu ajajuus poolisiin gadhiisuu dide jechuun maatiin BBC'tti himanii turan.
Dhaabbatni mirga gaazexessitootaaf falmu CPJ'n mootummaan Itoophiyaa gaazexessitoota sababa hojii isaaniif to'ate hunda atattamaafi haalduree tokko malee akka hiiku gaafateera.
Jaarmiyaan kun ibsa dhiyootti baaseen Itoophiyaan labsii yeroo atattamaa bahee miseensota pireesii ittiin hidhuuf oolchuurraa of qusachuu qabdii jedheera.
Waraana Kaaba Itoophiyaa hammaachaa dhufeen walqabatee labsiin yeroo ariifachiisaa erga labsamee gaazexeessitootni 14 hidhaa galuu CPJ'n beeksiseera.
Miidiyaa biyyaalessaa EBC sagantaa tajaajila Afaan Tigree keessa kan hojjetaa turan lama dabalatee gaazexessitootni miidiyaa biyya alaaf hojjetaniifi youtube irratti dalagan kanneen hidhaman keessatti argamu.














