Fiilmiin Spider-Man 'global box office' irraa doolaara biiliyoona tokko argachuun tokkoffaa ta'e

Fiilmii Spider-Man 'No Way Home' irraa kan fudhatame.

Madda suuraa, Sony Pictures

Maxxanfame

Fiilmiin Spider-Man dhiheenya bahe fiilmiiwwan erga weerarri koronaavaayirasii addunyaa mudatee ba'an keessaa agarsiisa global box office irratti doolaara biiliyoona tokko buufachuun tokkoffaa ta'e.

Fiilmiiwwan Spider-Man fiilmiin mo'ate kun mata dureensaa- No Way Home- jedhamudha, fiilmii tokkoffaa bara 2021 ta'uunis filatameera.

Fiilmiin kun fiilmii Waraana Kooriyaa fi Chaayinaa- The Battle of Lake Changjin- jedhu caaluun film bu'a qabeessa bara 2021 ta'e.

Fiilmiin The Battle of Lake Changjin, guutummaa addunyaarraa doolaara $905m argate.

Fiilmiin kanaan dura doolaara biiliyoona tokko caalaa argachuun tokkoffaa ture fiilmii Star Wars: The Rise of Skywalker, jedhamu yoo ta'u innis bara 2019 keessa.

Erga weerarri koronaavaayirasii addunyaa mudatee waggoota lamaan darban keessatti seenaa box office keessatti kan fiilmii kanatti dhiyaate hin jiru.

Dhuma torbee kanaatti fiilmiiwwan dhiyeenya kana jaarmiyaa oomisha fiilmii Marvel Cinematic Universe jedhamuun hojjetaman galiin isaan argatan doolaara biiliyoona $1.05 ga'eera.

Dhaabbilee pirodaakshinii Sony fi Disney jedhamaniin kan oomishaman fiilmiiwwan kunneen torbanoota lamaan keessatti galii guddaa fi beekamtii argatan.

Tibba weerarri Omiikiroon addunyaa dhiphisaa jirutti gama fiilmiiwwaniin haalli kun uumamuun ammoo yaaddoo guddaa uumeera.

Fiilmiin kun Chaayinaa biyya gabaa siniimaa guddichatti ammallee hin agarsiifamne.

Fiilmii kana keessatti taatoon Tom Holland ga'ee Spider-Man taphate, taatuu Zendaya's MJ waliin hojjette

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Fiilmii kana keessatti taatoon Tom Holland ga'ee Spider-Man taphate, taatuu Zendaya's MJ waliin hojjette