Harreen dhalataan "naafa" ture luka nam-tolche argatee sirriitti deemuu danda'e

Harree lukni nam-tolcheen tolfameef
Maxxanfame

Harreen lukni isaa tokkoo dhalatumaan naafa waan tureef sirriitti deemuu hin dandeenye lukni nam-tolchee tolchameefiif amma sirritti deemuu danda’u isaa dhabbati tokko hime.

Harreen Toomii jedhamu kun yeroo hunda adeemsa isaa rakkoo qaba ture, sababa kanaanis dugdiifi gatiittiin isaa miidhameera.

Dhaabbati qaama nam-tolchee omidhu fi Ringiwuud, UKtti argamu, Dorset Orthopaedic jedhamu luki nam-tolchee harree kanaaf guyyaa hunda ganama kan luka isaa dadhabaa ta’etti hidhamu uumeera.

Ogeessi fayyaa addaa sochii maashaafi lafee irratti xiyyeeffatu (osteopath) kan Toomii irratti hojjeechaa ture, foyyee harrichi agarsiisee “ajaa’ibsiifachuu” isaa himeera.

Daarektarri hoggansaa Dorset Orthopaedic, Maat Hiwuus, akka jedhutti Toomiin luka nam-tolchee kana torban tokko dura argachuu isaa dorsee “okkolaa adeema ture.”

“Adeemsa isaa kan isa dadhabsu fakkaata ture, sababni isaas luki isaa jiraatus, bakka sirriirra hin turre,” jedha.

“Yeroo dhabbattuufi adeemu, gara mirgaa isaatti jigee lafeen dugdaa isaa jallachaa ture.”

Amma “hanga danda’amu maddaallii akka qabaatuf,”oggeessaa fayyaafi oggeessa fayyaa faana beeyladootaa irraa argachaa jira.

Ogeessonni yeroo harree lukni nam-tolcheen tolfameef yeroo gargaaranitti

Ogeessii fayyaa maashaa fi lafee Toonii Neevin, “harrootni fayyaan ulfaatina qaama isaanii %60 ta’u luka isaanii lamaan fulduraa irratti gatu.”

“Toomiin garuu %60 kana luka isaa fulduraa bitaa (isa fayyaa) irratti kaa’ee waan tureef, lukti kun dadhabaa dhufee ture,” jedha.

Toomiin ulfaatina isaa madalliiin akka lukasaarra kaa’uu gochuun “barbaachisaa” ture.

“Furmaati ture kana gochuu ykn ammo hanga inni guutummaatti socho’uu dadhabutti eeguu ture.”