Garaagarummaa miindaa dubartootaafi dhiira jidduu maaliif hambisuun dadhabamee?

Hojjatttoota

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Gaaffiiwwan gurguddaa oggeessonni sirna korniyaa fi falmitoonni mirga dubartootaa kaasan keessaa tokko dhiiraafi dubartootaa kanfaltii walqixaa ta'ee haa argatan kan jedhuudha.

Biyyi itti dubartoonniifi dhiironni dameewwan hojii walfakkaatu irratti boba'anii garuu mindaa gadaanaa itti argatan baayyeedha.

Garaagarummaa kanfalti kana hambisuuf qobsoon gaggeeffamulleen waggiita 25 darban keessa jijjiramni hangas mara guddaa ta'e akka hin galmoofne qorannoon tokko mul'ise.

Haalawwan tokko tokko keessatti garuu gargaagarummaa xiqqeessuun danda'ameera.

DHaabbanni Institute for Fiscal Study (IFS) jedhame tokko akka himeetti, mindaa gadaanaan ol ka'unsaa namoonni galii gadaanaa argatan akka dabalan gargaareera.

Ta'us garaagarummaa kanfaltii namoota dhaabbilee barnoota olaanoo irraa eebbiifamanii baayyee fooyyeessuun hin danda'amne.

Barnoonni garaagarummaa kanfaltii xiqqeessee?

DHaabbatichi kan UK akka fakkeenyaatti fudhachuun qoranno gaggeesseen, garaagarummaa kanfaltii safartuuwwan sadiin ilaale. Qaccarrii hojii, sa'aatii hojiifi hamma mindaa.

Hojjattoonni dubartootaa baatii tokkoo keessatti dhiirota caalaa sa'aatii 50 akka hojjatan qoranichi bira gaheera. Dubartoonni haadha yoo ta'an booda ammoo garaagarummaan kanfaltiifi sa'aatii hojii caalaa ni bal'ata.

Garaagarummaan kanfaltii baayyee dhiphachuu baatulleen, dubartoonni hedduun barachuu eegalusaaniitiin wal qabatee jijjiramni muraasni mul'ataa dhufeera.

Bara 2019 keessaa UK'tti dubartoonni %40 dhiiraan gadii galii argatu ture.

Kunis mindaa baroota 1990 keessa ture kan caalu ta'unsaa hin haalamu. Kanaafis sababiin carraan barnootaa dubartootaa banaa ta'usaati.

Waggoota 25 dura hojjattuun dubartiin tokkoo diigrii yunivarsitii argachuuf hireen ishee kan dhiiraatiin gadaanaa ture. Har'a garuu kun jijjiramaa jira.

Qorannicha keessatti kan hirmaatte oggeettiin diinagdee Aliisan Andiriiwu barnoonni garaagarummaa kanfaltii xiqqeessuuf gahee olaanaa qabaata jetti.

Hanqiinawwan imaammataa

Qoodinsa hojii dubartootaafi dhiiroota jidduu jiruu wl qixa gochuuf imaammatni wayyeefamus gahaa akka hintaane qorattoonni kan kaasan.

Imaammatawwanis 'dadhabaa' fi kan ilaalcha aadaa gahee saalaa' hordofuudha jechuun ibsa qorannichi.

Ilaalchi ''ijoollee guddisuun''gahee dubartootaati jedhu kan hawaasa booddetti harkisuudha jedha.

Landaniitti barsiiftuu mana barnootaa diinagdee kan taatee Dr Girees Loordaan akka jettuutti, garaagarummaan kanfaltii waggoota keessatti jijjiramu dhabuun kan nama dinqu miti.

''Dubartoonniifi dhiironni digrii walfakkaataa qabaatanilleen, kan kanfalamuuf dhiiraan gadi. Mootummaan kana sirreessuuf dhaabbileen fooyya'iinsa adeemsa akka taasisaniif dhiibbaa gochu qabaata,'' jetti.

Jijjirama barootaaf eegame

Hoggantuun qorannichaa Mooniikaa Kostaadiiyaaz Mooniikaa akka jettuutti, dubartoonni dhiiroota caalaa kan baratan ta'ulleen baroota darban muraasa keessaa gargaagraummaan kanfaltii hangas mara hin fooyyoofne.

''Garaagarummaan qaccarrii hojii, sa'aatii hojiifi hamma mindaa hin jijjiramne. DUbartoonni caalaa barataa dhufunsaanii garaagarummaa mindaa ni xiqqeessa jennees eeguu hindandeenyu,'' jetti.

Ijoollee kunuunsuu fi hojii mana keessaa dabalatee hojiiwwan kanfaltii malee hojjataman kan qabatan dubartoota.

Waggoota 25 darban keessaa dubartoonni hojiiwwan kanfaltiin hojjataman dabalan illeen, hojiiwwan kanfaltii malee hojjatan ammalleen hin irranne.

Qorattuun akka jedhaniitti, imaammanni hojiin miseensoonni maatii tokkoo qabatan kan kanfaltii walfakkaatu akka qabaatu dirqisiisuu bahu qabaata.

Muxannoo Siiwiizarlaandi

Siwiizarlaandi bara darbe seera abbootiin yoo ilmoo argatan hayyama hojii akka fudhatan dandeessisuu baafte. Kaayyoonsaas wal qixxummaa saalaa cimsuuf.

Biyyoota kunuunsa ijoolleef maallaqa ramaduu kaasee hayyama dahumsaa irratti jijiirama seeraa taasisan keessatti garaagarummaan kanfaltii xiqqaa ta'u qorannichi ni kaasa.

UK keessatti cimdiiwwan lamaanuu hojjattoota ta'an galiisaanii %20 kan oolchan gddisa daa'imaatiif.

Imaammanni, ilaalchiwwan hawaasummaafi aadaa garaagarummaa kanfaltii biyyattii keessa jiruutiif sababa ta'u qorannichi kaaseera.

Hayyamni dahumsaa kan kennamu dubartootaaf waan ta'eef, baasiin ijoolleen kunuunsu irra caalaan dubartoota irratti kufa. Kun ammoo garaagarummaa kanfaltii ni bal'isa.

Dr Girees Loordaan akka jettuutti muuxannoon Siiwizarlaandii garaagarummaa kanfaltii xiqqeessuuf ka'umsa ni ta'a.

Dhiiroonniifi dubartoonni hayyama dahumsaa yoo argatan, ilaalcha hawaasummaa jijjiramuun alatti gama baasitiinis kan deeggaru ta'a.

Gama biraatiin ammoo dubartoonni hojii yeroo dabalataa yoo hojjatan maallaqni argatan murtaa'aadha. Dagaagiina oggummaasaaniitiif hin gargaaru.

Jireenyi dubartoota qofaasaanii ijoollee guddisanii dhiibbaa garaagarummaan kanfaltii dubartoota irraan gahuu sirriitti mul'isa.

Hojii kanfaltii qabu qabaatan illeen carraan hiyyummaaf saaxilamusaanii olaanaadha.

Maal haa taasifamu?

Qorannoon kun ka'umsa kan taasifate haala qabatamaa UK ta'ulleen rakkoonni kun addunyaa mara keessa kan jiruudha.

Roggeeyyoonni mirga dubartootaaf falmanis gaaffiisaanii dhageessisuu itti fufaniiru.

Motummaan UK's erga bu'aan qorannoo kun ifa ta'een booda garaagarummaa kana dhabamsiisuuf waan irraa eegamu gochuun ittigaafatamummaasaa akka bahu beeksiise.

Motummaan biyyattii akka jedhuutti garaagarummaan miindaa hanga tokko dhiphachaa dhufeera. Bara 2020tti dubartoonni miiliyoona 1.9 hojii qabataniiru.

''Biyya haqa qabeettii ijaaruuf qophaa'oodha. Bakka hojiittis wal qixxummaan akka dagaaguuf kutannoo keenya ni mirkaneessina,'' jedheera motummaan UK karaa dubbi himaasaatiin.