Namtichi daa'ima waggaa sadii laaqana nyaachuu didde jechuun ajjeese adabame

Pool Maarsh

Madda suuraa, KENT POLICE

Maxxanfame

Namni Pool Maarsh jedhamu mucaa intalaa umuriin waggaa sadii taate laaqana nyaachuu didde jechuun ajjeesse hidhaan waggaa 11 itti murtaa'e.

Namni kun intala hiriyaa isaa kan hir'ina qaamaa qabdu nyaata didde jechuun miidhaa hamaa irraan gaheen lubbuunshee darbeera.

Dargaggeessa umuriin isaa waggaa 27 ta'e Pool Maarsh, intala maqaan ishee Jeesikaa Daalgesh jedhamtu nyaata waan diddeefan aareen miidhaa hamaa irraan qaqqabsiise jechuun mana murtiitti hime.

Jalqaba miidhaa irraan gahuu dhoksuuf yaaluun darbii fooqiirraa kufte jedhee ture.

Haata'u malee, dhaddacha UK Maidstone taa'ameen gara jabinaafi ajjeechaa daa'imaatiin himatame.

Jaasikaan bara 2019 keessa jala-bultii Ayyaana Qilleerra ture hospitaala keessatti lubbuun ishee kan darbe.

Manni murtichaas Maarsh kunuunsa taasisaa kan ture garmalee mucattii darbachuun mataanshee mukatti garmalee bu'uu dhaga'eera.

'Miidhaafi dararama'

Haatii Jaasikaa, Maarshiin ''bineensa'' fi ''bulguu'' jechuun ibsite.

"Bulguun ishee fudhate kun guyyaa jireenya isaa hundatti akka dararamun kadhadha'' jetti.

''Jaasikaan ibsaa jireenya koo turte, mucaa kiyya dhabee gonkumaa bayyanachuu hindanda'u.''

''Maatii guutuun amma Jaasikaan attamiin akka ajjeeffamte baranii garmalee gaddaa jiru,'' jedhe abbaan seeraa Maarsh irratti adabbii murteesse, Jastiis Kaavaanaah.

''Duutii daa'ima xiqqoo barreedduu tanaa namoota hedduutti gadda cimaafi miidhaa qaqabsiisuun isaa ifadha.''

Kanaaf, Maarsh ajjeechaa daa'imaa raawwateef hidhaa waggaa sagaliifi dabalataan ammoo hidhaa waggaa lamaa gara jabina daa'imarratti raawwateen itti murtaa'eera.

Erga Maarsh hidhameen booda poolisiin Keent Inspektar Miil Kimbar, ''Kunis dhimma sukkaneessaa ittiin daa'imni kichuun osoo jiraachuu hin eegaliin jireenyashee itti dhabdeedha,'' jedhan.

''Maarsh guyyaa miidhaan irra gaheetti Jaasikaan akka wallaansa fayyaa hin arganne gochuuf harkifataa ture. Boodas ammoo eenyummaasaa geeddarachuufi waan guyyaa sana ta'e sobuudhaan haqa dabsuuf yaalaa ture.''

Manni murtiis Maarsh akka gargaaraa deeggarsa mana gaheessoota dadhabbii barnootaa cimaa qabanii keessa akka hojjatu dhagahe.

Haata'u malee, Maarsh battalatti 999 irratti bilbiluu dhiisee waan raawwate dhoksuuf yaalaa ture jedhu ragaaleen.

Maarsh kan deeggarsa sadarkaa jalqabaatiin leenji'e, erga seenaa sobaa Jaasikaan darbii irraa lafa dhoofte jedhu sana dhoksuu akka hindandeenye hubateen booda, dhugaa baase jedhe abbaan seera.

Gochaa kanaanis hidhaan waggaa 11 namticha kanarratti murtaa'uun dhagahameera.