Manni Murtii UK Juuliyaan Asaanj US'f dabarfamee kennamuu akka danda'u murteesse

Madda suuraa, Reuters
- Barreessaa, Becky Morton
- Gahee, BBC News
- Maxxanfame
Manni Murtii UK hundeessaan Wikileaks, Juuliyaan Asaanj US'f dabarfamee akka kennamu murteesse.
Manni Murtii UK Juuliyaan Asaanj Ameerikaaf dabarfamee yoo kenname, qabinsa irraa kan ka'e lubbuu ofii baasuu danda'a jedhuun akka hin kennamne murteessee ture.
US murtee kana mormuun ol iyyannoo fudhattee kan ture yeroo ta'u, dhimmichi irra deebi'amee erga ilaalamee booda Asaanj dabarfamee akka kennamu murtaa'eera.
Abbootiin seeraa UK yaada US nageenya fayyaa sammuu Asaanj murkaneessuuf waadaan galan amansiisaa waan ta'eef, oliyyannoon US fudhatamuu ibsaniiru. Haata'u malee kaadhimaan Asaanj murtee kana mormuun akka oliyyattu himteetti.
Hundeessaan Marsariitii Wiikii liiks Juuliyaan Asaanj bara 2010 fi 2011 ragaalee iccitii mootummaa US gurguddoo miliqsee baasuun mootummaa US'n akkaan barbaadama.
Amajjii darbe Manni Murtii UK Asaanj US'f dabarfamee yoo kenname mana hidhaa akkaan eeggamu fi qabinsa jabaaf saaxilamee, lubbuu ofii baasuu danda'a jechuun ture UK akka turu kan murteesse.
Abbaan murtii Lord Chief Justice Lord Burnett waadaa US'tti amanuun murtee kana dabarsanis, kaadhimaan isaa Stella Moris, murtee hamaafi qajeelaa hin taane ittiin jechuun, waadaan US kan amanamu miti jetteetti.
Asaanj hanga ammaa waggoota 11 mana hidhaa turuufi kuni hanga yoomii akka itti fufu miira aariin guuteenis dubbatte.
Itti gaafatamaan Wiikiliiks Kristinna Hrafnsson ibsa baasaniin, lubbuun Asaanj ammas yaaddoo guddoo keessa jira jedhaniiru. Qabiyyeewwan mootummootaaf korporeeshiniiwwan saaxilu gaazexessitootni baasan balaarra akka jiran agarsiisas jedhaniiru.

Waadaan US galte kan jedhu qofaatti akka isa hin hiineefi bakka eegumsi akkaan jabaan itti gaggeefamu ADX Florence Supermax jail jedhamu kan Koloraadoo jiru akka hin tursiifamne kan eeru ni argama.
US'tti deebi'ee himata irratti dhiyaatuun yakkamaa yoo ta'e hidhaan hanga waggaa 175 irratti murtaa'uu danda'a. Haata'u malee mootummaa US hidhaan isaa waggaa afurii hanga waggaa jahaa akka ta'u hima.
Asaanj kuusaa odeeffannoo 'database' waraana US cabsee seenuun, icciitiiwwan waraana Afgaanistaanifi Iraaq waliin walqabatan baasuun marsariitii isaarratti maxxanseera.
Ragaaleen bahan yakka loltoota US kan saaxilaniidha.
















