Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aang Saan Suu Kii: Manni murtii Mayaanmaar hoggantuu duraaniitti hidhaa waggaa afurii itti mure
Himannaawwan 11 kan irratti dhiyaate hoggantuun duraanii Mayaanmaar, himannaa jalqabaatiin hidhaa waggaa afuriin akka adabamtu itti murtaa'e.
Himaannaawwan hafaniin yoo itti murtaa'e umurii ishee guutuu mana hidhaatti dabarsuu maalti.
Hidhaan waggaa afurii kan itti murtaa'e himannaa seera balaa uumamaa cabsuu fi kakaasuu jedhuuni.
Walumaagalatti himaannawwan 11 kan irratti dhiyaate.
Dubartiin ganna 76 Suu Kii, Guraandhala darbe osoo waraanaan aangoorraa hin fonqolfamiin mootummaa uummataan filatame hogganaa turte.
Waraanni biyyattii filannoon bara darbe godhame kan paartiin Aadde Suu Kii fardaa fi lafoon mo'ate hatameera jedheeti kan aangoo qabate.
Ergasii hidhaa mana keessaa jala kan jirtu badhaafamtuun Noobeelii Nagaa Aang Saan Suu Kii, malaammaltummaa fi hokkora kakaasuu dabalatee himaannawwan gara garaan himatamte.
Manni murtii yeroo jalqabaaf himannaa tokkoon hidhaa waggaa afurii itti murteesse.
Erga aangoorraa kaafamte wayita mana murtiitti dhiyaattu malee mul'attees, dhagaahamtees hin beektu.
Aangoorraa kaafamuu ishee hordofee walitti bu'iinsa deeggartoota ishee fi humnoota mootummaa jidduutti uumameen yoo xiqqaate namoonni 1200 ajjeefamaniiru.
Tarkaanfiin humni waraanaa biyyattii mormitoota irratti fudhataa jiru 'yakka waraanaa ta'uu mala' jedhe UN.