Miseensi paarlaamaa Niiwuuziilaand ciniinsuurra turte saaykiliishee ooffattee hospitaala geessee deesse

Madda suuraa, Julie Anne Genter Facebook
Juulii Annee Geenter jedhamti. Miseensa Paarlaamaa Niiwuuziilaand yoo taatu konkolaataa caalaa saayikilii fayyaamuu deeggarti.
Dubartiin kun Dilbata darbe ciniinsuun wayita ishee eegaleetti kokonlaataa dhiistee saayikiliishee ooffattee hospitaala akkuma geesseen sa'aatii tokkoon booda dahunshee dhagahame.
Dubartiin siyaasaa kun wayita saayikiliishee ooftutti ciniinsuu keessa turte.
"Dhugaa onnee kiyyarraa ta'e dubbachuudhaaf mucaa kiyya da'uudhaaf saayikilii oofee deemeen hospitaalatti daha kan jehu karoora hin qabun ture. Haata'u malee garuu kan ta'e ammoo kanuma," jechuun fuula Facebook iishee rratti barreessiteetti.
Dubbi himtuu dhaaba siyaasaa Green Party kan taate Juuliin, waggaa sadii durallee mudannoo wal fakkaataa keessa darbuu yaadatti.
Yeroo sanatti saayikiliidhaan hospitaala deemuuf yaaddus ciniinsuun waan itti hin mudineef garuu akkanumaan deemuu yaadatti.
Miseensi paarlaamaa umuriin ishee waggaa 41 ta'e kun abbaa warraashee waliin saayikiliidhaan gara hospitalaa deemuu yeroo murteessitu ciniinsuun reefuu itti ho'uu akka jalqabe dubbatti.
Juuliin abbaa warraashee waliin hospitaala geessee bakka konkolaataa itti dhaaban akkuma gahaniin suura ka'uudhaan miidiyaalee hawaasaarratti qooaniiru.
Odeeffannoo kanatti dhiyaatan biroo:
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook















