Kamaalaa Hariis pirezidantii dubartii US jalqabaa ta'uun sa'aatii 1:300f gaggeessite

Maxxanfame

Pirezidantiin Ittaantuu Ameerikaa yeroo ammaa Kamaalaa Hariis seenaa biyyattii keessatti daqiiqaawwan 85 taatullee Ameerikaa gaggeessuun dubartii jalqabaa taateetti.

Kamaalaa Hariis teessoo pirezidaantummaa kan qabattee turte Pirezidant Joo Baayidan wallaansa fayyaarra waan turaniifidha jedhameera.

Pireziant Joo Baayidan wallaansa fayyaaf jecha marfee adoochu fudhachuu isaaniii horodofee aangoo isaanii dubartii itti aantuusaa umuriin waggaa 57 taatetti dabaranii kennanii ture.

Hakiimiin Pirezidant Joo Bayidan pirezidantichi fayyaa isaanii akka ta'aniifi hojii isaaniitti deebiyuu akka danda'an dubateera.

Maanguddoo umurii waggaa 79 kan ta'an Pirezidant Baayidan, guyyaa dhaloota isaanii dhiyeenyatti kabajachuuf jiru jedhameeras.

Yeroo pirezidaantichi wallaansa fayyaa argachaa turanitti ittaantuun isaa Kamaalaa Hariis waajira isaanii Waayit Haawus damee gama Bahaan jiru irraan hojii isaanii hojjechaa turaniiru jedhameera.

Kamaalaa Hariis aangoo pireziaantummaa US yeroo gabaabduuf tureen seenaa keessatti dubartii pirezidantii Ameerikaa taate qofa osoo hin taane, dubartii sanyii gur'aachaafi Eeshiyaa pireziantii US jalqabaa ta'uun seenaan galmaa'eeraaf.

Ameerikaa keessatti yeroodhaaf aangoo pirezidantummaa walitti dabarsuun Heera Mootummaa Ameerikaa keessatti kan baratame akka ta'e dubbi himtuun Waayit Haawus Jeen Saakii dubbattee jirti.

Kanaan dura bara 2007 keessa Joor W Buush wallaansa fayyaa wayita taasifatanitti aangoo isaanii ittaanaa isaaniitti dabarsanii kennanii ture.

Hakiimiin Pirezidant Joo Baayidan Keeven Okoneer, "[Pirezidant Joo Baayidan fayyaalessaafi jaboodha. Itti gaafatamummaa isaaniilleen sirriitti ba'achuu ni danda'au," jedheera.

Pirezidant Joo Baayidan wallaansarra turanii hospitaalaa bahanii gara Waayit Haawusitti yeroo deebiyanitti, "miira gaariitu natti dhaga'ama," jechuun dubbachuun isaanii gabaafameera.

Pirezidant Joo Baayidan seenaa Ameerikaa keessatti gaggeessaa umuriin gudaadha jedhameera. Bara arbe wallaansi fayyaa yeroo isaaniif taasifametti, "fayyaalessaafi jabooha" jedhameera.

Kamaalaa Hariis eenyu?

Kamaalaan dubartii gurraattii fi hidda Eeshiyaa qaban keessaa kan yeroo jalqabaaf itti aantuu pireezidantii Ameerikaa taatedha.

Akkasumas nama yeroo jalqabaaf yuunivarsiitii gurraachotni itti baratan Howaardi irraa sadarkaa kana irra geesse tahuu ishee ilaalchisee waan hedduun jedhameera.

Nama Kamalaa Haaris beekuuf amma itti aantuu pireezidantii Ameerikaa tahuunshee waan dinqisiisaa tahuu baatus garuu agarsiiftuu imala dhuunfaa ishee fi falaasama ittiin fuulduratti deemtu tahuu agarsiisa