Waraana Itoophiyaa: UN Itoophiyaan hojjettoota dhaabbatichaa jahaafi konkolaachistoota hunda hiikuu hime

Madda suuraa, AFP
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) hojjettoota dhaabbatichaa jahaafi konkolaachistoota WFP torban darbe hidhamanii turan hunduu gadhiifamuu hime.
Ta'us, hojjettoonni dhaabbatichaa shaniifi miseensi maatii hojjetaa tokko ammallee hidhaa akka jiran Dubbii Himaan UN Siteefan Dujaarik himaniiru.
Kunneen kanneen torban darbe hojjettoota UN 16 hidhaman keessaati.
Konkolaachistoota 70 torban darbe Kaaba Itoophiyaa magaalaa Samaraa hidhaman keessaa 34 kan ta'an jalqaba torban kana hiikamanii ture.
Amma immoo kaan hafanis hiikamuu gabaafameera. ''Konkolaachistoonni 70 gadhiifamaniiru,'' jechuun dubbi himaan UN Niiw Yoork keessatti ripportarootatti dubbachu isaanii AFP'n gabaaseera.
Mootummaan Itoophiyaa kunneen seera labsii muddamaa cabsuun malee waan hojjettoota UN ta'aniif hin hidhamne jedheera.
Waa'ee hiikamuu isaaniirratti garuu mootummaan hanga ammaatti waan dubbate hin qabu.
Torban lama dura Kaaba biyyattiitti lolli ammaateefi finciltoonni Tigraay gara magaalaa Finfinnee akka qajeelan erga ibsanii booda labsiin yeroo muddamaa labsamuun ni yaadatama.
Labsii kana booda hidhaan bakkeewwan biyyattii garaa garaatti babal'ateera.
Dhaabbileen mirga namoomaaf falman kanaan yaadda'u ibsuun, hidhaan kun sabarratti xiyyeeffate jechuun himatu.
Poolisiin gama isaatiin kan ragaa itti argametu hidhama, qulqulluun yoo jiraatan qorannoon booda gadhiifamu jedhan.
Poolisiin kanneen garee shororkeessitoota tumsu jechuun shakke akka to'ataa jiru ibse.
Waraanni waggaa tokko dura Kaaba Itoophiyaatti eegale mariin akka xumura argatu qaamoleen sochii taasisuu itti fufaniiru.
Waraana kanaan lammiileen kumaan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru jedhamee yaadama.
Keessumaa Naannoo Tigraayitti ammoo lammiileen 400,000 ta'an haala beela fakkaatu keessa jiru jechuun UN baatiiwwan dura ibsee ture.
Akka UN'tti naannolee sadan Kaaba Itoophiyaa jiran keessatti lammiileen miiliyona lamaa ol qe'eerraa yoo buqqa'aan miiliyoona 7'tti kan siqan immoo deeggarsi nyaataa isaan barbaachisa.
Lola kana keessa gareewwan hundinuu sarbama mirga namoomaa raawwataniiru jedheera qorannoon waloo UN fi Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaan taasifame.
Kan kanaan walqabatan:















