Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaa bakka albuuda baasuu mudateen waggoota 11 booda reeffi namootaa mul'ate
Niw Ziilaanditti balaa dhohinsaa bakka cileen bahutti mudatee lubbuu namoota 29 galaafate waggoota 11 booda, yoo xiqqaate reeffi namoota lamaa bakka gadi fagoo keessatti argame.
Poolisiin akka jedhetti kaameeraan suuraa reeffa nama sadaffaa tahuu malu bo'ii keessatti agarsiiseera.
Haa tahu malee bakkicha gahuun ulfaataa waan taheef carraan itti reeffa isaanii baasan akka hin jirre himan.
Balaan bakka albuudni bahu laga Piikee irratti mudate ji'a Sadaasaa bara 2010 keessa yeroo balaan dhohinsaa lama bakka albuudni bahu sana raase ture.
Namoota yeroo sana hojiirra turan 31 keessaa namoota lama qofatu miliquu danda'e.
Haa tahu malee reeffi namoota du'anii tokkoyyuu hin argamne ture. Bara 2012 qorannoon 'Royal Commission' gaggeeffame akka jedhetti, namootni albuuda baasanii fi kontiraata fudhatan odola Kibbaatti ''balaa hin malleef'' saaxilaman.
Itti dabaluun ''laga Pike irratti balaa hamaan mudachuu akka malu akeekkachiisni baay'een kennamus'' of eeggannoon duraa fudhatame hin jiru jedhe.
Boolla gadi qotuun amma qorattootni bakka albuudni bahu gadi fagoo keessaa suuraa walitti qabaniiru.
Suuraan reeffa amma argamuu karaa galma isaa tahee bakka baay'ee fagoo irrattidha kan jedhe poolisiin, adda baasuu akka hin dandeenye himan.
Bakka suuraan fudhatame kanaa namootni jahaa hanga saddeet tahan hojjetaa turan jedhama.
"Bakka kanatti reeffa namoota arginee adda baasuu hin dandeenye. Garuu ammallee qorattoota reeffaa waliin ni mariyanna,'' jedhe kanneen qorannoo gaggeessan keessaa Piiter Riid.
Andirew Liitil, minsterri reeffa isaanii baasuuf gaafatama qabu akka jedhetti ''maatii gariin akka fagoo deemamee bahuu akka barbaadan nan beeka, garuu hin danda'amu.''
Bara 2017 mootummaan oppireeshinii reeffi isaanii akka bahuuf gargaaruuf maallaqa ramadee ture. Garuu bara kana ji'a Caamsaatti dhaabbate.
Qondaalonni akka jedhanitti oppireeshinichi gadi fageenya km 2.2 deemamee milkii malee hafuu himan. Itti fufanii barbaaduuf baay'ee ulfaataa fi baasii dabalataa guddaa akka gaafatu himan.