Albuuda baastootni Chaayinaa 18 ta'an lafa jalatti du'an

Maxxanfame

Televizhiniin mootummaa Chaayinaa albuuda baastootni 18 lafa jalaa osoo hijiirra jiranii gaasii Kaarboon Monoksaayidi miliqee baheen lubbuu dhabuufi kanneen biroo shan achi buuteen isaanii dhibuu gabaase.

Taateen kun kan mudate Kibba Lixa biyyattii bakka albuudni dhakaa cilee (coal) itti bahutti dha.

CCTV'n akka gabaasetti namni tokko lubbuun baraarameera.

Taateen jimaata kaleessaa kun akkamiin akka raawwatame beekuuf qorannoon eegalemeera.

Chaayinaa keessatti hojii albuuda baasuu irratti ta'iin akka kanaa waan haaraa miti. Rakkoon harki hedduun kan mudatu ammoo of eeggannoo barbaachisaan sababa hin godhamneefi jedhama.

Gaaziin darbuu namoota kanaaf sbaba ta'e kan miliqee bahe hojjettootni kun lafa jaraa meeshaa buqqisuuf yeroo yaalanitti akka ta'e CCTV'n gabaaseera. Buuftni amma balaan irra gahe kun ji'oota lamaan darbeeef cufamee ture.

Fulbaana darbes naannoo Chongiking jedhamutti ibidaa buufata albuuda baasutti qaqqabeen namootni 16 lubbuu dhabanii ture.

Mudde bara 2019' ttis akkassuma Chaayinaa bakka albuudni itti ba'u birootti balaa qaqqabeen anmootni 14 du'aniiru.