FBI'n ergaa imeelii kaadimtuu keessoon itti ergameen booda qorannaa eegale

Maxxanfame

Waajjirri Tika Federaalaa Ameeriikaa (FBI) erga ergaa imeelii sobaa kumaatamni kaadimtuuwwan (servers) isaa tokko irraa haleellaan saayibarii raawwatamuu akka hin oolle akeekkachisuun itti ergameen booda qorannoo eegale.

Eejansiin mootummaa kun taateen Sanbata ganamaa kunis qaamuuma ''haala ta'aa jiruutti'' jechuun garuu dhimmicharratti odeeffannoo dabalataa kennuu irraa of qusateera.

Ergaawwan kunneenis Waajjira Qajeelcha Nageenya Biyya Keessaa irraa akka ta'e fakkeeffameera.

Ergaawwanis balaa jedhameef akeekkachisa ta'uu himuun mata duree ''Ariifachiisaa: Sirnawwan keessa taatee balaatu jira,'' kan jedhu qaba ture.

Imeeliiwwanis namoota ergaan qaqqabuun akka ''hidhata haleellaa hammaayyaa'oo'' garee Daark Overlord jedhamuun beekamuuf dirqiidhaan kanfaltii gaafatan irraa akka ta'e himuu, dhaabbanni bu'aaf hindhaabbanne 'anti-spam watchdog Spamhaus' jedhamu himeera.

''Sababii mata-dureewwan isaanii dhugaa ta'eef jeequmsa hedduu umaa jira, isaaniis dhuguma bu'uuraalee FBI irraa dhufan,'' jechuun toora tiwitarii irratti barreessee Spamhaus. Itti dabaluun ammoo, maqaa ykn teessoo nama ergee hinqaban jedheera.

Akka miidiyaan US gabaasaniitti, imeeliiwwan 100,000 ol ergamaniiru.

Ibsa FBI guyyaa Sanbataa kenneen, ''waa'ee imeeliiwwan sobaa akkaawuntii @ic.fbi.gov irraa ganama kana ergamanii hubanneerra,'' jedhe.

Akkuma dhimmichi adda baafameen battalumatti kutaan taatee kanaan miidhame akka hojii dhaabu taasifame kan jedhe ejansichi, ''qaama hinbeekamneen akka ergamee'' fi sochiilee shakkisiisoo kamuu motummaatti akka gabaasaniif ummata akeekkachiiseera.

Haata'u malee ammatti ergaawwan imeelii kunneen kan ergaman, namoota kaadimtuu FBI fayyadamuuf hayyama qabaniin haata'u ykn namoota intarneetii haak godhan keessatti haa hirmaatanii wanti ifa ta'e hinjiru.

Odeessaalee walfakkaataan: