Weellistuun beekamtuu US waggoota 13 booda to'annoo olaanaa abbaa jalaa baate

Maxxanfame

Weellistuun beekamtuu Ameerikaa Biritinii Ispiirs adeemsa seeraa jireenya ishee waggoota 13'f to'ate haqamuun ''guyyaa ishee filatamaa'' ta'u ibsite.

''Yeroon yaadu waanin bo'u natti fakkaata,'' jechuun hordoftoota ishee miiliyoona 35 Instaagiraama gubbaa jiraniif himte.

Gaafa Jimaataa abbaan seeraa Los Anjalasitti argaman murtee dabarsuun to'annoo olaanaa abbaa jalaa baasaniiru. Abbaan ishee bara 2008 eegalee murtee mana murtiin olaantummaan ishee to'ataa turan.

Deggartoonni ishee deeggaruuf mana murtii dura walitti qabamanii turan. Ispiirs, ganna 39, to'annoo abbaa jala ta'un rakkoo akka itti ta'e ibsiteetti.

Abbaan ishee Jeemi amma jireenya ishii to'achuuf yeroon kan isheeti jedhanii dubbataniiru.

''Jireenyi ishee jeeqamaa ture. Jeeqama qaamaa, miiraa, sammuufi faayinaansii keessa turte,'' jechuun abukaatonii Jeemi Ispiirs bakka bu'an mana murtiitti ibsaniiru.

Abbaan ishee akka ishee to'atu (conservatorship) kan muude mana murtiidha.

Kunis faayinaansii, jiruufi jireenya ishee, akkasumas dhimma dhuunfaa kanneen akka daa'imman ishee daawwachuufi deebi'ani heerumu irratti to'annoo guutuu qabu jechuudha.

Gaafa Jimaataa, Abbaan seeraa Mana Murtii Olaanaa Los Anjelees Birendaa Peeni gaaffii weellistuun kuni to'annoon kuni akka xumura argatu gaafatteef murteessaniiru.

Qaamni murtii kana morme hin turre.

Deeggartoota ishee mana murtii dura dhaabatanitti kan dubbatan abukaatoon Ispiirs, Maatiw Rosengaart cimina weellisitti jajaniiru.

Qabsoon ishee Kaaliforniyaati hanga Niw Yoork ijoo dubbii ta'uufi sababa kanaan wanti akkanaa akka deebi'e hin dhalanne seerri bahuu himan.

Hiriyyoonni Biritinii Ispiirs gammachuu isaanii ibsaniiru.

Baatii Waxabajjii keessa mana murtiitti kan dhihaatte weellistuun kuni to'annoo abbaa ishee jala ta'un akkaan ishee miidhuufi fedhii ishee malee akka weellistu taasifamuu ibsite.

Dabalataan, akka deebitee hin heerumneefi ijoollee dabalataa akka hin qabaanne dhorkamuullee ibsite.

Ragaan ishee abbaan ishee to'annoo ishee akka dhiisan taasiseera.

Namni tokko nama tokko to'atuuf kan muudamu yeroo murtee ofii murteessuu hin dandeenye akkasumas nami suni rakkoo fayyaa sammuu qabaatedha.