Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Muuziqaa: Raapparii dhalataa Tigraay Ameerikaa keessatti gurra horachuuf qabsa'aa jiru
Kibroom Barihuu akka raapparoota Ameerikaa fi Awurooppaa maqaa waltajjii qofa osoo hin taane, maqaa isaa guutummaatti gara 'Q. Rap' jijjiirrate.
Indastirii muuziqaa raappii Ameerikaa keessatti beekamtii guddaarra gahuuf qabsootti jira.
Erga dhiyoo kanaatii as walleewwan afaan Tigree fi Afaan Ingiliizii walitti makuun hojjeteen gurra horataa jira.
Ganda xiqqoo carraa barnootaa hin arganne keessaa bahuu kan himu Kibroom, daa'imummaa irraa eegalee 'muuziqaan hojjedha, istuudiyoo mataa kootiin banadha' jechaa akka ture hiriyoonni isaa ni himu.
Abjuu ijoollummaa milkeeffachuuf bu'aa bayii hedduu keessa kan darbe Kibroom, amma Ameerikaa Laas Veegaas keessatti hojii muuziqaa hojjechaa jira. Istuudiyoo xiqqoo hojii muuziqaa isaa keessatti qaqqajeelfatus qaba
Nama ganna 13 ta'ee Itoophiyaa kan bahe Kibroom, waggoota 15'f mandara Kaalifoorniyaa keessatti mana osoo hin qabaatiin guddate.
Mandarri Kaalifoorniyaa Kibroom keessatti guddate garuu, Kaalifoorniyaa ishee indastiriiwwan fiilmii gurguddoo akka Kolombiyaa Piikchars fi Diiznii of keessaa qabdu miti.
Kaalifoorniyaan Kibroom kan argamtu magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessattidha. Jiraattonni ishee hiyyeeyyii, manneen ishees jiguuf fiixeerra kan jiranidha.
Kibroom dandeettii muuziqaa fi jaalalaan akka guddatuuf garuu hin doqnoomne.
Mandarri kun bara tokko pireezidantii Ruwaandaa ammaa Pool Kaagaamee haadha warraa isaanii waliin jiraachisuu isheetti, jiraattonni ishee itti boonu.
Kaalifoorniyaan Ameerikaa Hooliwuudiin, isheen Keeniyaa ammoo wallee raappii beekamaa Keeniyaa 'Gengee' jedhamuun beekamu.
Mandarri Keeniyaa kun raapparoota beekamoo hedduu horatteetti.
Namoota kana jalatti muuziqaa kan bare Kibroom ykn Q. Rap walleen isaa haarofti keessaahuu Tik Tok irratti jaalatamummaa argateera.
'Muuziqaan waan hunda akkan dagadhu na godhe'
Kibroom wayita Keeniyaatti muuziqaa hojjechaa ture waahillan hojii isaa lammilee Keeniyaa ta'an maqaan kee nutti ulfaate waan jedhaniinif maqaa isaa gate.
Naannoo Tigraay zoonii jiddugaleessaa bakka Nabalat jedhamtutti kan dhalate Kibroom, yaadannoo ijoollummaa gaarii akka qabu yaadata.
Jiruun baqaa garuu ijoollummaa isaa harkatti qabe. Abbaan isaa sababa siyaasaan dhiibbaan irra gahaa waan tureef, abbaa fi obboloota isaa waliin bara 1997 gara Keeniyaa baqachuu hima.
Gara Keeniyaa erga imalanii booda poolisii baqaa waggaa tokkoo oliif dhokatanii mana keessa akka oolan hima.
Afaan Keeniyaa keessatti dubbatamu Siwaahiilii barachuuf yeroo dheeraa itti hin fudhanne.
Weellistoonni Keeniyaa akka Juwaa Kaaliinaa Nooniinii 'geengee wayita weellisan dhagahee muuziqaan isa boojite.
Sana booda haadha isaa yaadee bohuu dagachaa dhufe. "Muuziqaan waan hunda na dagachiise" jedha.
'Aktiviizimii' Muuziqaa
Raapparii Ameerikaa beekamaa Tuppaak Shaakuur faana dhahuun muuziqaa isaatiin haqaa fi wal qixxummaaf weellisa 'Q. Rap'.
Bara 2005 irraa eegalee waa'ee daa'imman Somaaliyaa waraana biyyattii keessa tureen miidhamanii weellisaa ture.
"Ijoollee meeshaa waraanaa humna isaaniitiin ol ta'e baatan arguun onnee na madeesse" jedha.
"Afaan isaanii ykn siyaasni isaanii naaf galee osoo hin taane, al-Shabaab daa'imman loltummaaf akka leenjisu yoon dhagahu, fudhachuu hin dandeenye" jedha.
"Anis daa'imummaan daandiirra jiraachaa waanin tureef, daa'imman AK47 baatanii nama ajjeesan jechuu yoon dhagahu, nan aara ture" jedhan.
Kanarraa ka'uun kophaa isaa fi weellistoota Somaaliyaa kaan waliin ta'uun waa'ee mirgaa fi nageenya daa'imman somaaliyaa walleewwan 17 ol afaanota Siwaahiilii, Somaaliyaa fi Ingiliziin hojjeteera.
Ispoonsarummaa UN fi Imbaasii Ameerikaatiin walleewwan isaa garee isaa waliin ta'uun Moqadiishoo, Puuntilaandi fi bakkeewwan birootti dhiyeesseera.
Kuni garuu qiyyaafannaa al-Shabaab keessa akka galan isaan godhe.
Waahilli isaa tokko rasaasaan rukutamee madaa'uu fi dubartiin tokko ammoo asiidiin fuulatti naqamuu hima. Innis doorsifni akka isarra gahaa ture dubbata.
Doorsifni itti hammaannaan bara 2008 dhokatee gara Itoophiyaa deebi'e.
'Haati koo duuteetti jedheen yaada ture'
Addunyaa kam keessattuu dhalli namaa yoo miidhamuu usuu hin danda'u kan jedhu Q. Rap, ganna lama dura raappariin Ameerikaa dhalataa Eertiraa ta'e yoo ajjeefamu, bara darbe ammoo namni gurraachi Joorji Filooyid poolisoota adiin yoo ajjeefamu akkasumas weellisaa Haacaaluu Hundeessaa yoo ajjeefamu wallee hojjechuu fi marsaa hawaasaa irratti ajjeechaa isaanii mormuun qabsaa'uu hima.
Wallewwan 21 amma dura Youtube irratti gadhiise keessa irra hedduun namoota karaarra jiraatan, haadholii fi dubartoota irratti xiyyeeffata.
Waggaa tokko guutuuf torbeen kan hafe waraanni Tigraay wayita eegalu wallee nagaa fi jaalala labsu 'How did we get here' jedhu hojjetee ture.
Ergasii ammoo wallee humnoota Tigraay 'TDF' jechuun of waaman leellisu hojjeteera.
Waraanichi eegalee yeroo dheeraaf firootakoo argachuu hin dandeenyen ture kan jedhu Kibroom, "gaaf tokko naaf bilbilanii, intalli adaadaa keetii loltootaan gudeedamte, obboleessi ishii ammoo ni ajjeefame yoo naan jedhan guyyaatu natti dukkanaa'e" jedha.
Haleellaawwan namoota nagaa irratti raawwataman hedduu isa gaddisiisuu hima. Hunda caalaa ammoo beelli waan hamaadha jedha.
"Walleewwan koo irratti siyaasa hin kaasu. Ani nama aartii waaanan ta'eef waliin dhahuu hin fedhu. Garuu hiraara sababa waraana kanaatiin narra gahe muuziqaan nan ibsa" jedha.
Kana hunda gidduutti ammoo haadha isaa Tigraay jirtu yaada. Yeroo dheeraa booda torbee lama dura karaa Fannoo Diimaa haadha qunnamuu dubbata.
"yeroon dheerachuu irraa kan ka'e haati koo duuteetti jedheen yaadan ture. Gara Maqalee deemtee naaf bilbiltee sagalee ishii yoon dhagahu hedduun gammade. Garuu ammallee haalli jiru na yaaddessa."
"Nama wanti darbe darbeera waraanicha haa dhaabsifnu naan jedhu osoon argadhee gammachuun koo daangaa hin qabu. Wanta hunda caalaa wanti hamaan beeladha. Beela nama beela'ee arge qofaatu beeka, ani sana keessa waanan darbeef salphisee hin ilaalu," jedha.
Q. Rap yeroo ammaa afaanota Siwaahiilii, Tigrinyaa fi Ingiliiziin walleewwan dhama Afrikaa qaban hojjechaa akka jiru dubbata.