Ittaanaan mootummaa ce'umsaa Sudaan, Hemeetiin, hogganaa fonqolchaa deeggaran

Madda suuraa, Getty Images
Ajajaan waranaa Sudaan Mohaammad Haamdaan Daagaaloo kan maqaa Hemeetii jedhamuun beekaman, sochii Janaraal Abdal Fattaa al-Burhaan aangoo qabachuuf taasisan deeggaran.
Hemetiin kan mana maree bulchiinsa mootummaa ce'umsaa Sudaan amma diigame keessatti ittaanaa hogganaa turan.
Janaraal Burhaan ''adeemsa warraaqsa ummataa sirreessuufi nageenyaafi tasgabbii biyyattii eegsiisuuf dhufe,'' ittiin jedhan Hemettiidhaan.
Guyyaa Dilbataa sababii adda cituu intarneetiin namoonni hirmaatan muraasa ta'uun gabaafamulleen, mormiin fonqolcha mootummaa gaggeeffame irratti ta'uu akkuma itti fufetti jira.
Qondaaltoonni nageenyaa namoota hiriiraaf bahan irratti gaazii imimmaaneessaa kan fayyadaman yoo ta'u, barsiiftoonni mormiif bahan muraasni hidhamuun gabaafameera.
Namoonni hiriira bahanis erga Janaraal Buhaariin mootummaa damee siivilii diiguun aangoo qabatee kun akka hafee mootummaan siivilii bakkatti deebi'uuf gaafataa jiru.
Waraanni biyyattii Janaraal Abdal Fattah al-Burahaaniin durfamu fongolcha mootummaa taasisuun qondaaltoota mootummaa siiviilii erga hidheen booda, magaalaa guddattii biyyattii dabalatee magaaloota garaagaraa keessatti mormiin ummataa gaggeeffamaa jira.
Akkasumas, dhaabbilee idil-addunyaafi biyyoota adda addaatiinis fonqolchi raawwatamee hafee mootummaan siivilii bakka deebi'ee ce'umsi dimokraasii biyyattii keessatti hundee akka qabatuuf waamichi dhiyaateera.
Keessattuu Gamtaan Afriikaa hanga mootummaan siiviilii biyyattii keessatti bakkatti hin deebiineetti sochiilee isaa hunda keessa dhurkuu beeksisuun isaa ni yaadatama.
Baankiin Addunyaafi Ameerikaansi maallaqa sochiilee misoomaa biyyattiif ramadanii turan dhowwachuus beeksiisaniiru.
Odeessaalee walfakkaatan:















