Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paalistinoonni gamoo cirrachaa gammoojjii Weesti Baanki keessaa ifa taasisan
Aanga'oonni Paalistaayin dhakaa xixiqqaa lafarra hafameefi addunyaarratti isa guddaa jedhame Magaalaa Yaarikoo kan bulchiinsa Weesti Baanki keessatti ifa taasisan.
Ijaarsi dhakaa xixiqqaan yookaan mozaayikiin masaraa Hishaam irratti ijaarame kana deebiisanii ijaaruuf waggaa shan itti fudhachuufi baasii doolaara miiliyoona 12 itti bahutuu himame.
Gamoon kunis umurii waggaa 1,000 ol akka qabu kan himamu yoo ta'u, garuu Masaraan Hishaam kan argame jaarraa 19ffaa keessa ture.
Hojii deebisanii ijaaruu aartiin ijaarsa kanaas hanga bara 2016tti deeggarsi maallaqaa Jaappaaniin taasifamuutti dagatamee ture.
Bal'inni ijaarsa kanaas gara iskuwer meetira 835tti kan tilmaamamu yoo ta'u, dhakaawwan xixiqqoo fi cirracha miiliyoona 5 akka qabu himama.
Aanga'oonni Paalastaayinis ijaarsi cirrachaa kun hawwata turistootaa guddaa akka ta'u abdatu.
Masaraan Hishaam masaraa amantaa Islaamaa gammoojii keessaa bara motummaa Ummayad kan bara 660-750 AD ture akka ta'e himama.
Suuraawwan hundinuu mirgi abbeentaasaanii kan eegamedha.