Maaldaan bara durii Naayijeeriyaarraa 'saamame' biyyattiif deebi'e

Maxxanfame

Bobbocni nahaasaa bara durii Naayijeeriyaa ''haala suukanneessaa taheen saamame'' Yunivarsiitii Abardiinin biyyattiif guyyaa Kamisaa deebi'e.

Nahaasni yookaan maaldaan ‘’gati-jabeessi’ kun loltoota Biritaaniyaatiin magaalaa Beenin Siitii irraa bara 1897 saamame.

Nahaasni sun mootii (Oba) Beenin fakkeeffame kan hojjatame yoo ta’u, Yuunvarsiitiin Aberdeen bara 1957 caalbaasiin fudhate.

Yuunvarsiitichi Bitootessa darbe naasa sana akka deebifamun mirkaneessuun, sirni walharkaa fuudhinsa hambaa kanaa Kamisa galgala raawwatame.

Magaalaan Beenin Siitii jedhamtu biyya amma Naayijeeriyaa jedhamee beekamu keessatti yeroo mancaate bobboca kumaataman lakkaa’amufi hojiiwwan aartii biroon dhabamaniiru.

Hedduun hojiiwwan bobbocaa kunneen goda hambaalee yookaan namoota dhuunfaa sassaabanii olka’aanitti gurgurame.

Mariin gaggeeffame bobbocni kun gara Naayijeeriyaatti akka deebi’u kan gorfame yoo ta’u, Bulchiinsi Yuunvarsiitii sanaa gorsa sana deeggare.

Jiilli Naayijeeriyaa irraa gara Aberdeenitti ergames, bobboca sana fudhataniiru.

Mootiin Beeniin Omo N'Oba N'Edo Uku Akipolokipolo Ewure II barbaachisummaa hambaalee aadaafi amantii keessatti qaban gadii qabame akka ilaalamaa ture dubbatan.

Mootichi ‘’Yuunvarsiitiin Aberdeen kabajaan naasa kana deebisuu isaatiif ni galateeffanna’’ jedhan.

''Jaarmiyaaleen biroo addunyaarra jiran ennaa mi'oota [fudhatan] hin lakkisnu jechuun didanitti, haqa dabe qabatanii akka taa'an akka itti mul'atu abdii qabna. Silaa meeshaaleen kunniin uummata fagoo jiraniifi bara dheeraan dura haqa garmalee cabe isaanitti agarsiisutu irra jiraata.''

Hogganaan ittaanaan Yuunvarsiitii Aberdeen Pirofeesar Joorji Boyne, bobbocni naasa Beenin ganna 40 darbe akka mallattoo haqa-dhabuu tokkootti ilaalamaa ture jedhan.

‘’Mi’a bu’aa karaa aadaa guddaa qabu haala nama hin gammachiifneen fudhatame kana qabatanii turuun sirrii miti’’ jedhan.

Pirofeesar Joorji Boyne yuunvarstiichi otoo rakkoon hin dhufiin dursee yaadee, naasa sana deebisuu kaasaniiru.