Paalistinoonni gamoo cirrachaa gammoojjii Weesti Baanki keessaa ifa taasisan

Masaraa Hisham

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Masaraan Hishaam kan deebiise argame gara waggaa 150 dura
Maxxanfame

Aanga'oonni Paalistaayin dhakaa xixiqqaa lafarra hafameefi addunyaarratti isa guddaa jedhame Magaalaa Yaarikoo kan bulchiinsa Weesti Baanki keessatti ifa taasisan.

Ijaarsi dhakaa xixiqqaan yookaan mozaayikiin masaraa Hishaam irratti ijaarame kana deebiisanii ijaaruuf waggaa shan itti fudhachuufi baasii doolaara miiliyoona 12 itti bahutuu himame.

Gamoon kunis umurii waggaa 1,000 ol akka qabu kan himamu yoo ta'u, garuu Masaraan Hishaam kan argame jaarraa 19ffaa keessa ture.

Hojii deebisanii ijaaruu aartiin ijaarsa kanaas hanga bara 2016tti deeggarsi maallaqaa Jaappaaniin taasifamuutti dagatamee ture.

Hisham's Palace

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Qondaaltoonnis deebiisanii ijaaruun masarichaa turistii akka hawwatu abdatu
Masaraa Hisham

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Masaraa kunis dhiheenya 'Dead Sea'tti kan argamuu yoo ta'u, heektaara 60 haguuga

Bal'inni ijaarsa kanaas gara iskuwer meetira 835tti kan tilmaamamu yoo ta'u, dhakaawwan xixiqqoo fi cirracha miiliyoona 5 akka qabu himama.

Aanga'oonni Paalastaayinis ijaarsi cirrachaa kun hawwata turistootaa guddaa akka ta'u abdatu.

Masaraa Hisham

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Fakkiiwwanis wayita leenci qeerransaan loluu waraana bakka bu'uun kan hojjatame yoo ta'u, kurupheen lama ammoo akka mallattoo nageenyaatti kaafamaniiru

Masaraan Hishaam masaraa amantaa Islaamaa gammoojii keessaa bara motummaa Ummayad kan bara 660-750 AD ture akka ta'e himama.

Suuraawwan hundinuu mirgi abbeentaasaanii kan eegamedha.