Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Galiin haadha warraa kan abbaa warraatiin qixxee miti jedhe qorannoon
Galiin keessan kan abbaa warraa keessaniin qixxeedhaa? Qorannoon akka addunyaatti dalagame akka agarsiisutti deebiin dubartoota baayyee ‘mitii’ kan jedhu dha.
Qorannoon kuni odeeffannoo idilee biyyoota 45 bara 1973-2016tti jiru xiinxale. Kunis qorannoo addunyaalessa wal-qixxummaa galii maatii, koorniyaa bu’uura godhachuun taasifame isa jalqabaati.
Qorattoonni Indian Institute of Management Baangaloor, Piroofeesar Hema Swaminathan fi Piroofeesar Deepak Malghan, odeeffannoo maatii miiliyoona 2.85 irraa funaaname fayyadaman.
Haadha warraa fi abbaa warraa umriin isaanii 18-65 gidduu jirus filatan.
‘’Yaadni akka dimshaashaatti jiru maatii tokko keessa galiin maatii gidduutti wal-qixa qoodama kan jedhu dha. Tahus maatiin iddoo wal-qixxummaan galii itti hin mul’anne keessaa isa guddaa dha. Kanaaf kan gad-fageenyaan xiinxaluu barbaadne,’’ jedhan.
Gabaasni kuni maatii qorannoo kanaan ilaalu akka ‘sanduuqa gurraachaatti’ ibsa.
Sababiinsaas jedhu Pirof Swaminathan, ‘’haala keessoo maatii hin ilaallu garuu otoo ilaallee haalichi akkamiin jijjiiramuu danda’a inni jedhu dhimma biraati.’’
Akka waliigalaatti humna hojjetaa Indiyaa keessatti wal-qixxummaan koorniyaa akka hin jirre beekamaadha - lakkoofsi dubartootaa xiqqoo yoo tahu, isaaniis hojii yeroo guutuu hin qaban.
Qorattoonni kunneen haala waliigalaa addunyaa ilaaluu barbaadan. ‘’Fakkeenyaaf biyyoota kaaba-lixa Awurooppaa akka mallattoo wal-qixxummaa koorniyaatti ilaalaman keessa haalli galii maatiifi hojii, qixxee kan qoodamedhaa?’’ kan jedhus xiinxalan.
Haaluma kanaan wal-qixxummaa galii maatiifi waliigalaaf sadarkaa kennan.
‘’Odeeffannoon dhiyoo kanaa akka agarsiisutti haati warraa fi abbaan warraa qacaramanii kan hojjetan yoo tahe, biyyoota guddataniifi sooreeyyi keessattillee otoo hin hafiin biyyi haati warraa qixxee abbaa warraashee galii itti argattu hin jiru,’’ jedhan Piroof, Malghan.
‘’Biyyoota guddataniifi wal-qixxummaa koorniyaa olaanaa qaban keessatti qoodni galii dubartootaa harka 50 gadi tahuu hubanneerra,’’ jedhu.
Sababiin dubartoonni galii xiqqaa akka qabaatan godhe keessaa tokko, akka aadaatti dhiiroti madda galii maatii fi dubartoonni kunuunsitoota ijoolleetti waan ilaalamaniifi.
Dubartoonni baayyeen daa’ima erga godhataniin booda boqonnaa kaffaltii qabus tahe hin qabne bahu.
Hojii wal-fakkaataadhaaf dubartiifi dhiiraaf qixxee kaffaluu dhiisuunis dhugaa biyyoota addunyaa baayyee keessa jiru dha.
Akka gabaasni Dhaabbata Hojjetaa Addunyaa bara 2018 himutti dubartoonni hojii mana keessaa kaffaltii hin qabne harka 76.2 kan dalagan yoo tahu kunis kan dhiirotaan dachaa sadii caala. Biyyoota Eeshiyaa keessatti immoo harka 80tti ol siiqa.
Gabaasichi ‘’hojiin mana keessaa kaffaltii hin qabne gara hojii idilee kaffalatii qabutti akka hin galle dhimma isaan ittisaa jiru dha,’’ jedha.
Dubartiin maatii keessatti galii xiqqaa qabaachuun hariiroo koorniyaa irratti dhiibbaa gochuun dubartoota fayyadamoo tahuurraa isaan hanqisa.
‘’Hojiin dubartiin mana keessatti dalagdu kan ifatti mul’atu miti. Dubartiin galii qabdu garuu maatii sana keessatti sagalee akka qabaattu ishee godha,’’ jedhu Piroof Swaminathan.
‘’Hamma galiin ishee dabale, murtoo irratti sagalee akka qabaattu godhaan, hariiroo haleellaa qabu keessaas akka baatu ishee gargaara,’’ jedhan.
Garaagarummaan galii kuni qusannoo dubartootaallee ni miidha. Haala kanaan umrii sooruma bahanirratti galii gaarii akka hin qabaanne isaan godha qorannoon kuni.
Gabaasa kana keessatti baroota 1973-2016 keessa garaagarummaan galii haadha warraa fi abbaa warraa harka 20’n hir’ateera jedha.
‘’Biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti guddinni diinagdee yeroo dabalu hirmaannaan dubartootaa humna hojjetaa keessatti qabanis akkasuma dabalaa dhufe,’’ jedhan Piroof Swaminathan.
Hir’isaa dhufuun kun jiraatus, garaagarummaan amma jiru guddaadha, sichi hir’achuu qaba jedhan.
‘’Mootummaan waadaa seenu hojiitti hiikuu dhiisuun, dhaaboti dubartoota hojii mana keessaa hojjechuun adabamaa jirna hin qacaruu dhabuun danqaa dha,'' jedhan.
Kanaaf, hojii dubartootaa beekamtii argachaa jiraa ree? Imaamtni maatiifi daa’immaniif mijatoo tahan jiruu? Dhiirota hojii mana keessaa qoodatan guddisuu qabna.
‘’Waan hawaasniifi mootummaan hojjechuu qaban baayyeetu jira. Akkanatti itti fufuu hin qabu, ‘’ waan jedhu dhaamaniiru qorattoonni kunneen.