Obbolaan Koronaan gargar fageesse, ji'oota 18n duuba walargan

Maxxanfame

Dubartiin uggura imalaa sababa Kovidiin kaa'ameen maatiishee ji'oota 18f arguu hin dandeenyeefi yeroo jalqabaaf walitti makamte, gammachuu guddaa keessa jirti.

Dhalattuu UK magaalaa Hull kan taate Kaarlaa Daayisan, Awustiraaliyaa magaalaa Melborn ka jiraattu oggaa tahu, maatiishee yeroo dhumaatiif kan agarte Mudde 23, 2019 keessa ture. Innis guyyaa cidhashee ture.

Awustiraaliyaan Bitooteessa 2020 irraa kaasee to'annoo Covid jecha lammiileen ishee biyyaa akka hin baane danqaa keessee turte.

Amma erga heeyyamni imalaa kennameef booda, dhuma torbee dabre keessa obboleettii ishee arguuf gara UK imalte.

Dubartiin ganna 31 kun waan jette: ''Obboleettii koo Niikiitti gara keessan dhufaa jirra wayitan jedhuun, guyyaa guutuu boosse.

''As deebi'ee buufata xiyyaaraatti ishee arguun koo, jireenya kootti guyyoota na gammachiisan keessaa isa tokko. Guddoo dassaa ture.''

Obboleettiin ishee Niikiin gamasheetiin, ji'oota 18 dabran keessa ''ishee argachuuf waan danda'un mara nan godhan ture,'' jette.

''Akka [haaraa dhaladheetti natti dhagahame]. Kun tarii waan hedduu harbeesse fakkaachuu mala, miira jiru garuu haala kanaan ibsama,'' jette.

Bitooteessa 2020 irraa qabee, weeraricha qolachuuf Awustiraaliyaan to'annoo daangaa cimaa keesse. Kanaanis lammiileen biyyoota biraa hedduun biyyattii galuu kan dhorkaman wayita tahu, lakkoofsa namootaa biyyattii galan irrattis daangaan kaa'ame.

Kana malees uggurri sochii magaalotaafi bulchiinsotaa irrattis kaa'amaa ture.

Uggurri magaalaan Melbarn amma itti jirtu, dhuma ji'a kanaatti guyyoota 267 booda akka ka'u ni eegama. Kanaanis magaalaan kun magaalota addunyaarra jiran keessaa uggura sochii dheeraa jala kan turte ishee taasisa.

Ogeettii mekaappii ka taate Aadde Dyson uggurri cimaa akkanaa fayyaa sammuu namootaa irratti dhiibaa uumeera jetti.

''Yeroo hedduu waggaatti al-tokko maatii ilaaluuf garas imala. Danqamanii jiraachuufi filannoo socho'uu dhabuun hedduu cimaadha.

''Gama fayyaa sammuun daran na miidhe. Wayitan carraan imalaa jira jedhamu dhagahetti, amanuun dadhabeyyu.''