Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Indiyaan nama tokkoon tokkoo Covid-19n du’e maatiif beenyaa doolaara 674 kaffaluuf
Manni murtii olaanaa Indiyaa, murtee mootummaan nama koronaavayirasiin lubbuu dhabe tokkoof rupii 50,000 (doolaara 674) kaffaluuf murteesse raggaasise - kunis Birrii Itoophiyaa 31,000 ol jechuudha.
Murteen kun kan ragga'e seera tumtoonni labsiin kun seera ta'ee akka bahu gaafachuu isaanii hordofeeti.
Indiyaa keessatti hanga ammaatti namootni 447,000 ol dhibee Covid-19'n du’aniiru.
Ta’us garuu, ogeessotni akka jedhanitti lakkoofsi namoota weerara kanaan du’anii kan jedhamerra dachaa 10 ta’uu danda’a.
Lakkoofsi namoota amma du’aa jirani kan waggaa darbee caaluu danda’a jedhamee tilmaamama.
Wiixata Abbaan Alangaa MR Shah akka jedhanitti “maatiin nama dhibee kanaan du’ee,” iyyata galchatee yeroo ji’a tokko ta’u keessatti beenyaan kun ni kaffalamaafi.
Kaffaltiin kunis “kaffaltii wiirtulee fi mootummaan sababoota adda addaaf kaffalu irra caala,” jedhan.
Manni murtii dabalataan akka jedhetti maatiin iyyata erga galchatanii guyyoota 30 keessatti beenyaan kun kaffalamuu qaba.
Waxabajjii keessa ture, maatilee namoota Covid-19 du’aniif beenyaan akka kaffalamu iyyattoonni mana murtii kan gaafatan.
Erga Covid-19 Seera to’annoo Balaa Biyyaalessaa jalatti akka balaa “addaatti” galmaa’ee, beenyaan miidhamtootaaf kaffalamuu qaba jedhan.
Seerri bara 2005 kun balaan adda addaa akka sirnaan to’atamuuf kan qophaa’eedha, to’annoo kanaan hojjiiwwan akka qophii ittisaa, deebisanii ijaaruufi kanneen du’an, madaa’aanii fi qabeenya isaanii dhabaniif beenyaa kaffaluu ni hojjatama.
Maatii namoota balaan du’aniif gargaarsi ruupii 400,000 kaffalamuu akka qabu seerri kun ni kaa’a.
“Mootummaan weerara kana to’achuuf maallaqa hedduu akka baase beekna. Garuu mootummaan akka seera kanaatti maatileef beenya ruuppii 400,000 kaffaluu qaba.
Ykn maallaqa harka caalaa namoota harka qalleeyyiif maallaqaa xiqqaa ammoo kanneen foyya’oof kennuu qaba. Fooyyeessu danda’u,” jechuun kanneen iyyata galchan keessaa tokko Gaarav Kumaar Baansal BBCtti himaniiru.
Akka mootummaan federaalaa jedhutti, beenyaan kun kan kaffalamu akka seeraatti “maatilee namoota koronaavayirasiin du’aniifidha, kanas ammoo ragaan du’a isaani Covid-19 akka du’an mirkaneessuu qabu.” Fandii beenyaa kanaa mootummaa bulchiinsotaan kan dhiyaatu ta’a.
Yoo xiqqaate bulchiinsoti lama -Keraalaa fi Rajastaan- kaffaltiin beenyaa kun dinaagdee isaani irratti dhiibbaa waan uumuuf, mootummaan federaalaa fandii isaa kennuu qaba jedhaniiru.
“Balaa akka buubbee, lolaa fi biroof fandii ni kennitu, kanaaf Covid-19’fis fandii kennuu qabdu. Bulchiinsa kana miti kan weerara kanaan miidhame,” jechuun ministeerri Rajastaan Goovind Siing Dotasaraa, gaazeexaa The Indian Express’tti himaniiru.
Hanga ammaatti mootummaan beenyaa kanaaf maallaqa hagamii akka baasu ifa miti.
Hagayya keessa Abbaan Taayitaa To’annoo Balaa Biyyaalessaa (NDMA) – kan ministira muummeen dursamu – weerarri kun ammayyuu waan hin dhaabbanneef, beenyaaf hagam akka ol kaa’amuu qabu hin beekamu jechuun bulchiinsota naannoof barreessanii turani.
Dabalataanis, “lakkoofsi namoota du’anii dabalaa deemuu danda’a yaada jedhuun maallaqni walitti qabamu namoota hedduu gargaaruu akka danda’utti yaadamuu qaba jedhaniiru.
Bulchooti tokko tokko kan akka Karnataka maatilee harka qalleeyyii kan namootni Covid-19 jalaa du’aniif beenyaa guddaa ruuppii 100,000 akka kaffalamuuf ammumaan murteessaniiru. Hanga ammaatti beenyaan maatilee 16f kaffalamuu isaas gabaafameera.