Waraana Tigraay: Tigraayitti qaala’insi meeshaalee bu’uuraa haalaan hammaate

Tigiraayitti qala'iinsa gatii meeshaalee bu'uuraa hammaate

Madda suuraa, UNFPA/SUFIAN ABDUL-MOUTY

Ibsa waa'ee suuraa, Tigiraayitti qala'iinsa gatii meeshaalee bu'uuraa hammaate
Maxxanfame

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Waajjirri Deeggarsa Namoomaa Qindeessu OCHA’n walakkeessa Waxabajjiirraa kaasee Tigiraayiitti gatiin dhiyeessii meeshaalee bu’uuraa garmaalee qaala’uu ibse.

Waajjirichi akka beeksisetti, naannoo Tigiraayitti ‘’dawaafi meeshaleen wala’aansaa hanqachuun rakkisaa ta’e.’’

Kanatti dabaluun, hospitaala Haayideritti daa’ima tokko dabalatee, namoonni 18 Kaatitara heemodiyaalisiisii dhabuun du’uusaanii gabaasni OCHA ibse.

Gabaasni Waajirichaa akka agarsiisutti Shireetti gatiin boba’aa %2300 kan dabale yoo ta’u, Maqaleefi magaalota biroottis hanqinni meeshaalee bu’uura mudateera.

‘’Gatiin nyaataafi meeshaalee bu’uura jiraattoota qoraa jira.''

Namoonni hojii hin qabneefi humna hin qabne waa bitachuu dadhabaa jiru’’ jedhe dhaabbatichi.

Keessattuu ji’a Waxabajjiirraa kaasee miindaan hojjattootaafi namoota qacaramanii hojjatan biroo addaan cituusatiin meeshaalee bu’uuraa bitachuuf rakkisaadha.

Baankonni maallaqa gahaa dhabuufi dhaabbileen gargaarsa hojjattootaaf mindaa ji’aa akka hin kennine OCHA’n beeksisera.

‘’Maddeen amanamoon akka himanitti, namoonni qe’eesaniirra buqqa’an deeggarsi meeshaalee kannameef gurguranii nyaata bitachaa jiru’’ jedha.

Haaluma walfakkaatun naannolee Amaaraafi Affaar irraa namoonni buqqa’an rakkoof saaxilamaniiru jedha OCHA’n.

Naannoo Amaaraa Kaaba Gondar, Giddugaleessafi Kibba Gondar, Walloo Kibbaafi Godina Awwii keessaa namoonni buqqa’an kumaataman lakkaa’aman deeggarsa atattamaa barbaadu.

Hanqina boba’aa dhiyeessi deeggarsa namoomaa miidhe

OCHA’n gabaasa baasen haalli Kaaba Itoophiyaa jiru guyyaa gara guyyaatti ittuu hammaacha adeemu beeksise.

Fulbaana 29 irraa kaase hanga Onkolooleessa4 tti sassaabuun gabaasa Kamisa baasen haala naannichatti uumamu dursanii tilmaamuun rakkisaa ta’aa dhufe jedha.

Naannoo Tigiraayitti namoonni deeggarsa namoomaa barbaadan dabaluufi lolli naannolee Affaarifi Amaaraatti erga bal’atee lakkoofsi namoota deeggarsa barbaadanii dabaleera.

Naannoo Tigirayi keessa harka 75 deeggarsi namooma akka qaqqabu kaasun, daangaa Eertiraa, Dhihaafi Kaaba-Dhiha namoota jiraatan deeggarsi sababa nageenyi amansiisaan hin jirref hin qaqqabne jedhe OCHA’n.

Gama biraatiin hanqinni boba’aafi maallaqa naannichatti mul’atu deeggarsa namoomaa gufachisuun gabaasicharratti eerameera.

Karaa Affaar, Samaraa irraa gara Abelaa, achirraa daandiin gara Maqalee geessu qofti deeggarsaaf banaa ta’uun adeemsa gargaarsaa gufachiisu dhaabbatichi ibseera.

Naannoo Amaaraa fi Affaar iddoowwan lolli jiru ammas deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf rakkisaa ta’uu dhaabbatichi kan hime.

Fulbaana 29- Onkoloolessa 5tti karaa Affaariin konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an Tigraayi seenaniiru.

Adoolessan asitti konkolaattoonni fe’iisaa gurguddoo naannicha seenan 686 yoo ta’u, amma naannicha seenu qaban keessa %12 qofaadha.

OCHA’n konkolaattoota 80’n nyaata, bishaan, fi meeshalee qulqullina itti eegattamu naannicha geessu ibse.

‘’Taatullee meeshalee wal’aansaa fi boba’aa fudhachuun nuuf hin eeyyamne’’ jechuun gabaasa baase keessatti ibse.

Yeroo xumuraaf boba’aan Tigiraayitti kan ergame torban sagal dura ta’ufi ammatti konkolaattooni saddeet boba’aa fe’anii Samaraa jiran eeyyama mootummaa eegaa jiru jedhe.

Hanqinni boba’aa hojii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi dhaabbilee deeggarsaa kennan biroo akka hin gufachiifne yaaddoo qabachuu ibseera.

Dhaabbileen gargaarsaa akka jedhanitti, deeggarsa naannichatti barbaachisu dhiyeessuuf guyyaatti hanga konkolaattoota fe’iisaa 100 naannicha dhaqutu barbaachisa.

Dhimma kanaan walqabatuun Gamtaan Awurooppaa xiyyaarota deeggarsa namoomaa fe’an naannichatti erguu beeksiseera.

Guyyoota lama dura xiyyaarri Maqalee qaqqabe deeggarsa lubbu-baraarsaa toonii 10.6 geesse-Kana keessa soorata daa’immaniif kan oolu tooni 4.4 ta’a.

Deeggarsi kun UNICEF daa’imman haqinni soorataa mudateef torbanoota 6-8 ta’uutti deeggarsa dhiyeessuf fayyada.

Ji’oota sadiif namoota 280,000’f wal’aanuuf kan deeggarsa oolu Gamtaan Awurooppaa deeggarsa kenne kana keessaa jira.

’Haadholiin manatti da’ani du’aniiru’

Hospitaala Hayidaritti daa’ima tokko dabalatee, namoonni 18 heemodiyaalisiis Kaatitar dhabuun du’usaanii gabaasni OCHA kan ibsu.

Meeshaaleen wal’aansa fayyaa saffisaan yoo hin dhiyeeffamne, namoonni 34 kanneen biroos du’uu malu jedhe.

Hospitaalichatti maashiniin oksijiinii cabuufi maashinicha suphuuf meeshaleen jijjirraaf barbaachisan naannicha keessa akka hin jirre ibsame.

Akka gabaasichi jedhutti, Aana Saaliwaa jedhanutti dubartoonni shan manatti otoo da’anii lubbuun darbeera.

Hospitaalonni Hawuzeen, Aksum, Addegiraatifi magaalota naannichaa biroon hanqina soorataan rakkoo mudate yaalu hin dandeenye.

Deeggarsa namoomaa itti fufinsaan dhiyeesuuf torbanitti doolara Ameerikaa miliyoona 6.5tu barbaachisa.

Deeggarsa kana dhiyeessuun kan danda’amu tajaajilli baankii yoo haalan jiraate ykn mootummaa maallaqni gahaan akka daddabarfamu yoo eeyyamedha.

Adoolessaa 12 irraa kaase doolarri Ameerikaa miliyooni afur ykn birriin miliyoona 189,00tti dhiyaatu naannicha akka seenu eeyyamameera.

Mootummaan Itoophiyaa qajeelfama baasen dhaabbileen gargaarsaa lubbu- baraarsaaf doolara Ameerikaa 432,000 ykn birrii miliyoona lama ta’u qabatanii Tigiraayi qabatanii seenu danda’u.

Finfinneerra gara Maqaleetti torban tokko keessatti deeggarsa namoomaaf xiyyaaronni lama geessuuf kan balali’an yoo ta’u,Adooleessaan asiti si’a 19 garasitti balaliin gaggeeffame.