Haadhooliin seeraa Afgaan yakkamtootarratti murtii dabarsan adamsamaa jiru

Maxxanfame

Haadhooliin seeraa Afgaan kanaan dura kan seeraa eegsisaniifi biyyattii keessatti namoota sagalee hin qabneef haqa barbaadaa turan ammaa yaaddoo qabaachu dubbatan.

Haadhooliin seeraa Afgaan 220 ol ta'an kun amma bulchiinsa Taalibaan jalatti haaloo nurratti ba’ama soda jedhuun dhokachaa jiru.

Haaluma kanaanis haadhooliin seeraa duuranii ja’as Afgaanistan keessatti bakka dhokatan irraa BBC waliin turtii taasisaniiru. Nageenya isaaniif jecha maqaan hunda isaanii geeddarameera.

Haadha seeraa taatee yommuu hojjachaa turtetti Masoomaan, gudeeddii, ajjeechaafi darara dabalatee namoota dubartoota irratti miidhaa gaggeessan hedduu irratti murteessiteetti.

Ta’us garuu Taalibaan aangoo qabatee guyyaa muraasa booda, yakkamtoota kumaatamaan lakkaa’aman hidhaa irraa gadhiisee. Yeroodhuma kana egaa dorsisi isaan irra gahuu kan eegale.

Ergaan bilbilaa, ergaan sagalee fi lakkoosa hin beekne irraa bilbilli bilbilamuuf baayyachaa dhufe.

“Halkan walakkaa ture yommuu Taaliban yakkamtoota hunda mana hidhaatii akka gadhiise kan dhageenye,” jetti Masoomaan.

“Yerooma sana baqanne. Mana keenyaafi wanta handa duubatti dhiisnee baqanne.”

Waggoota 20 darban keessatti, dubartoonni 270 haadha murtii ta’uun manneen murti Afgaanistaan keessa tajaajilaniiru. Biyyattii keessatti dubartoota ciccimoofi kabajamoo waan ta’aniif, akka fakkeenya hawaasaatti beekkamtii qabu.

“Yeroon konkolaataan magaalaa keessa ba’u, akka eenyuyyu adda na hin baasneef, burqaan uffadhee ture. Carroomnee, keellaa Taalibaan hunda bira darbuu dandeenyeerra.”

Erga isheen deemte yeroo muraasa booda ollaan ishee, miseensonni Taaliban baayyatanii mana ishee durii akka dhufan, ergaa barreefamaan itti himte.

Namooti kun maal akka fakkaatan yommuu itti himamu, Masoomaan eenyu akka ishee barbaadaa jiru takkaatti akka barte himti.

Ji’oota muraasa dura, osoo Taalibaan aangoo hin qabatiin, Masoomaan dhaddacha miseensa Taaliban haadha warraa isaa hammeenyaan ajjeesuun himatame hoogganaa turte.

Namni kun yakkamaa ta’uun isaa yeroo mirkanaa’e, Masoomaan hidhaa wagga 20 irratti murte.

“Ammayyu suuraan shamarree sanaa sammuukoo keessa jira. Yakka hamaa ture,” jetti Masooman.

“Erga dhaddachi xumuramee, yakkamaan kun garakootti siqee ‘yeroon mana hidhaatii ba’u, wantan haadha manaakoorratti raawwadhe sirrattin raawwadha,’ naan jedhe.

“Yeroo sanatti homaa dhimma itti hin kennine. Erga Taaliban aangoo qabatee garuu, yeroo hedduu natti bilbilee odeeffannookee hunda wajjira mana murti irraa fudhadheera naan jedhe.”

“Sin argadha, haaloo koos sirrattan ba’a naan jedhe.”

Yoo xiqqaate haadholiin seeraa 220 ta’an Afgaanistaan keessatti dhokatanii akka jiran, qorannoon BBC argateera.

Bulchiinsa adda addaa keessatti haadholii seeraa ja’a yommuu BBC’n haasofsiise, torbanoota shanan darban keessatti wanta keessa darban yommu dubbatan kan hunda isaanii wal fakkaata.

Hundi isaanii miseensota Taalibaan kan isaan hiidha irratti muran irraa dorsisis 'sin ajjeesna' jedhu qaqqabeera. Hadhooliin seeraa afur, namoota hadhoolii warraa isaanii ajjeesuun irratti murtaa’e akka ta’an adda baasaniiru.

Hundi isaanii sababa dorsisa isin ajjeesna jedhuun yoo xiqqaate si’a tokko bilbila isaanii geeddaraniiru.

Hundi isaanii guyyaa muraasa keessatti iddoo jijjiirrachaa amma dhokatanii jiraatu.

Dabalataanis, manni isaanii duraanii miseensota Taalibaanin akka daawwatames hundi isaanii ni himu. Bakka isaan jiran akka itti himaniif, olloonniifi hiriyyootisaani akka qorataman himu.

Himata kanaaf deebii yommuu kennan, dubbii himaan Taalibaan Bilaal Kariimii ,”Hadhooliin seeraa akkuma maatii kaanii sodaa malee jiraachuu qabu. Eenyuyyuu isaan dorsiisuu hin qabu,” jechuun BBCtti himaniiru.

Gareen addaa waraana keenyaa, himannaa akkanaa qorachuun, seerri cabeeru yoo jiraate tarkaanfii fudhachuuf itti gaafatamummaa qaba.”

Dabaluunis, dhimma hojjattoota mootummaa duranii hundaaf ‘dhiifama goochuu’ irratti waadaa Taaliban seeneeru irra deebi’uun “sagantaan dhiifama goochuu keenya dhugaadha.

Ta’us garuu, namootni tokko tokko biyya gadhiisuuf eeyyama barbaadu; nuti kanarra of qusatanii biyya isaanii keessa akka turanidha,” jedhan.

Yeroo hidhamtoota jumlaan gadhiisanitti, yakkamtoonni Taalibaan waliin hidhata hin qabnes gadhiifamaniiru.

Dhimma nageenya hadhoolii murtii kana irratti Kariim, “dhimma yakkamtoota daddabarsa qoricha sammuu hadoochanii, miseensota garee yakkamtootaa, ammoo kayyoon keenya isaan barbadeessuudha. Tarkaanfi nuti isaan irratti fudhannu cimaa ta’a,” jedhan.

Akka dubartoota barnoota olaanoo bartanitti, hadholiin murti kunneen, maatii isaaniif madda galii isa ijoo turan. Amma garuu miindaan isaanii addan citee, herregni baankii isaanis to’atameera. Kanaaf, jireenya isaanii firoottan irrra gargaarsa argataniin jirachuuf dirqamaniiru.

Waggoota soddoma oliif Haati Murtii Sanaa himannaa yakkoota dubartootaafi daa’immanirra ga’u irratti hojjachaa turte.

Hojiin ishee harka caalaatti miseensota Taalibaan fi hidhattoota ISIS irratti murtoo dabarsuu of keessaa qaba ture.

“Yakkamtoota amma hidhaa irraa gadhiifaman irraa bilbilaan dorsisi 20 ol na qaqqabeera.”

Amma miseensota maatii ishee kudhanii ol waliin dhokkattee jirti.

Yeroo tokko qofadha miseensi maatii ishee dhiirri tokko mana isaanii duraanii kan deeme. Garuu akkuma inni achi ga’ee uffata sassaabuu eegaletti, Taalibaan namoota meeshaa hidhataniifi kommandara tokko waliin ta’uun manicha dhufan.

“Balbalan baneefi. Kun mana haadha murtiidha jedhanii na gaafatan,” jedha. “Eessa akka isheen jirtu hin beeku yeroon jedhu, lafatti na darbatanii, inni tokko duddubee qawweetiin na rukute. Afaaniifi funyaankoo dhiiga qofa ta’ee ture.

Erga hidhattoonni kun deemanii booda firri Sanaa mana yaalaa deeme.

“Firakoo biraatiin mana obboleettiin koo jirtu geeddaruu qabnan jedhan. Amma karaa itti baanu hin qabnu. Gara biyya biraatti, Paakistaanittiyyu

Mirga dubartootaaf falmuu

Waggoota hedduuf, Afgaanistaan biyyoota mirga dubartootaa eegsisuuf cimoo ta’uun beekaman keessa tokko turte.

Akka Human Rights Watch jedhutti, jireenya isaanii keessatti shamarraniifi dubartoonni %87 ta’an haleellaan irra ni ga’a.

Hawaasi haadholii seeraa kun garuu, seera biyyattii duraanii kan dubartoota deeggaru eegsisuun, haleellaan dubartootaafi daa’imman irratti gaggeeffamu yakka seeraan nama adabsiisu akka ta’u gochisiisanii turani.

Kunis namoota yakka gudeeddii, darara, humnaan gaa’eela dhaabuu, akkasumas dubartootni qabeenya akka hin qabaannee, barnoota ykn hojii akka hin hojjanne gochuu irratti hirmaatan akka yakkan himataman godha.

Utuu Taaliban aangoo hin qabataniittu dubartoonni kun ja’an sababa hojii isaaniin haleellaa fi qoccollaan adda addaa akka irra ga’e himu.

“Biyyakoo tajaajiluu waanan barbeaadefani haadha murti ta’e ,” jetti Asmaan.

“Mana murti dhimma maatii keessatti, yeroo hedduu himannaa dubartoota miseensota Taaliban irraa gargar ba’uu ykn ga’eela hikkachuu barbaadan irrattin hojjadha ture.”

“Kun dorsisa hedduu nurratti uumeera. Yeroo tokko Taalibaan rokkeetti gara mana murtiitti dhukaaseera.”

Bulchiinsi haaraa Afgaanistaan kun akkamiin mirga dubartootaa irratti hojjata kan jedhu ammayyu ifa miti. Wanta hanga ammaatti argamu irraa ka’uun garuu gaarii miti.

Kaabineen mootummaa dhiirota qofaa ta’aniifi dhimma dubartootaa irratti homaa hojii hin uumne, ministeerri barnootaa ammoo barsiisotniifi barattoonni dhiiraa gara mana barnootootaatti akka deebi’aniif ajajeera. Barsiistoonni dubartoota ta’anii fi barattoonni dubaraa garuu keessa hin jirani.

Gama Taalibaaniin, dubbi himaan Kariimi eegereen haadholii seeraa maal fakkaata kan jedhu irratti ammatti yaada keennuu hin danda’u jechuun, “dhimmi hojii fi carraa dubartootaa ammayyu mari’atamaa jira,” jedhaniiru.

Haadhi seeraa Masooma “takka takka balleessaan keenya maali jedheen yaada. Barnoota barachuu? Dubartoota gargaaruuf yaaluu fi yakkamtoota adabuudhaa?

“Biyyakoo nan jaalladha. Amma garuu hidhamtuu ta’eera. Maallaqa hin qabnu. Manaa ba’uu hin dandeenyu.

“Guyyaan itti deebinee bilisa taanu ni dhufa jedheeman kadhachaa jira.”