Afgaanistaan: Jiruu dubartoota ulfaa, deessuu fi daa'immanii bulchiinsa Taalibaan jalatti

Maxxanfame

Raabiyaan hospitaala dhiha Afgaanistaan bulchiinsa Nangarhar keessa jirutti daa'imashee deesse hammatteetti. ''Kun daa'ima kiyya sadaffaadha, garuu muuxannoon koo alanaa kan duraarraa adda. Baayyee nama rifachiisa,'' jette.

Bakki Raabiyaan itti deesse kun torban tokko keessatti qullaatti hafe - dawaa, soorataa fi kunuunsa biroo tokkollee hin arganne.

Hospitaala keessaa ibsaan badeera, jenereetara fayyadamuuf ammoo boba'aan hin jiru.

''Ho'i hospitaala kana keessatti dabaluusaatiin dafqi akka waan qaama dhiqataa jirruutti nurraa yaa'a,'' jette narsiin Raabiyaa deessiste Abidan.

Abidan boqonnaa malee akka hojjettuu fi dukkana keessa ifaa mobaayiliishee fayyadamuun Raabiyaa akka deessiste himte.

"Hojii koo keessatti yeroo hamaa akkasii argee hin beeku. Baayyee nama dhukkuba. Erga Taalibaan dhufee kun waan guyyaa fi halkan yeroo mara nu mudataa jirudha,'' jette.

Raabiyaan ofkaltee daa'imashee da'uun, haala qabatamaa amma Afgaanistaan keessa jiruun carra-qabeettiidha.

Afgaanistaan addunyaarratti biyya du'i daa'immanii fi haadholii akka malee keessatti hammaatuudha.

Biyyattii keessatti deessuu 10,000 keessaa 638 akka du'an Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) ibse.

Rakkoon kun duraan baayyee hammaataa turus, erga US bara 2001 biyyattii weerartee fooyya'iinsi hanga tokko mul'atee ture.

Daarektarri dhimma baay'ina uummataa UN Natalia Kanem, ''yeroo ammaa haalli jiru baayyee ulfaataadha, rakkoon ulfaataan akka jirutu natti mul'ata,'' jedhu.

Akka dhaabbata kanaatti dubartootaa fi shamarraniif kunuunsi godhamuu hin eegalu taanaan, lakkoofsi dubartoota da'umsarratti du'anii kan ammaarratti 51,000 dabalamuu danda'a, ulfi karooraan alaa miiliyoona 4.8 mudachuu mala.

"Tajaajilli fayyaa Afgaanistaan keessatti daddaaqameera. Du'i daa'immanii fi haadholii akkaan dabalaa deema,'' jedha hoogganaan biiroo fayyaa hawaasaa Dr Wahid Majrooh.

Biyyi Afgaanistaan akkuma lammiileen biyyoota lixaa ba'aniin addunyaarraa citte.

Ergasii biyyoonni alaa damee fayyaa biyyattii gargaaran biyyattiirraa fuula garagalfatan.

Yeroo hedduuf dhimma Afgaainstaan keessa harka galfattee kan turte US, akkasumas Dhaabbati Fayyaa Addunyaas rakkoo nageenyaa Taalibaan uumu irraa kan ka'e tajaajila fayyaa biyyattiif gumaachuu akka hin dandeenye ibsan.

"Yeroo gara yerootti haala jiru fooyyessuuf yaalla. Garuu kana gochuuf ammoo maallaqatu barbaachisa. Osooma haalli hammaataan kun torbanoota muraasa hin mudatin durayyuu haalli ture rakkisaadha. Sa'aatii lama keessatti dubartiin deessuun tokko hospitaalatti duuti. Ammammoo ittuu hammaate,'' jedhe Dr Kanem.

Jaarmiyaan dhimma tumsa uummataa, UNFPA qofaasaatti dubartootaa fi shamarran tajaajiluuf doolaara miliyoona 29.2 na barbaachisa jedha.

UN gamasaatiin walumaagalatti rakkoo dubartoonni fi shamarran Afgaanistaan keessa jiran hiikuuf maallaqa doolaara miiliyoona 606 tu barbaachisa jedhe.

Taalibaan mirga dubartootaa kallattii garaagaraan daangessuunsaa ammoo damee fayyaa duraanuu gaaga'amee jiru ittuu balleessaa jira.

Ammammoo rakkoo hamaataa ta'ee kan as ba'e isa Taalibaan dubartoonni qofti hospitaala fi buufataalee fayyaa seenanii hojjechuu akka danda'an labsedha.

Dubartoota deessuus haa ta'u kaan kan tajaajilan hojjettoota fayyaa dubartoota ta'an qofa ta'uu gareen kun labseera.

Narsii deessistuun tokko maqaa fi eenyummaashee dhokfachuun yaada BBC'f kenniteen, doktarri dhiiraa tokko osoo kutaa dubartiin itti wal'aanamtu seenee hojiisaa hojjetaa jiruu gareen Taalibaaniin akka malee reebamuu himte.

Dubartoonni dhiiraan dabaalaman malee manaa ba'anii alatti akka hin mul'annes Taalibaan labseera.

"Abbaan manaakoo hiyyeessa. Guyyuu hojjetee daa'imman keenya soora. Akkamiin hojii dhiisee anaan hospitaalatti deddeebisa?'' jechuun yaaddoo qabdu himti dubartiin ulfa ji'a shanii Zarmina jedhamtu.

Abidan dhimma kanarratti wayita yaada kennitu, dubartoonni akka Zarmina yoo hospitaala deemanii ilaalamuun dirqama itti ta'ellee abbaan warraasaanii hin jiru taanaan deemuu hin danda'an jette.

Akka ragaa WHO'tti reeshiyoon lammiilee Afgaanistaan fi ogeeyyii fayyaa gidduu jiru, namoota 10,000'f doktaroota, narsootaa fi deessitoota 4.6.

Lakkoofsi yeroo ammaa kanarra hir'ataa jira, sababni isaa ammoo ogeeyyiin fayyaa hedduun biyyaa waan baqataniif.