Ingilaanditti namoonni bishikileettii oofan kaartaa appii gubbaa 'anaa dhufu baqattoota' jedhanii barreessan

Maxxanfame

Ati tarii waraqaafi qalama fayyadamtee, yookis kompitaraan waa barreessitee ergaa dabarsita. Saayikilistoonni lama garuu kibba Ingilaanditti appii GPS irratti bishikileettii oofuun ''baqattoonni anaa dhufu'' jedhanii barreessuun dinqisifatamaa jiru.

Akkamiin kan tolchan jettee gaafatta taanaan - applilikeeshinii gama saatalaayitaan nama hordofu qarqaaramuun, waan barreessuu barbaadan sana lafumarratti imalaa qubeessan jechuudha.

Gaheessi ganna 39 Barnimaz irraa tahe Deevid Chaarlas fi kan ganna 26 Gilaasgow irraa tahe Joorjii Kotil, imala isaanii km 2,400 haguuge kanaan, dhaabbata tola oolaa tokkoof paawundii 55,000 ol sassaabaniiru.

Imalli isaanii kun kan jalaqabe Hagayya 17 irra bakka St Austell, Cornwall oggaa tahu, Fulbaana 18 ammoo Dover beach, Kentitti obbaasaniiru.

Jarri lamaan kun fakkii GPS isa guddaa garee bishikileettiin kaafame kan jedhuun galmee Guinness World Record irratti galmaa'uuf kana tolchan.

Yaaliin isaanii kun mirkanofnaan, rekordii amma galmaa'e jiru dachaa sadiin kan caalu taha. Rekordiin amma galmaa'e jiru Masriitti kan raawwate oggaa tahu, km761 fagaata.

Aabba Chaarlas akka jedhutti imala kan raawwatan dhimma baqattootaa irratti hubannoo uumuufi. ''Danqaa nam-tolchee baqattoonni akka jireenyasaanii itti hin fufne dhorkuuf jecha kaa'amerratti hubannoo uumuufi.''

Namoonni lamaan miseensa hawaasa saayikilistootaa 'Thighs of Steel' jedhamuu ennaa tahan, dhaabbata tol oolaa baqattootarratti hojjetu Choose Love jedhamuuf maallaqicha sassaaban.

Aabba Chaarlas qubee ''e'' ishee dhumaa midhaassuuf salphaa akka hin turre kaasuun, ''sodaan'' akka isaanitti dhagahamee ture hima. Rekordii cabsuufi imala dheeraa tahuusaan walqabatee haalaan akka isaan rakkise dubbateera.

Dabaluunis: ''Hamileen garee saayikilistootaa 30 tahanii imala fageenya dheeraa fi ho'a cimaa keessatti akka itti fufnuuf galaa nuu taheera,'' jedha.

Milkaa'ina imala kanaatiif ''namoonni dhibbaan lakka'aman waa xixiqqaa gumaachuu isaaniitiin,'' akka tahe hima.

''Fakkeenyaaf abbaan suuqii Kibba Bireent nyaata bilisaan nuu kennuu, kanneen Ditchling Beacon irra lafoon imalaa turan saantima qaban hunda nu kennuu...''

''Hojiileen ija jabinaa xixiqqoon akkasii, ida'amanii waan addaa uumu... kan irraanfatamu miti.''

Dubbi-himaan Guinness waan BBCtti himan: ''Ragaa nuu ergan simachuun, mirkaneessuuf irratti hojjechuuf qophiidha.''