Yaman bakka Doonaald Tiraamp fi mootiin Sa'uudii hin jirretti du'a itti murteessite

Hidhattoota Huutii

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Manni murtii hidhattoota Huutii Yaman Pireezidantiin duraanii US Doonaald Tiraamp fi Ilma mootii Sa'uudii Arabiyaa Mohammad bin Salmaan irratti bakkasaan hin argaminitti adabbii du'aa itti murteesse.

Manni murtii namoota galmee Tiraamp jala himataman sagal addabaabayiitti baasuun du'aan adabeera.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii, Ameerikaa, UK fi Gamtaan Awurooppaa ajjeechaa jumlaa addabaabaayiitti raawwatame kana cimsanii balaaleffatan.

Kanneen du'aan adabaman sagal keessaa namni yeroo qabamu daa'ima ture keessatti argama.

Lammiileen Yaman addabaabayii magaalaa Sana'aa keessatti duubaan itti dhukaafamee akka ajjeefaman ta'e kunneen bara 2018 du'aan akka adabaman irratti murtaa'e.

Namoonni kunneen humni qindaa'aan Sa'uudiin durfamu haleellaa qilleensarraan gaggeessuun qondaala Huutii tokko akka ajjeesu odeeffannoo dabarsanii kennan jedhamuun ture kan qabaman.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii murteen kun ulaagaa seera idil-addunyaa kan hin guunne yoo jedhu, Ameerikaan ammoo gochi kun qaanessaadha jette.

Yaman erga bara 2015 as hookkaraa fi goolama siyaasaa hamaa keessa jirti.

Walitti bu'iinsi kan eegalame wayita hidhattoonni Huutii lafa hedduu babal'ifachuu eegalanitti ture.

Kana booda humni mootummaa Sa'uudiin durfamu qindaa'uun haleellaa eegale.

Qindoominni waraanaa kun pireezidantii biyyattii kan turan Abdurabuh Mansuur Haadii aangootti deebisuuf waan hedduu yaalan.

Haleellaan garee mootummaa Sa'uudiin hoogganamuun erga eegalamee lammiileen 130,000 caalan ajjeefamuutu himama.

Lammiileen miiliyoona shan caalan ammoo beela hamaaf saaxilamanii jiru.

Namoonni sagal addabaabayii magaalaa Sana'aatti ajjeefaman kunneen viidiyoonsaanii miidiyaa hawaasummaarra bal'inaan qoodamaa tureera.

Namoonni kunneen odeeffannoowwan barbaachisoo loosanii baasanii diinaaf kennuun qondaala olaanaa Huutii kan turan Saaliih al-Samad fi qondaaltota biroo ja'a ajjeesisaniiru jedhamuun himatamanii turan.

Pireezidantiin duraanii US Doonaald Tiraamp fi Ilmi mootii Sa'uudii Mohammad bin Salmaan bakka isaan hin jirretti adabbiin du'aa itti murtaa'e.

Hoogganaan olaanaa UN Antooniyoo Guteerez murtee kana balaaleffataniiru.