Shamarree kororimaa, abasuudaa fi mi'eessituuwwan biroo zayita dibataatti jijjiirte

Madda suuraa, Feevan Tsahaayyee
Feevan Tsahaayyee mi'eessituuwwan akka oogiyoo/kororimaa, kosorota, abasuuda gurraachaa fi arrittii irraa zayita dibataa fi nyaataa oomishti.
Yuunivarsiitiitti 'International Development' barachuu kan himtu Feevan, abbootii qabeenyaa qonna irratti hojjechuu barbaadan waliin hojjechuu himti.
Kunis qonnaan bultootaa fi qonna waliin caalaatti akka wal barattu hiree baneef.
Finfinneetti dhalattee kan guddatte Feevan, barnoota sadarkaa lammataa erga xumurtee booda Ameerikaa fi Chaayinaatti barattee bara 2015 gara biyyaa deebite.
Wayita qonna irratti abbootii qabeenyaa waliin hojjechaa turte, qonnaan bultoonni omisha dheedhii qofa gurguruun jireenya isaanii itti fufiinsaan fooyyessuu akka hin dandeenye hubachuu himti.
"Waan uumamaan argannee xiqqoo fooyyessinee, jijjiirree ykn waa itti daballee gabaaf dhiyeessuun carraa hojii fi guddinaaf karra akka banun hubadhe."
Kanarraa ka'uun Feevan 'Caakkaa Oriijins' hundeessite.
Ka'uumsa 'Caakkaa Oriijins'
Mi'eessituuwwan Itoophiyaa keessati baramanii fi biqiltoota urgaa gaarii qaban cuunfuun zayita dibannaa fi nyaataafis oolu omishuun dura, qabiyyee keemikaalaa isaanii qorachuun barbaachisaa ture.
Biqiltoota barbaadan edda adda baafataniin booda kanneen kosmotiiksiif oolaniin eegaluuf murteessine jetti Feevan.

Madda suuraa, Feevan Tsahaayyee
Biqiltoota adda baafaman cuunfuun shittoo, kosmotiksiiwwan gara garaa, dibatawwan bareedinaa fi qorichoota omishuuf zayita urgaa gaarii qabu akka galteetti fayyadu oomishuun ni danda'ama.
"Dibataa fi saamunaa fuulaaf, rifeensaaf akkasumas qaamaaf ta'u omishuuf akka galteetti waan tajaajiluuf omishtootaa fi namoota hedduu bira gahuu dandeenya," jetti feevan.
Kanarraa kan hafe zayita kana dibannaaf qofa osoo hin taane, nyaataafis fayyadamuun akka danda'amu himti.
Miidhaa kamiyyuu akka hin qabaanne mirkaneeffanneeti kan omishnu jetti Feevan.
Namni bu'aa fayyaa zayitiin kun qaburraa fayyadamuu fedhu nyaata ykn shaayii fi dhugaatiiwwan birootti dabaluun fayyadamuu danda'a jetti.
"Dabalataan akka mi'eessituutti itti fayyadamuun ni danda'ama. Kanaaf ammoo omishawwan amma qabnutti dabalataan kan biroos omishuuf yaada qabna," jetti.

Madda suuraa, Feevan Tsahaayyee
Biqiloota Itoophiyaa qofa keessatti argaman iratti xiyeeffachuun akka hojjettu kan himtu Feevan, biqilootni kunneen akka hin badne, darbees addunyaatti akka beekamaniifi jetti.
Zayitiin dibataa biqiloota irraa tolfamu bareedinaafis ta'e fayyaaf faayidaa gaarii qabu, akkasumas miidhaa omishaaleen kaan fidan hambisuu danda'u jetti.
Kaayyoon 'Caakkaa Oriijins' inni ijoon namoonni kosmotiksiiwwan 'plant based' [biqiltoota irraa kan tolfaman] salphaatti argachuu akka danda'aniifi jetti.
Namoonni dibatawwan biyyoota biroo salphaatti argachuu waan danda'aniif, beekumsa jeebanaa biyya keessa dagataa jiru jetti.
Beekumsi kun bade akka hin hafne gochuun cinaatti, omishaalee uumamaa bareedina ittiin eeguf fayyadamuun faayidaa qabaachuu himti.
Dabalataan ammoo qonnaan bultoota walin hariiroo uumuun dhiyeessii adda hin citne akka argattu, qonnaan bultoonnis omishni isaanii gabaa akka qabu beekanii ofitti anamummaan akka omishan taasisaa jetti.
Qonnaan bultootaaf akkaataa xaa'oo uumamaa itti qopheessanii fi horsiisa biqiltootaa, osoo hin miidhamiin kutuu, bishaan obaasuu fi maloota omisha isanii ittiin fooyyessan hubannoo ni kenninaaf jetti Feevan.
Mala jireenyaa biqiltoota bu'uureffate
Namni tokko mala jireenyaa biqiltoota bu'uureffate hordofa kan jedhamu, nyaataafis ta'e dibataaf omishaalee biqiltootaa yoo fayyadamedha.
Itoophiyaatti namoonni hedduun wayita qufaan isaan qabu bargamoo ulatu kan jettu feevan, beekumsawwan akkanaa faayidaa diinagdee akka qabaatu gochuun akka danda'amu himti.
"Fakkeenyaaf Indiyaatti 'Ayurveedaa' seektara jedhamu qabu. Dibata Bareedinaaf, mi'eessituuwwan nyaataaf, shaayiif akkasumas wantoota biroof oolu biqiltoota uumamaa irraa omishuun, damee diinagdee biyyattiif gumaacha guddaa taasisudha."
Gara fuuladuraaf hojii ishee babal'isuun biqiltoota akka oogiyoo/kororimaa fi cilaattama fayyadamuun zayita naataa fi dhugaatiif akasumas dibataaf oolu tolchuuf yaada qabdi.
Biqilootni kunneen nyaataa fi dhugaatii mi'eessuurra darbee faayidaa fayyaa dhiitoo hir'isuu akkasumas qulqullina kalee fi tiruuf akka fayyadu himti Feevan.















