Keeniyaatti sababa beelaan ijoolleen baala hadhaa'aa nyaachuu eegalan

hongee Keeniyaa
Maxxanfame

Sababa gogiinsaan beela maatii hedduu miidhaa jiruun Keeniyaa bulchiinsa Kilifii keessatti namootni 20 ol hubamanii hospitaala kan seenan yoo ta’u, namni tokko ammo lubbuun darbeera.

Naannichatti namootni 250,000 ta’an haala hamaa keessa akka jiran anga’ooti naannicha ibsaniiru.

Margi waan jirreef loon hedduunis dhumaniiru.

Haatii ijoollee saddeetii, Kahundaa Shikarii Kombee, muka Mitunguruu jedhamu kan yeroo gogiinsaa kanatti biqilaa jiru irraa baala hadhaa’aa ta’e ciruun ijoolleshee akka nyaachisaa jirtu BBCtti himteetti.

“Baayyee hadhaa’a, garuu waan nyaannu homaa hin qabnu. Guyyaa lama utuu homaa hin nyaatin turuu dandeessa. Qaama keenya akka waa nyaatetti gowwoomsuuf jecha, baala kana nyaanna,” jetti.

Kahundaa Shikarii Kombee
Ibsa waa'ee suuraa, Haadha ijoollee ishee baala nyaachisaa jirtu Kahundaa Shikarii Kombee

Takka takka gargaarsaan daakuu boqolloo argattee nyaata ugaalii jedhamu akka hojjetattu himti.

Loon ishee jalaa dhumanii amma saawwa tokko qofa qabdi.

hongee Keeniyaa

Torban darbe ture Pireezdant Uhuruun gogiinsa akka balaa biyyaaleesssatti kan labsan.

Keeniyaa bulchiinsota 47 keessaa 13 keesatti namootni miliyoona lamaa ol gogiinsa kanaan miidhamaniiru.

Pireezdantichi ministeerri biyyaa keessaa maatilee miidhaman akka gargaaraniif ajajaniiru.