Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barattoota Naayijeeriyaa Awurooppaa keessa turuuf jecha digirii walitti guurratan
Barattuun Naayijeeriyaa Modupe Osunkoya, toora LinkedIn irratti yeroo 200 gararraa carraa hojii yaaltus garuu hin milkoofne. Barattuu taatee Beeljiyam keessa jiraachuuf eeyyamni isheen qabdu goolabamaa jiraachuu wayita hubattu achuma turtee digirii sadaffaa itti fufuu murteessite.
Eeyyamni ishee (student visa) ji'i sadi qofti kan hafe yoo ta'u, yeroo ammaa barattuun kun yookiin hojii argachuu yookiin ammoo biyyicha keessaa ba'uutu irraa eegama.
Filannoon isheen qabdu garuu tokko qofa - barnoota bara 2017 biyyaa baateef itti fufuun digirii sadaffaa itti fufuudha.
"PhD nan hojjedha jedhee hin yaadne, garuu yoon gara biyyaa deemes hojiin waan hin jirreef, fala biraa hin qabu,'' jetti dubartiin umrii waggaa 28 kun.
Naayijeeriyaa keessatti namoota sadi keessaa tokko hojii hin qaban, biyyattiin lakkoofsa hoji-dhabeeyyii isa olaanaa qabaachuun beekamti.
Kanarraa kan ka'e barattoonni biyyattii colleen biyyoota alaatti baratan biyyatti deebi'uurra achumatti hafuu filatu.
Bara darbe Aadde Osunkoya akkuma digirii lammaffaa (MA) ishee xumurteen Estonia keessatti digirii sadaffaa eegalte.
Beeljiyam keessatti hojii argachuu waan hin dandeenyeef, akkasumas Yuuniversitiin Beeljiyam eeyyama dheeressuufii waan dideef gara Estonia godaante.
"Barnoonni mala ittiin as jiraannuudha. Yoo waaqi jedhe eeyyama jireenyaa argachuun danda'a, maaliif hin ta'u?'' jette.
Barattuun kun digirii sadaffaa yuuniversitii teeknooloojii Taalin keessatti yoo ta'u, waggaa afur booda wayita qorannooshee xumurtu eeyyama jireenyaa dhaabbataa argachuu dandeessi.
Barattuu Osunkoya barattoota Naayijeeriyaa maatiinsaanii qabeenya guddaa qabaatanii biyya alaatti barsiisuu hin dandeenye keessaa tokko.
Akka jaarmiyaa barnoota biyya alaatti baratamu hordofuu, ICEF'tti, bara darbe qofa barattoonni Naayijeeriyaa 100,000 ta'an gara biyyoota alaatti barnootaaf imalaniiru.
Hedduunsaanii biyya deemanitti eeyyama argatanii dhaabbataan achi jiraachuu fedhu, kana milkeessuufis waan danda'an hunda godhu.
Barattuun Naayijeeriyaa kan biraan Beeljiyam jirtu Bonuola jedhamtu, ''barattoonni hedduun digirii lammaffaa (MA) osoo qabaatanii sadarkaa barnootaasaanii gadi buusanii gara biyya alaa deemuun baratu. Biyya sana keessatti seera qabeessummaan jiraachuuf waan raawwataniidha,'' jetti.
Naayijeeriyaatti barnoota Ikonoomiksiin digirii kan qabdu barattuun kun, wayita Beeljiyam seentu irra deebiin akka haaraatti business management'dhaan digirii baratte. Kunis yeroo turtii dabalataa argachuuf waan gooteedha.
Isa booda itti fufuun digirii lammaffaa barachuuf waggaa lama qabdi waan ta'eef.
Isheenis akkuma barattuu Osunkoya carraa visa dheereffachuuf jecha digirii sadaffaa itti fufuuf yaada qabdi.
"An nama Afriikaati, barnoota waa'een Afrikaa ilaalun Beeljiyam keessatti hordofaa jira. Kun na jibbisiisa,'' jetti barattuu kan biraan Ifeoma (maqaa dhugaa miti.)
Barattuun kun bara 2019 kan garas imalte yoo taatu, yeroo ammaa digirii lammaffaa lama barachuutti jirti.
''Xiyyeeffannaan ilaalaa hin jiru, yerooma gubuufani. Hangan waanan itti ba'u murteeffadhutti,'' jette.
Beeljiyam keessatti gatiin barnootaa inni xiqqaan waggaatti hanga yuuroo 1,000 yoo ta'u, biyyoota Awurooppaa waliin yoo walbira qabamu jireenyis hagas mara ulfaataa miti.
Kanaaf barattoonni Naayijeeriyaa hagas mara maallaqa hin qabne garas imaluu filatu, kanneen maallaqa qaban gara Kanaadaa, UK fi US imaluun achitti baratu.
Biyyoota kunneen sadan keessa barattoota Naayijeeriyaa 13,000 caalantu jiru.
''Baasiin jireenyaa ulfaataa miti. Yuuroo 300'n ji'a tokko jiraachuu dandeessa,'' jetti barattuu Osunkoya.
Akkuma warra kaanii isheenis kaffaltii barnootaa samisteera tokkoof ishee ga'u qabattee garas imalte, garuu eeyyama jireenyaa waan qabduuf torbanitti hanga sa'aatii 20 hojjechuun ji'atti hanga Yuuroo 1,000 argachuu himti.
Akkuma lammiilee alaa kaanii barattoonni Naayijeeriyaas gara UK wayita imalan, kan lammiilee biyyattii yookiin kan barattoota biyyoota Awurooppaa caalaa dachaa sadiin kaffalu.
Garuu lammileen Naayijeeriyaa warra adiin walqixa hojii hin argatan. Beeljiyam keessattillee waanuma akkasiitu mul'ata.