Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barataa Naayijeeriyaa reeffa hiriyyaasaa kutaa barnootaatti argee naasuudhaan fiige
Xalayaa barreessitoonni Afrikaa yeroo yerootti barreessaniin, gaazexeessituun Naayijeeriyaa Adoobii Tiriisiyaa Inwaabaanii waa'ee haala suukaneessaa 'reeffa abbaa hin qabne' gara yunivarsiitiiwwan fayyaa biyyattiitti ergamuu barreessiteetti.
Enya Egbe’n barataa fayyaa yoo tahu kutaa barnootaa anatomy (caasaa qaamaa) keessatti reeffa hiriyyaasaa arginaan jeeqamee boo’ee dhiisee deeme. Reeffa sanarratti ture barnoota gaafasii akka gaggeessu kan ramadame.
Namni ganna 26 kuni waggaa torba dura, gaafa Kamisaa waaree booda waan Yunivarsiitii Kaalaabaritti tahe sirriitti yaadata. Barattoota sadiitu reeffa minjaalarra ture irratti akka qoratan ramadaman.
Daqiiqaa muraasa booda, inni iyyee achii fiigaa baqatee deeme.
Reeffi barattoonni kunneen ittiin barachuuf turan kan hiriyyaasaa waggaa torbaa ol beeku Divine ture.
‘’Waliin lafa shubbisaa deemna ture,’’ jedhee natti hime. Qoma isaarra qaawwi qawween keessa bahe lama mul’ata ture jedhe.
Oyifo Ana barattoota waliin fiiganii bahan keessaati, yeroo alatti isa argattus boo’aa ture.
‘’Reeffi baayyeen mana barnootaatti fayyadamnu kan namoota qawweedhaan dhahamani dha. Namoota yakka qaban akka hin taane yeroon baremmoo baayyeen gadda,’’ jetti Anaan.
Kana malees, ganama tokko konkolaataa poolisii reeffa dhiigni irra yaa’u fe’ee koolleejii fayyaa bira yeroo dhaabbatu argeera jetti Anaan.
Egbe’n firoota hiriyyaasaaf ergaa dhaame. Maatiinsaa immoo yeroos ilma isaanii bade barbaacha buufata poolisii biraa iyyaafachuu deemaa turan.
Ilmi isaanii kuni halkan bashannanaa hiriyyootasaa biroo sadii waliin gaafa achii gaafa deebi’u ture humnoota nageenyaan kan qabame.
Dhumarratti maatiinsaa reeffa mucaa isaanii gaafachuun fudhataniiru.
Seenaan kun reeffi gahaan barnoota barattootaaf tahu jiraachuu dhiisuu fi namoota poolisiin takkaa qabeerra maaltu akka gahu kan ibsu dha.
Seerri kolonii UK jaarraa 16 fi 19ffaa, yakkamtoonni ajjeefaman reeffi isaanii manneetii barnootaa fayyaaf akka kennamu eeyyama - adabbii kaayyoo saayinsii fayyadu kenname.
Naayijeeriyaatti seerri ammaas, ‘’reeffii abbaa hin qabne’’ manneetii barnootaa fayyaaf akka kennamu eeyyama.
Mootummaan yakkamtooti seeraan ajjeefamanis, barnootaaf akka kennaman ni eeyyama, tahus kun yeroo dhumaaf kan raawwate bara 2007tti ture.
Reeffi yunivarsiitiiwwan fayyaa Naayijeeriyaatti faayidaarra oolan harki 90 kan ‘’yakkamtoota dhukaasaan ajjeefamani dha,’’ akka qorannoon bara 2011tti adeemsifame himutti
Kana jechuun shakkamtoota qaamota nageenyaan ajjeefaman tahuu agarsiisa. Namoonni ajjeefaman kunneenis umriin isaanii 20 hanga 40 gidduu kan jiru yoo tahu, afur keessaa sadeen isaanii immoo sadarkaa jireenyaa gad-aanaa qabu. Reeffi arjoomaan kenname tokkollee hin jiru.
‘’Waggaa 10 keessatti waanti geeddarame tokkollee hin jiru,’’ jedhu Yunivarsiitii Naayijeeriyaatti piroofeesara caasaa qaama namaa kan tahaniifi qorannoo kan irrattis kan hirmaatan Emeka Anyanwu,
‘Dabaree ambulaansii’
Bara darbe ajjeechaa poolisiin akka feete raawwatu qorachuuf mootummaan ogeessota seeraa qopheessaa ture.
Kanas yeroo mormiin #EndSars gareen poolisii farra saamichaa dargaggoo ajjeesnaan jalqabeef deebii kennuuf ture kan qopheesse.
Maatiin ogeessonni seeraa itti haasa’an firootisaanii qaamota nageenyaan qabaman achi buuteen isaanii akka hin beekamne himu.
Poolisoonni garuu warreen achi buuteen isaanii dhabame saamtota yeroo poolisii waliin walitti dhukaasan du’ani dha jedhu.
Haa tahu malee dubbii himaan poolisii Naayijeeriyaa Frank Mba poolisiin reeffa mootumman eegame yaalii barnootaaf kennuusaa quba hin qabu jedhu.
Mana murtii naannnoo Enugutti namni ganna 36 Cheta Nnamani reeffa namoota dararamanii humnoota nageenyaa waliin tahuun akka dhabamsiise bara 2009 yeroo gaaddisa seeraa jala ture dhaddachatti akka hime dubbata.
Innis, gaaf tokko reeffa namoota sadii konkolaataarra akka fe’u gaafatama, kunis afaan warra hidhaa raawwataniin ‘’hojii ambulaansii’’ jedhama.
Poolisiin konkolaataa keessatti isa hidhee gara Yunivarsiitii Naayijeeriyaa naannoo sana jiru deemuun reeffa akka buusaniifi warri kutaa reeffaa hospitaalichaa dhufanii akka fudhatan yaadata Nnamani.
Innis carraansaa kana akka tahuu malu akka itti himames, natti himeera.
Hospitaalli dhuunfaa Aladinma jedhamu kan kibba-baha biyyattiitti argamu reeffa yakkamtoota jedhamuun ajjeefaman poolisiin eeyummaa beeksisuu ykn firoota isaanii beeksisuu didnaan fudhachuu dhaabeera.
Kunis maatiin dhufee hanga reeffa gaafatutti eeguuf eegumsa reeffaa mootummaa baasiif saaxilee ture.
Dhumarratti garuu mootummaan awwaalchi namooti baayyee takkaatti awwaalaman akka eeyyamamu taasise.
‘’Yeroo tokko tokko poolisiin akka reeffa fudhannu nu gaafatu, nuti garuu akka gara hospitaala mootummaatti fudhatan itti himna,’’ jedha Ugonna Amamasi, hogganaan bakka turtii reeffaa mootummaa.
‘’Dhaabonni dhuunfaa reeffa eegumsaan tursan yunivarsiitiiwwan fayyaaf akka keennan hin eeyyamamuufi kanneen mootummaa garuu ni danda’u,’’ jedha.
Ogeessi seeraa gameessi Fred Onuobia, firooti reeffa maatii isaanii, sababii yakkaan ajjeefame fudhachuu danda’us jedha.
‘’Yeroo murtaa’e keessatti namni gaafatu yoo dhibe garuu, reeffi gara hospitaalaa barnootaaf akka tajaajilu ergama,‘’ jedha.
Namoonni seeraan ala yeroo ajjeefaman immoo dubbiin ittuu hammaataa taha, sababiinsaas maatii reeffa argachuun isaan rakkisa.
Akka carraa taheti maatii hiriyyaa Egbe ilma isaanii sirnaan kan awwaallachuu danda’an.
Waldaan hakiimota Caasaa qaama namaa Naayijeeriyaa, reeffi eeyyama maatiin, odeeffannoon barbaachisu galmaa’e qofa akka kennamuuf seera geeddarsiisuuf dhiibbaa taasisaa jiru.
Kunis namoonni reeffa qoraannoo saayinsii fayyaadhaaf akka arjooman ni jajjabeessa.
‘’Duulli hubannoo uumuu ni jiraata, ani reeffi arjoomaan yoo kenname, hawaasa bal’aafis gaarii taha,’’ jedha hogganaan waldichaa Olugbenga Ayannuga.
Egbe’n garuu erga reeffa hiriyyaasaa kutaa barnootaa yaaliitti argee, barnootasaa torbee baayyeef dhiisee ture, ergasii yeroo kuticha seenuuf jedhu hiriyyaansaa ka’ee balbalarra waan dhaabbatu itti fakkaata.
Haala kanaanis hiriyyootasaarraa waggaa tokko boodatti hafee eebbifame. Yeroo ammaa hospitaala naannoo Deeltaa jedhamu jiru keessaa hojjetaa jira.
Maatiin Divine qondaalota ajjeechaa ilma isaanii irratti harka qaban muraasa hojiirraa akka ari’aman godhaniiru. Kuni garuu haqa guutuu miti, reeffii ijoollee baayyee poolisiin itti dhukaasuun du’an yunivarsiitiiwwan fayyaaf keennamaniitu jiru.