Naayijeeriyaatti namtichi barattoota butaman baasuuf maallaqa geessuuf deeme, hidhattootaan butame

Maxxanfame

Naayijeeriyaatti namichi barattoota butaman gadhiisiisuuf jecha maallaqa baatee deeme hidhattootaan uggurame.

Maanguddoo kana jaarsummaa nuu dhaqi jedhanii kan ergan maatii barattoota ugguramaniiti. Maatiin kun Naayiraa (maallaqa Naayijeeriyaa) miiliyoona 30 yookaan doolaara 73,000 lafa dabalatee waan qaban gurguranii walitti buusanii ergan.

Maanguddoon kun ugguramuu isaaniitiin maatiin bitaa itti galee, lafti itti dukkanoofte.

Kaaba Naayijeeriyaatti yakkamtoonni maallaqa barbaacha barattoota butanii fudhachuun daran hammaachaa dhufeera.

Maallaqa jarri gaafatan baasuun yeroo hedduu waanuman jirudha - namni beessee baasuu deeme ugguramuun garuu waan hin baramnedha.

Jarri ugguran daarektara mana barumsaa ijoollee butamanitti bilbiluun, maallaqni isin ergitan hanga waliigalleen gadi ittiin jedhan.

Barattoonni 136 kun ji'a Caamsaa keessa ture mana barnootaa Islaamaa Teginaatti argamu, kutaa biyyaa Nijer keessaa kan butaman.

Kanneen qawwee hidhatan doqdoqqee gubbaa taa'uun magaalattii erga seenanii booda, namuma arganitti dhukaasuu eegalan. Nama tokko ajjeesuun, tokkommoo madeessan.

Kana keessa oggaa namoonni lubbuu oolfachuuf baqatanitti, gareen kun mana barnootaa seenuun ijoollee fudhatan.

Maatiin daa'immaniifi gaggeessitoonni mana barnootaa kanaa jara kana waliin mari'achuun, beessee bahurratti waliigalan. Lafa mana barumsaa gariin qooduun gurguran, qabeenya qabanis gurguranii beessee jedhame walitti qaban.

Daarektarri mana barumsaa kanaa Malam Abubakar Alhassan BBCtti akka himanitti, namoota jaha maallaqa sirrii irratti waliigalame fuudhanii akka deeman ergaman jedhan. Namoonni kunis bosona ijoolleen kun itti ugguraman cinaatti akka geessan ergamuu himan.

Wayita jarri achi gahan hidhattoonni kun jara ergaman keessaa maanguddoon tokko qofa gara daggalaa isaan hordofee akka galu gaafatan. Sababani isaan dhiyeessanis maallaqa fiddanii dhuftan lakkoofna kan jedhu ture.

Boodarra bilbiluun beesseen fiddan gahaa miti jedhan. ''Maatiin amma abdii kutataniiru. Amma booda maallaqa dabalataa walitti qabuu hin dandeenyu jedhaniiru. Amma Rabbiitti dhiisaniiru,'' jedhan daarektarichi.

Erga dhuma bara dabrerraa kaasee kaaba Naayijeeriyaatti barattoonni 1,000 ol manneen barnootaa keessaa butamaniiru.

Dhibbaan kan lakka'aman ammayyuu ugguramanii jiru. Kutaa biyyaa Kaadunaatti barattoota Mana Barnootaa Bethel Baptist keessaa butaman 121 keessaa, 28 guyyaa Sambataa bilisa bahaniiru.

Qondaaltonni biyyattii rakkoo nageenyaa biyyattii keessatti babal'ateefi uggura irra deddeebiin mul'atu qolachuu hin dandeenye jedhamuun haalaan qeeqamaa jiru