Pirezidantiin Filisxeem Abbaas erga 2010tii aanga'oota ol-aanoo Israa'el waliin yeroo jalqabaatiif mariyatan

Mahaammud Abbaas Caamsaa 25, 2021 yeroo Isteet Sekreetaarii US Antoonii Bilinken waliin haasa'aa jirutti

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Pirezidantiin Filisxeem Mahaammud Abbaas ministira Israa'el tokko waliin wal arguun marii idilee taasisan. Kun erga bara 2010tiin asitti aanga'oota ol-aanoo Israa'el waliin dubbachuuf kan jalqabaatis jedhameera.

Ministirri Ittisaa Israa'el Beenii Gaantiz Dilbata gara Ramalaah deemuun Mr Abbaas waliin dhimmoota nageenyaa, sivilootaafi dinagdeerratti dubbataniiru.

Ramalaah bakka isaan itti wal ga'anii mariyatan kun Weest Baank lafa warri Israa'el humnaan qabatanii jiran keessattidha.

Ministirri Ittisaa Israa'el kun biyyi isaa dinagdee Filisxeem jajjabeessuu barbaaddi jechuun Mr. Abbaasitti himan.

Pireziantiin US Joo Baayidan gareen lamaanuu hariiroo isaanii kan erga bara 2014tii kaasee daran laafaa dhufe akka fayyifatan barbaada.

Jimaata darbe Waayit Hawusitti Ministirri Muummee Israa'el Naaftaalii Beenet, "jireenya warra Filisxeem foyyeessuuf, akkasumas carraan dinagdee gaariin akka isaaniif uumamu deeggaruuf," akka tarkaanfii fudhatuuf cimsee gaafateera Joo Baayidan.

Walitti bu'insa Israa'eliifi Filisxeem ilaalchisee furmaata waara'aa fiduudhaaf daandiin tokkichi qaamoleen lamaan mariyachuun akka ta'e cimsee dubbateera Baayidan.

Maddi mootummaa Israa'el akka himetti mariin Dilbata Abbaasiifi ministira Israa'el gidduutti gaggeeffame kun MM Beeneetiin kan mirkanaa'edha.

Wixata waaree booda Mr. Beenii Gaantiz miiiyaa Israa'elitti akka himetti, aanga'oota Filisxeemiif liqaa dolaara miliyoona 155 kan galii gibiraa Israa'el sassaabuuf jirturraa maqaa isaatiin dursee kenneeraaf.

Ministirri Israa'el kun haala Filisxeemonni kumaatamaan lakkaa'aman yeroo ammaa West Baank keessa itti jiraatan ilaalcha keessa akka galchan ibseera. Filisxeemonni kunneen ragaalee sirrii waan hin qabneef, Israa'el namoota 16,000 ta'aniif hayyama hojii ni kennitiif jedha aanga'aan kun.

Kana malees, Filisxeemonni gamoo 1,00 West Baank bakka guutummaa to'annoo Israa'el keessa jiru keessatti akka ijaarratan ni hayyamamaaf.

Aanga'aan Ol-aanaa Filisxeem Hasan al-Sheek mariin Dilbataa kun hariiroo Filisxeemiifi Israa'el ilaalchisee "waan hunda kan kaasedha" jehdhe.

Gareen milishootaa Hamaas Caamsa keessa guyyoota 11f Israa'el waliin wal waraane "adda adummaa siyaasaa filisxeemotaa bal'isa" jechuun marii ture kana qeequun akeekkachiiseera.

Gareen Hamaas qaama Gaazaa Istriipp bulchaa jirudha.

Xiinxalaa BBC Baha Giddu-galeessaa Toom Baatmaan walga'anii marii akkasii taasisuun hariiroo idileetiif jijjiirama gudaadha jedha.

Mootummaan Israa'el haaraa hundeeffame bal'aafi hammataa ta'uun warra ilaalcha walabaa ykn [gra bitaatti duufaa] qaban, akkasumas paartiiwwan Arabaa qabatee hariiroo barbaachisoo akkasii kana cimsa abdii jedhuti jira.