US keessatti yakki jibbiinsaa bara 2020 keessa akkaan dabale-Gabaasa FBI

Maxxanfame

US keessatti yakki jibbiinsaan raawwatamu bara 2020 darbe keessa akka waggaa 12 dura tureetti deebi'ee akkaan dabaleera jedha gabaasi Biiroo Qorannoo Yakkaa Federaalaa-FBI.

Namoonni 10,000 caalan yakka jibbiinsaa sabummaa, koorniyaa, amala saal-quunnamtii, amantii fi qaama miidhamummaan walqabatuun miidhamuu gabaasaniiru.

Gabaasi waggaa FBI Wiixata darbe baase akka mul'isutti warri Eeshiyaan Ameerikaan jedhamanii fi gurraachonni Ameerikaa kanneen bara darbe daran miidhamaniidha.

Akka gabaasa kanaatti yakkoota jibbiinsaa gabaafaman keessaa dhibbeentaa 70ni warra Eeshiyaan Ameerikaan irraa yoo ta'u, 40ni ammoo warra gurraachota Ameerikaa irraati.

Yakki jibbiinsaan walqabatu US keessatti erga bara 2014 as waggaa waggaan dabalaatuma jira.

Bara 2020 keessa taateen yakkaa 7,700 caalu kan gabaasame yoo ta'u, kunis kana bara 2008 ture 7,783 booda isa guddaadha.

Qaamoleen seera hojiirra oolchan ragaa yakkaa hunda FBI'f dabarsanii kennuuf dirqama seeraa waan hin qabneef, lakkoofsi gabaasa FBI keessatti eerame kun kanaa ol ta'uu danda'a.

Bara darbe yakki jibbiinsaa lammiilee Eeshiyaan Ameerikaan irratti kan hammaate wayita US weerara Covid'n daran miidhamte ture.

Tibba sana lammiileen kunneen 274 ta'an dararamaniiru.

Kanneen lammiilee kunneeniif quuqamuun dubbatan, haleellaan kan lammiilee kunneenirra qaqqabaa tureef, sababa vaayirasichi lammiilee Eeshiyaatiin tatamsa'e jedhamee yaadamuuf jedhu.

Bara 2019 irraa eegalee yakki jibbiinsaa lammiilee Afrikaan Ameerikaan irra ga'e jedhamee gabaasame 2,755. Kunis lammiileen gurraachonni Ameerikaa haleellaa jibbiinsaaf saaxilamuun sadarkaa duraarra jiraachuu mul'isa jedha gabaasi FBI.

Akka gabaasa kanaatti yakki jibbiinsaa sanyummaarratti hundaa'uun raawwatamu dhibbeentaa 62, kan amantii fi amala saal-quunnamtiirratti hundaa'uun raawwatamu ammoo walduraa duubaan dhibbeentaa 13 fi 20.

Kanneen yakka raawwatan 6,400 adda ba'an keessaa dhibbeentaa 55 kan ta'an warra adiidha.

Abbaan Alangaa Waliigalaa US Merrick Garland gabaasi FBI,''waanuma nuti hojii keenya keessatti argaa fi dhagahaa jirru kan mirkaneessuudha,'' jedhan.