Maanchister Siitii vs Arsenaal, Chelsii vs Liiverpuul- akkamiin qophaa'an?

Madda suuraa, Getty Images
Keevin de Biruun miidhama jilba isaa mudateen tapha har'aaf hin hiriiru. Miidhamni kun tapha biyyi isaa Beeljiyeem taasiftu irraas isa hanbiseera.
Fiil Fooden akkasuma miidhama wal fakkaataa isa mudateen bayyaannachaa jira. Garuu tapha Arsenaal waliin har'a gaggeefamuuf hin gahu.
Taphataan Arsenaal Bukayoo Saakaa tapha Roobii darbe West Biroom waliin taphatan irratti xiqqoo miidhamus tapha har'aaf ni gaha.
Hektor Beleriin miidhama sarbaa isaa mudate irraa bayyannateera. Paawondii miliyoona 50'n kan Arsenaaliif mallatteesse Been Waayit koroonaavaayirasiin qabame taphoota lama irraa hafus har'a kan ilaalamee hiriiru taha.
Aleeksi Runarsanii fi Wiiliyaan koroonaa irraa fayyuun har'aaf qophiidha.
Ittisa cinaa Arsenaal irra kan taphatu Kiiran Tiyaarnii akkasuma erga torban kana boqatee har'aaf qophiidha. Garuu Toomaas Paartee fi Edi Nikitaa ammas tapaha kanaaf hin gahan.
Xiinxalaan kunna miilaa BBC Maarki Lawwuroon tapha kana Maanchister Siitiin 2 fi 0'n mo'ata jedhe.
Chelsii vs Liiverpuul

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan ittisa cinaa Liiverpuul Andii Roobertisan miidhama jilbaa irraa fayyee har'a Kostaas Tishimikas bakka bu'a.
Faabiniyoon gadda irra turee shaakalatti deebi'eera. Garuu jeemsi Miilner miidhama irra jira.
Chelsii irraa NGolo Kaantee taphatoota cicimoo bara kanaa PL sadii keessaa tokko kan ture miidhama jilba isa mudatee ture irraa fayyuun har'a tapha jalqabaa dorgommii haaraa kanaa taasisa.
Seezar Azipilikuwetaa tapha Piriimer Liigii 300ffaa isaa taasisa. Kurt Zuumaan dhimma dhuunfaan har'a hin taphatu. Dhimmi kun garuu jijjiirraa isaa waliin wal hin qabatu jedhame.
Ruuben Loftas Chiikii fi Kiristiyaan Puulisk sababa koroonaan qabamaniif har'a hin hiriiran.
Roomelu Lukaakuun tapha kana irratti Virjil Vaan daayik waliin falmii taasisa ejdhamee eegama. Kilebootni lamaan taphoota jalqabaa lamaan irratti gahumsi isaanii akkaan hin qoramne.
Har'a Vaan Daayik Lukaakuu dhaabuuf Lukaakuun ammoo gahumsa amma irra jiruun galchii lakkoofsisuu eegale itti fufuuf morkii godhu.
Laawuroon taphni kun qixa 1 fi 1'n xumurama jedhe.












