Dargaggoon aartii makkiyaatoon beekamu attamiin akka ogummaansaa biyyaa baasee jireenya hamaaf isa saaxile hima

Athenkosi makes latte art

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Athenkosi Diyontaa garee karaa intarneetiin aartii dandeettii laattee hojjachuu qoodanii keessa ture
Maxxanfame

Maqaansaa Atenkosii Diyontaa jedhama. Dargaggoo lammii Afrikaa Kibbaa yoo ta'u, akkuma nama kamiituu jireenya fooyyeeffachuuf fedhii olaanaa qaba ture.

Kanaanis carraa hojii biyya biraa argachuuf hawwe. Achinis biyya Omaanii 'carraan hojii' tokko dhiyaateef.

Wayita gara biyya Omaaniitti imaluun biyyattii galeettis kan hojii jireenya isaaf malu argate itti fakkaatee ture.

Haata'u malee, humnaan qabamee kaffaltii malee akka hojjatu taasifame. Siriiyyuu maatiifi hiriyyoonni isaa isa gadhiisisuuf maallaqa walitti buusuuf dirqaman.

Yeroo Afrikaa Kibbaa magalaa Joorjeetti kaaffee hoteela beekama ta'e keessa hojjachaa turetti karaa Facebooktiin ture carraa hojii kanaa kan argate.

“Hojiinkoo duraa gaarii ture garuu miindaafi jireenya fooya’aa argachuun barbaade malee,” jedha.

Aartii buna ykn makkiyaatoo irratti hojjetus garee inteernaata aartii akkanaa jaallataniif ni qooda ture.

Garee kana irratti ture dubartiin tokko carraa hojii biyya Omaan kana kan dhiyeessiteef.

Yaadni sunis hawwataa ture. Miindaa gaariirra darbee, bakki jireenyaa, nyaataafi geejjibni isaaf akka guutamu itti himame.

Adeemsi vizaa isaa akka isaaniin hojjatamuufi inni tikeettii xiyyaaraa, qorannoo fayyaafi koronaavayirasii qofa xumurachuu akka qabu itti himte.

“Waggaa tokko ykn lama booda yemmuu deebi’u, mana jireenyaa bitanna jedhee yaadeen ture,” jetti jaalalleen isaa Feliswaa Fenii.

Shamarree umuriin ganna 28 kan taatee Fenii waliin ijoolle lama qabu.

“Mana jireenyaa fooyya'aa…tarii konkolaataa, tarii ijoollee keenya mana barumsaa gaariitti erginna jedheen yaadee ture.”

Kanaaf, jaalalleewwan lamaan maallaqa liqeeffatanii tikeetii xiyyaaraa Atenkoosiif bitanii, sana booda Bitootessa keessa gara Omaanitti imale.

Jalqaba yeroo biyyatti seenetti miira gaarii akka qabu ture hima. “Bareedaa ture,” jechuun miidiyaa Poodkaastii The Comb’tti hiime ture.

Magaala gudditti Muskaatiirraa gara magaalaa Ibraatti geeffamee, achitti guyyaa torbaaf hoteelatti adda of baasee ture.

“Hawwiinkoo hundi dhugaa ta’uuf jedheen yaadeen ture.”

Achi ga’ee, yemmuu adda of baasee turetti, meeshaan sochii isaa to’atu harka isaatti kaa’amee ture.

Yeroon adda of baasuu isaa akkuma dhumeen ogeessi fayyaa meeshaa kana irraa baasee, gara mana isaa haaraatti geeffame – akka eege hin turre.

Kutaa isaa nama Neeppaal irra dhufe tokko waliin qodachaa kan ture Atenkoosii, “kutaa xinnoo firaashiifi kaartoonii qabu. Kutaansaas kan hin qulqulloofne ture,” jedha.

Athenkosi at a coffee machine

Madda suuraa, Athenkosi Dyonta

Dorsiisaafi miindaa haqame

Utuu hin turiin, kaaffee inni itti qacarame kan hin jirre akka ta’e Atenkoosiin bare. Guyyaa sanaarra qabees jireenya bayyee rakkisaa ta'e eegale.

Buna qopheessurra garuu guyyaatti gara sa’aatii 12 hanga 14tti kaaffee qulqulleessaa oola.

Hojii yeroo fixu kutaa itti cufame keessa oola – nyaata xiqqootu kennamaafi miindaan ammoo hin kaffalamuuf ture.

“Achitti nan huuqqadhe. Daabboofi aannantu naa kennama – takka takka daabboofi hanqaaqu guyyaatti al tokko ykn ala lama naaf kennama. Nan hojjadha, garuu miindaa hin argadhu.”

Atenkosiin namoota isa qacaran yeroo miindaa gaafatu ni dorsisuun ture – yeroo tokko gara bosonaa isa geessanii lammaffaa akka rakkoo hin uumneef isa dorsisuu hima.

Feliswaan Fenii jalallee ishee waliin bilbilaan ni haasofti ture. “Baayyeen sodaadhee ture, hin ajjeesun jedhee sodaadhee ture,” jetti.

Atenkosiin akka jedhutti, namichi isa qacare poolisiitti si geessa jedhee dorsisaanii ture.

“Waanan kontiraata mallatteesseef poolisiin to’annoo jala akka na olchu natti himan,” jedha.

Kan inni hin barre tures, waliigaltee inni balleessee ture mallattoo seera qabeessa osoo hin taane kan kutaalee Baha Giddigaleessa tokko tokko keessatti fayyadamamu “kafala’ jedhamu ture.

Waliigalteen kun namootniifi dhaabbileen, hojiifi dhimma godaansaa hojjattoota godaantoota irratti to’annoo guutuu akka qabaatan kan taasisudha.

Gartuuleen mirga namoomaa akka jedhanitti, sirni kun hojjattoonni dararaafi rakkoo adda addaaf kan saaxiludha, sababni isaas, eeyyama nama qacareeniin alatti hojii geeddaruus ta’e biyya gadhiisuu hin danda’an.

Ji’aa booda guyyaa tokko, Atenkosiin balballi kutaa isaa utuu hin cufamiin akka ture argee miliquuf yaaluun, ala bahuun nama tokkon gara buufata poolisiitti na geessi jedhe kadhate.

Yeroo achi ga’u garuu poolisiin Afaan Ingilizii danda’u tokkoyyu hin jiru ture – namni afaan hiikuu hanga dhufutti sa’aatii sadii akka eeguu qabu itti himame.

Inni garuu waan miliqeef rakkoo keessa seena jedhee sodaate, gara kutaa isaatti deebi’e.

Hojii guyyaa gutuu saatii dheeraafi torbanitti Jimaata qofa boqochaa hojjeetee, Atonkosiin yaadda’uu eegale. “Baayyee gaddee akkanaan jiraachurra du’uu wayya jedheen murteesse,” jedha.

Of ajjeesuu yaalus, hin milkaa’iin hafee, hospitaala yemmuu geeffame, ogeessa fayyaatti haala keessa jiru hime. Innis kan inni miliquu danda’e yoo nama isa qacareef maallaqa kenne qofa akka ta’e itti hime.

Athenkosi washing up

Madda suuraa, Athenkosi Dyonta

Ibsa waa'ee suuraa, Bakka buna hojjachuu Athenkosi guyyaatti sa'aatii 14'f mi'a dhiquu fi hojii qulqulleessu hojjata ture

‘Atenkoosii deebisaa’

Kanaaf dhimma kanarratti nama isa qacare hasoofsise – isaanis gatii ‘kontiraata cabsuu’ jedhamu yoo kaffale akka gadhiisuu danda’u itti himan.

Erga tikeeta xiyyaaraa kaffaltee booda Feliswaan liqii keessa jirti, kanaaf maallaqa barbaaduu eegalte: “Naman argu hundumaattin hime, lakkoofsa bilbilaa qabu hundatti ergaa WhatsApp’n itti erge,” jetti.

Hawaasa Joorji keessatti haalli Ateenkosiin keessa jiru dhaga’amaa yeroo deeme, fuulli Feesbuuki ‘Atenkoosii deebisaa’ jedhu uumamee tishartiin maxxanfamuu eegale.

Pheliswa Feni and Athenkosi Dyonta

Madda suuraa, Snazo Gulwa

Ibsa waa'ee suuraa, Hawaasni, hirriyoonnifi maatiin dargaggoo Athenkosi gara biyyaatti deebiisuuf maallaqa walitti qaban

Garyyn Forum Hawaasa Joorji jedhamu maallaqa gummaachamu sassaabuu irratti gargaaruu eegale. Gargaarsii ergamuu eegale, maatiin Atenkosiis sawwaan 10 qaban keessaa tokko doolara 800’n gurguran.

Sana booda baasii nyaataafi manaaf kennineef hin ga’u jechuun qacartoonni Omaan kun gaatii isaanii dabalan.

Guutummaan guututti Atenkoosii gadhiisisuuf doolaara 1,500 olitu kaffalame. Isaan booda dhimmi biyyaa itti baheef hafee maallaqa biraa erga kanfaleen booda lubbuun gara biyyaa akka deebi'u ta'e.

Ebla keessa yeroo buufata xiyyaara ga’u, namoota akka inni gadhiifamuuf isa gargaaran hedduun simatame.

“Maatiikoofi hiriyyootakoo arguukootti baayyeen gammade,” jedha.

Atenkoosiin erga achii deebi’ee gara baatii afur ta’eera. Wayita ammaa kanattis hojii isaa duriitti deebi’ee hojjaachaa jira.

“Xiinsammuunkoo jeeqameera. Tasa kana daggachuu hin danda’u,” jechuun wanti irra ga’ee hangamii miidhaa akka irraan gahe hima.