Ukee: Ayyaanni Ijoollee Shawaa Kaabaatti akkamitti kabajama?

Ayyaanni ijoollee Ukee jedhamuun beekamu A L I'tti Hagayya 13 waggaa waggaadhaan kabajama.
Ayyaanni kun akkaataa amantaa Kiristaanaatiin hiikaa mataasaa kan qabu yoo ta'es, iddoowwan hedduutti bifa aadaatiin kabajama.
Iddoowwan ayyaanni Ukee haala hoo'aadhana itti kabajamu keessaa ammoo Salaale isa tokko.
Salaaletti ayyaanni Ukee kun ayyaana Ijoollee jedhamuuni kan beekamu.Akkaataa kabaja ayyaana Ukee kana ilaalchisuunis maanguddoota Salaaleerraa Iyyaafanneerra.
Obbo Amdee Abarraa jiraataa aanaa Kuyyuu magaala Garba Gurraachaati. Ayyaana Ukee kana ofii isaaniitiifis kabajanii akka guddataniifi yaadannoo cimaa akka irraa qabanis himu.
"Ayyaanni Ukee kun ayyaana ijoolleeti. Ijoolleen ayyaana kana hawwiidhaan eegdi. Ayyaana kanaaf qophii godhamutu jira. Gaafa A L I Hagayya 12 ijoolleen muka jiidhaadhaan goojjoo [gooo] ijaarratti.
Maatiin ammoo manatti daabboo Ukee qopheessaf," jedhan.
Qophiin ayyaana Ukee kun jala bultiirraa kan jalqabuufi gaafa Hagayya 13 ammoo ijoolleen dabboo Ukee kanaafi aannan qabatanii gara gooo jala bultiirratti ijaarratanii kana deemu jedhan.
Ayyanni Ukee kana ijoolleen akkuma walitti dhufeenya isaaniitti garee gareedhaan qofaa qofaatti kabaju.
Maatiin ijoollees aannan elemtuutti qabatanii ijoollee isaanii bakka godoo ijaarratan kanatti geessu jedhan Obbo Amdeen.
Maanguddoon Salaalee Obbo Dirribaa Fayyisoo ammoo ayyaana Ukee kanarratti ijoolleen daabboo tokkoofi ulee cirii (Muka jiidhaa baala qabu) harkatti qabachuun si'a sadii godoo sanatti naanna'anii sirbu jedhu.
"Ukee yaa ukee
Ukee bara quufaa
Indaaqqotu dhuufa,..." jedhanii barri haaraan dhufu bara quufaa akka ta'u hawwu jedhan.
"Ukee yaa Ukee, Ukee bara beelaa Indaaqqotu eela" jedhanis barri yoo beela ta'e Indaaqqonillee akka miidhamtu ibsu jedhan.
Si'a sadii erga godoo sana marsanii sirbaniin boodas cirriisaanii godootti hirkifatanii, keessa seenuun daabboo sana aannaniin unatanii nyaatu.Kabaja ayyaana Ukee kanarratti kan hirmaatu ijoollee umriin isaanii wagga 13 fi isaa gadi ta'an yoo ta'u, kanneen umriin isaanii gahe akkaataa kabaja ayyaanichaa keessaa baafaman akka qaban himu Obbo Amdeen.
"Ayyaana Ukee kana ijoolleen akkaataa gadaa ishii xumurtee keessaa baatu qabdi.
Kan ariifate wagga 10tti keessaa baha. Kan ture ammoo waggaa 13tti.
Daa'imni bahu barbaadu 'ani baranaan booda Ukee keessaan baha' jedhee garee isaatti hima," jedhan.
Daa'imni kabaja Ukee keessaa bahu barbaadu kunis karaa balbala godoo sanaa osoo hin taane godoo cabsee utaalee keessaa bahuun fiiga. Ijoolleen godichia keessa jiran ulee fudhatanii ari'u jedhan.
"Mucaan goojjoo cabsee fiige kana ijoolleen ariitee yoo dhaqqabuu dadhabde inni Ukee xumureera jechaadha. Bara dhufu hin kabaju. Yoo ijoolleen isaa dhaqqabde garuu ulee sanaan rukutti. Ukee keessaa bahu hin geenye waan ta'eefis dirqama bara dhufus kabaja" jedhan.
Ayyaanni Ukee kuni ayyaana ijoollee waan ta'eef namni jabaan keessatti hin hirmaatu. Aadaan kabajaa kunis iddoowwan baadiyyaa ammallee jiraatus haphachaa akka dhufes himu maanguddoonni Salaalee dubbisne.















