Roonaaldoo Waancaa Addunyaa keessaa akka hin kufne kan oolche senserii kubba keessaati

Madda suuraa, Getty Images
Poorchugaal Waancaa Addunyaa 2026 keessaa bahuuf dhiyaattee ture. Luukaa Moodirichiin kan dirree keessatti durfamu Kirooshiyaan dursitee galchii lakkoofsisuun dursaa turte.
Daqiiqaa 68ffaa irratti kubba koornaa irraa rukutamte deebisuuf osoo yaalanii taphataan Kirooshiyaa Renatoo Viyeegaa qabuun gototeera jedhamuun rukuttaan peenaaliitii Poorchugaaliif kenname.
Roonaaldoon rukuttaa peenaaliitii argatan lakkoofsisuun Kirooshiyaa waliin 1-1 tahan.
Kirooshiyaan galchii sadii lakkoofsisuun taphaan ala jedhamees jalaa haqameera. Roonaaldoo jalaas akkasuma galchiin tokko haqameera.
Poorchugaalii fi Kirooshiyaan taphicha qixa xumuruun gara sa'a dabalataatti ce'uuf yeroo jedhanitti kubba Raafaa'el Leyoo fagoorraa Gankaaloo Raamosiif dabarse Raamoos taphattoota lamaan gidduudhaan lakkoofsise.
Poorchugaal galchii kanaan injifattee baate jedhamee osoo yaadamuu diraamaan itti fufe. Kirooshiyaan galchii lakkoofsisanii ammas jalaa haqame.
VAR fi yeroo gammachuu ibsatan sana yeroo gubate bakka buusuuf jecha murteessaan taphicha dafee hin dhaabsifne.
Erga daqiiqaa 90 xumuramee yeroo qisaasa'e jedhamee kan dabalamee taphachaa turan hanga daqiiqaa 108tti ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kirooshiyaan daqiiqaa 90 keessatti carraa taphicha mo'atanii bahuu guddaa argatanii ture. Gama tokkoon cimina karra eegaan Poorchugaal Koostaaf Poochugaal oolte.
Gama biraan ammoo waanuma xiqqaaf jecha taphaan ala jedhamuun galchiiwwan lakkaa'aman jalaa haqamaniiru.
Kirooshiyaan galchii dhumarratti lakkoofsifte kennamee ture. Garuu senseriin kubba keessa jiru taphataan Kirooshiyaa taphaan ala tahe tokko kubbicha tuqeera jechuun jalaa haqame.
Roonaaldoon daqiiqaa 81ffaa irratti jijjiiramee yeroo bahu gammadaa hin turre.
Poorchugaal balaa konkolaataan waggaa darbe lubbuun isaa kan darbe Deegoo Jootaaf jecha waancaa kana injifachuu qabna jedhu.
Yaadannoo isaafis lakkoofsa hidhannoo Jootaa Roonaaldoon uffachuun yaadannoo taasiseeraaf.
Amma Poorchugaal abjuu Roonaaldoo dhugoomsuuf qormaata jabaa tokko darbiteetti.
Qormaanni biraa ishee eeggatu ammoo Ispeenidha. Ispeen kaleessuma 3-0 Oostiriyaa mo'achuun darbite.
Oostiriyaa mo'atte. Oyaazaarbaal galchii lama Ispeeniif lakkoofsisuun olaantummaan mo'atan.
Ispeen taphaan Oostiriyaa baay'ee caalte. Laamiin Yamaal taphataa cimaa taphichaa tahee badhaafame.
Yamaal Faransaay garee cimaa qabdi. Garuu waggaa lamaan darban nu mo'achuu hin dandeenye. Kanaafuu nu caalu jedhee hin yaadu jedhe.
Amma Yamaaliin namni dhaabuu danda'u Nuunoo mendesh qofaadha. Ispeen biyyoota Waancaa Addunyaa kana mo'atu jedhaman keessaa tokko.
Ganama kana ammoo Aljeeriyaan Iswiizelandi waliin morkatte. Iswiizerlaand galchii 2-0 mo'achuun Aljeeriyaanis dorgommicha keessaa kufte.
Biyyoonni Afrikaa eegaman akka Ayivooriikost, Senegaal fa'aa akkuma Afrikaa Kibbaa dorgommicha keessaa kufaniiru.
Keep Verdeen Arjentiinaa waliin Gaanaan Kolombiyaa waliin taphni gaggeessan haalaan eegama.
Ammatti Morokoo qofatu gara 16tti darbuu ishee mirkaneeffate.















