KALLATTIIN, Mariin US fi Iraan Dohaatti gaggeessaa turan xumurame, awwaalcha hoogganaa Iraan booda itti fufa

Mariin teeknikaa Ameerikaa fi Iraan Qataar, Dohaa keessatti gaggeessaa turan xumurameera. Mariin itti aanu sirna awwaalchaa hoogganaa olaanaa duraanii Iraan Ayaatollaa Alii Kaameenii booda itti fufa jedhe Ministeerri dhimma alaa Qataar.

Guduunfaa

  • Odeeffannoo wayitaawaa biyya keessaafi guutummaa addunyaarraa, ispoortii dabalatee: Marsariitii, YouTube, Whatsapp, akkasumas karaa Facebook kanaan seentanii filattanii dubbisuu dandeessu.
  • Mariin US fi Iraan Dohaatti gaggeessaa turan xumurame, awwaalcha hoogganaa Iraan booda itti fufa
  • Haleellaa Raashiyaan magaalaa guddoo Yukireen irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 10 du'an
  • Meeksikootti wayita milkaa'ina Waancaa Addunyaaf gammachuu ibsatan namoonni afur du'an
  • Haleellaa 'hidhattoota Faannoo' tibbanaan Amuruutti maaltu ta'e?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Afrikaan Kibbaafi Gaanaan sababa 'du'a' nama godaanen walitti bu'an

    Afrikaa Kibbaa

    Madda suuraa, EPA

    Sababa lammiin Gaanaa Afrikaa Kibbaatti godaanee du'e jedhameen Afrikaan Kibbaafi Gaanaan walitti bu'an.

    Namni kuni yeroo mormii farra godaantotaa du'e jedhame. Afrikaan Kibbaa garuu du'u isaa ni waakkatti.

    Namni du'e jedhame Bashiru Isaak, ganna 40, gaafa Kibxataa Keep Taawon keessatti itti dhukaafamee ajjeefamu gabaasa arguu hime Ministeerri Dhimma Alaa Gaanaa.

    Kanattis, gadduufi komii poolisiif erguu ibseera.

    Ministirri haqaa Afrikaa Kibbaa immoo aangawoonni Gaanaa ''odeeffannoo sobaa'' tamsaasaa jiru jechuun deebise.

    Poolisiin Afrikaa Kibbaa namni kuni du'uu isaa waan mirkaneeffate akka hin qabne hime.

    Ta'us, ajjeechaa nama ganna 35 lammii Gaanaa ta'e qorataa akka jiru poolisiin beeksisee ture.

  2. 'Haleellaa jajjabaa' Kiyiiv irratti raawwatteen Raashiyaan nama 18 ajjeefte

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, 'Haleellaa babal'aa' Kiyiiv irratti raawwatteen Raashiyaan nama 18 ajjeefte

    Humnoonni Raashiyaa haleellaa diroonii fi misaayelaa guddaa magaalaa Yukireen Kiyiiv irratti raawwataniin namoonni 18 ajjeefaman.

    Kantiibaan magaalaa Kiyiiv haleellaa kana "haleellaa jajjaboo" jechuun ibsan.

    Kantiibaan magaalaa Kiyiiv Vitaalii Kilishiskoo guyyaa Jimaataa guyyaa gaddaa jechuun labsan.

    Namoonni 90 ta'an madaawuu ibsan. Buufataaleen ambulaansii iddoowwan haleellaa kanaaf saaxilaman keessaa akka ta'an kantiibaan magaalaa tanaa himaniiru.

    Haleellaawwan asiin duraa namoota kanaa olii ajjeesan kan jedhan kantiibaan, inni miilanaa meeshaalee waraanaa hedduu bobbaasuufi magaalaa guddoo Kiyiiv bakka hedduu haleeluu himan.

    Raashiyaan haleellaa kan karoorfachuu hordofee sa'aatiiwwan muraasa keessatti uummanni qe'ee hedduurraa gadhiisee akka kan bahu Pirezidant Volodimir Zeleniskiin akeekkachiisanii turan.

    Mooskoon humnoonni ishee dhaabbilee waraanaa irratti xiyyeeffachuun akka haleelte fi haleellaan kunis haaloo Yukireen misoomawwan bu'uuraa Raashiyaarratti raawwatte haaloo bahuu ibsite.

    Dubbii himaan Kireemiliin Dimitrii Peskoov Kamisa dubbii dubbataniin " Raashiyaan galma kaawwatte dhugoomsuuf dhiibbaa sirna Yukireenirratti gootu itti fufti" jedhan.

    Yukreen Raashiyaan qubsuma namoota nagaarratti haleellaa raawwatti jechuun himatti. Kun immoo "gochaa weerartootaati biyyattiin of ittifti " jetti.

    -

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, -
  3. Icciitiin balaliisaa gamoo abbaa darbii 109'tti xiyyaara buuse barame

    Gamoo Chaayinaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Gamoo chaayinaa xiyyaarri itti bu'e

    Balaliisaan xiyyaara xiqqoo oofu gamoo guddicha Beejingitti buuse dhibee ''yaaddoo sammuuf'' kan saaxilame akka ta'e aangawoonni beeksisan.

    Gamootti xiyyaara kan buusees ''sababa dhuunfaaf'' akka ta'e aangawoonni himaniiru.

    Balaa kanaan balaliisaan yoo lubbuu dhabu, namoonni 13 biroo immoo miidhamaniiru.

    Jiraataan magaalaa Beejingiifi abbaa umrii 66 kan ta'e Luun, gaa'illi isaa erga diigamee qofaa jiraata.

    Bulchiinsi aanaa Chaawoyaang namni kuni barruu yaada isaa kaa'urratti ''lubbuu ofii dabarsuuf yeroo baay'ee ibsuu'' beeksiseera.

    Gamoon guddichi abbaa darbii 109 'Taaworii 'CITIC' jedhamuufi xiyyaarri itti bu'e waajjira muummee paartii koministii Chaayinaa itti dhiheenyaan argama.

  4. Sirni owwaalcha haadha warraa Mojtabaa Kaamenii raawwatame - Gabaasa

    Sirna owwaalchaa haadha warraa Mojtabaa Kaamenii

    Madda suuraa, IRNA

    Ibsa waa'ee suuraa, Sirna owwaalchaa haadha warraa Mojtabaa Kaamenii

    Sirni owwaalchaa haadha warraa Hogganaa Olaanaa Iraan Mojtabaa Kaamenii guyyaa Roobii Teehiraan keessatti raawwachuu gabaafame.

    Haati warraa Mojtabaa haleellaa Ameerikaafi Israa'eliin ji'oota muraasa dura raawwateen ajjeefaman.

    Zahaaraa Hadiid Adeel miseensota maatii Kaamenii haleellaa guyyaa jalqabaan lubbuu dhaban keessaa tokkodha.

    Haleellaa boombii guyyaa jalqabaan Hogganaan Olaanaa Iraan Alii Kaamenii fi hogganoonni olaanoo ajjeefamaniiru.

    Ilmi Alii Kaamenii, Mojtabaa Kaamenii, haleellaa guyyaa sanaan erga miidhaan guddaa irra gahe jedhamee booda ummatatti as bahanii mul'atanii hin beekan.

  5. Ameerikaan waraanashee Sa’ud Arabiyaa keessaa baasuuf yaalaa jirti

    Tiraamp Sa'ud Rabiyaa yeroo deemetti

    Madda suuraa, Reuters

    Ameerikaan waraanashee Sa’ud Arabiyaa keessa jiru hir’isuuf yookaan ammoo humna waraanaa hanga ta’e Sa’udii keessaa baastee gara bakka biraatti jijjiiruu yaadaa jiraachuu Wool Istiriiti gabaase argeera jedhe eeruun gabaase.

    Ameerikaan tarkaanfii kana fudhachuuf kan yaaadaa jirtuuf muddama Waashingiten fi Riyaad gidduu jiru hordofeeti jedhameera.

    Gabaasni Wool Isitiriit argeera jedhe akka agarsiisutti, xiyyaronni waraanaa Ameerikaa 100 ol ta’an Ulaan Hormuuz banaa ta’ee akka itti fufu gochuuf buufatawwan waraanaafi dooniiwwan xiyyaaraa Baha Giddu-galeessaa keessaa ka’uun balali’aa turaniiru.

    Bobbiin kun Sa’ud Arabiyaarraa gufuun hin eegamiin akka mudate gabaasni kun ibseera.

    Buufanno waraanaa Sa’udiitti argamuufi daangaan qilleensaa biyyattii bobbii kanaaf gahee guddaa kan qabu ta’ulleen Riyaad garuu kanarratti Waashingiten tumsuuf hayyamamtuu hin taane.

    Aanga’oonni Ameerikaa dhimmicha itti dhiyeenyaan hordofan Wool Istiriit Joornaaliif akka ibsanitti, mormiin Sa’udii Ameerikaan bobbii ‘Oppereeshin Pirojekt Firiidam’ jedhamu akka addaan kuttuuf dirqisiiseera.

    Oppereeshiniin pirezidant Doonaald Tiraamp ifa godhan kun dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz akka darban gargaaruuf kan kaayyeffate ture.

    Ameerikaan oppereeshinii kana kan addaan kutte qalbii lamatti qoodameen ture.

    Ameerikaan waraana Sa’ud Arabiyaa keessaa qabdu hir’isuuf yookaan ammoo humna waraanaa hanga ta’e Sa’udii keessaa baastee gara Israa’el ykn gara Yordaanositti naannessuuf yaaduushee gabaasni Wool Istiriit ni ibsa.

    Dhimma kanarratti garuu murteen dhumaarra akka hin ga’amne gabaasni kun ni eera.

    Ameerikaan loltootashee baasuu murteessuun dura filannoowwan jiraatan akka ilaaltus ibsameera.

    Aanga’oonni Ameerikaa waa’ee dhimma kanaa wanti mirkaneessanis ta’e wanti waakkatan hin jiru.

  6. Nama daddabarsuun Faransaayitti namni himatame UK jiraachaa jira

    Tiwaanaa Jamaal maqaa sobaan UK jiraachaa jiraachuu BBC saaxile
    Ibsa waa'ee suuraa, Tiwaanaa Jamaal maqaa sobaan UK jiraachaa jiraachuu BBC saaxile

    Namni daddabarsa namaan himatamee Faransaayitti barbaadamaa ture UK galee koolugaltummaa gaafachuun jiraachaa akka jiru BBC'n bira gahe.

    Namni kun yeroo tokko kaampii baqattootaa keessatti ''abbaa baqattootaa'' jedhamuun beekama.

    Qorannoo BBC gaggeesse namni kun seeraan ala UK keessaa hojjechaa jiraachuu agarsiise.

    Bara 2016 keessa namni Tiwaanaa Jamaal jedhamu kun Faransaay keessatti hidhaa waggaa shaniin adabamee ture.

    Namni Kurdoota Iraaq irraa tahuu himame kun godaantota gara UKtti galchuuf torbanitti hanga paawondii miiliyoona 100,000 fudhataa ture.

    Eeruu argatee BBC'n yoo qoratu Jamaal ganda Bilaabii jedhamtu keessa osoo hojjetuu argame. Eeyyama konkolaachisummaa malee maqaa sobaa fayyadamuun osoo konkolaachisuus argameera.

  7. 'Dippiloomaasii ykn waraanaan nu hin gargaartan taanaan nu hin rakkisiinaa' - Qondaala Iraan

    Mohaammad Baagaar Gaabaaliif

    Madda suuraa, IRIB

    Af-yaa'iin paarlaamaa Iraan Mohaammad Baagaar Gaabaaliif komii biyya keessaa ka'uuf deebii kennan.

    Haasaa miidiyaa biyyasaanii waliin taasisaniin marii Ameerikaa waliin taasifamuun komii biyya keessaa Teehraan irraa ka'uuf deebii kennaniin ''dippiloomaasii ykn waraanaan nu deeggartan yoo tahe nu hin rakkisiinaa,'' jedhan.

    Af-gaaffii taasisan irratti Iraan komii biyya keessaa irraa ka'u irratti deebii jabaa kennaniiru.

    Siwiizarlaanditti waliigaltee taasifameen qabeenyi Iraan dhorkamee jiru sanadni deebisiisu xumuramuu himan. Marii kanarratti Pireezidantiin Ittaanaa Ameerikaa JD Vaans fi qondaalonni biroo argamuu himan.

    Komii biyya keessaa ka'uuf yaada kennaniin ''haasaa Tiraamp irra hin deebi'iinaa....gaarii miti. Uummati akka tasgabbaa'uufi Riippaabliika Islaamaan akka gammadu itti dhiisaa,'' jedhan.

    Bakka buutonni aannisaa atoomikii gara Iraan seenuu ilaalchisee, ''mana mareefi gumiin nageenya waliigalaa biyyaalessaan murtoo dabarsineen haala kamiinuu naannolee miidhaman dhaqanii ilaaluun hin danda'amu,'' jedhan.

    Ameerikaafi Iraan magaalaa guddoo Qataar Dohaatti haasaan al-kallattii haala gaarii tahee adeemaa akka jiru Pireezidant Donaaldi Tiraamp ibsaniiru.

  8. Iraan fi US marii Dohaatti taa'an xumuran, kan itti aanu sirna awwaalchaa hoogganaa olaanaa Iraan booda itti fufa

    Doonii galaanarra jiru

    Madda suuraa, reut

    US fi Iraan marii Qataar, Dohaatti gaggeessaa turan xumuraniiru.

    Garuu wanti nageenya waaraa irra ga'uu akeeku hin jiru.

    Marii ergamtoonni US kanneen akka soddaa Pirezidant Doonaald Tiraamp Jared Kushner fi Istiiv Witkof Dohaatti guyyoota lamaaf gaggeessan kanarratti aanga'oonni Iraan kallattiin akka hin hirmaanne ibsanii turan.

    Maddeen dhimma marii US fi Iraan kanatti dhihaatan dhimmi Ulaa Hormuuz fi qabeenya Iraan gadhiisuu qabxiiwwan ijoo turan.

    Dhimmoonni kunneen wayita torbee lama dura waliigalteen walhubannoo mallattaa'u dhimmoota dursi kennamuufii qabu akka ta'an waliigalameera.

    Ministeerri dhimma alaa Qataar mariin Dohaa kun xumuramuu ibsuun mariin itti aanu ammoo sirni awwaalchaa hoogganaa olaanaa duraanii Iraan Ayaatollaa Alii Kaameenii Adoolessa 9 raawwatee booda itti fufa jedhe.

    Dubbi himaan ministeerichaa mariin Dohaa bu'aa abdachiisaa argamsiisuu ibsuun, ''waltajjiin kun waliigaltee Waxabajjii darbe akka dhukaasi dhaabbatu taasise hordofee mariin Siwiizarlaandi kan irratti gabbate ture,'' jechuun X irratti barreesse.

    Pirezidant Tiraamp gamasaan dhimma sagantaa nukilaraa Iraan daangessuurratti mariin gaggeeffame abdachiisaa ture jedhe.

    Garuu maddeen marii kanatti dhihaatan dhimmi nukilaraa marii teeknikaa kanarratti hin kaaneyyuu jedhan.

  9. Haleellaa misaayelaa fi diroonii Raashiyaan Yukireen Kivitti raawwatteen namoonni kudhan du'an

    Yuukiree, Kiiv

    Madda suuraa, Reuters

    Humnooti Raashiyaa eda galgala haleellaa dirooniifi misaayelaa bal'aa magaalaa guddoo Yukireen Kiivitti raawwataniin yoo xiqqaate namooti kudhan lubbuu dhaban.

    Yeroo haleellaan gamoowwan raasu ollaa baayyee keessaa namooti baafaman.

    Pireezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleenskii Raashiyaan haleellaa ‘jabaaf’ qophaa’aa akka jirtu himuun akeekkachiisa dabarse ture.

    Hogganaan waraanaa Kiiv namoota miidhaman keessa ‘’lakkoofsi guddaan’’ ijoollee dha jedhe.

    ‘’Diinni ammallee ollaa jireenyaa irratti qiyyaafachuun namoota nagaa ajjeesaa jira,’ jedhe ibsa Kamisa har’aa kenneen.

    Ministeerrii Ittisaa Raashiyaa ammoo haleellaa Yukireen miilana raawwatteef deebii kennuuf bu’uuraalee aannisaa irratti xiyyeeffanne jedhe.

  10. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra. US fi Iraan marii Qataar goolabaniiru.

    Raashiyaan haleellaa Yukireen irratti raawwatteen namoota 10 caalaa ajjeeste.

    Dhimmoota kunneen irratti xiyyeeffanna. Odeessaalee addunyaa kaanis isiniif dhiheessina.

    Nu hordofaa!

    Odeesaalee kallattiin tamsaasaa turre asii dubbisuu dandeessu.