Adeemsi hogganaa WHO Dr Teediroos bakka buusuu iftoomina akka qabaatu gaafatame

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoonni Miseensa UN tahan baatii tokko keessatti hogganaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) haarawa filachuuf jedhu.
Yeroo addunyaan ammallee weerara koronaavaayirasii waliin wal’aansoorra jirtu kanatti filannoon hojii-raawwachiisaa olaanaa WHO isa kana duraarra iftoomina, haqa, gahumsaa fi danoomaaf banaa tahurratti hundaa’uu qaba jedhe dhaabbanni addunyaa guddichi kunuunsa HIV/AIDS kennu 'AIDS Healthcare Foundation' (AHF).
Hogganaan ammaa WHO Dr Teediroos Adhaanoom Gebreyyesuus waggoota shanan dhufaniif irra deebiin ni dorgomu.
Haa tahu malee namoonni aangoo kanaaf isaan waliin dorgoman biroo eenyu kan jedhu ifatti uummatatti hin himamne, kunis hoj-maata waggootaaf turedha.
Walakkeessa baatii Fulbaanaan booda boordiin Hoj-raawwachiiftuu WHO kaadhimamtoota Biyyoota Miseensaa UN’n filataman xiinxaluun, Amajjii 2022tti maqaa kaadhimamtoota shanii ifa godha.
Sana boodas murtoon dhumaa kora WHO baatii Caamsaa irratti miseensota dhaabichaan sagalee akka kennamuuf kaadhimamtoota sadii qofa dhiyeessa.
‘’Dr Teediroos weeraricha to’achuu irratti ijaa hin milkoofneef, gaaffiin eenyutu isaan bakka bu’aa kan jedhu taha? sunimmoo iftoominaan himamuu qaba.
"Murtoon guddaa akkasii dukkana keessatti kaayyoo siyaasaan akka tahu hin feenu,’’ jedhan pireezidantiin AHF Mikaa’eel Wiinstan.
‘’Itti gaafatamummaan Biyyoota Miseensaa fi Boordii hoj-raawwachiiftuu carraa kana bal’isuun, hogganoota seen-duubee garaa garaa qaban, kan dandeettii furmaata kennuu qabaniin WHO hogganuun gara maqaasaa durii- dhaabbata saayinsii fayyaa deebisuu danda’an filachuudha" jedheera.
"Haala filannoo fi kaadhimamtoota kanaa uummatni akka hordofu banaa gochuun karaattii iftooma agarsiisuu danda’ani dhas,’’ jedha AHF
Baatii Waxabajjii keessa sababoota jaha kaa’uun Dr Teediroos irra deebiin maaliif filatamuu akka hin qabne ibsee ture.
Dhimma Dr Teediroos ittiin komataman keessaa yeroo weerarri koronaavaayrasii jalqabe dhibee hawaasaa hatattamaa tahuu dafanii ibsuu dhiisuu fi akkasumas weerara addunyaa tahuu beeksisuu irratti harkifachuu, fa’i dha.
Kana malees vaayirasichi eessaa akka dhufe irratii iftoomina fi yeroodhaan beeksisuu dhiisuu fa’i dha.
Hoggansi haaraa dhufuu fi Miseensonnii UN qaawwa uumameen rakkoo dhufe furuuf filannoo kaadhimamtootaa iftoomaan raawwachuu qaba jedheera.















