Teeknooloojii tajaajila wal'aansa fayyaaf abdii ta'e 'Opian tech'

Zalaalam Gizaachaw hundeessaa fi hoogganaa teeknooloojii wal'aansa fayyaa Opian Tech jedhamuuti.
Bara 2014 kan hundaa'e dhaabbanni kun yeroo ammaa hojjettoota 21 qaba, kanneen keessaa 8 dubartoota.
Kaayyoon dhaabbata kanaas bakka buufanni fayyaa qaqqabuu hin dandeenyeetti tajaajila fayyaa teknooloojiin deeggarame kennuudha.
Barnoota teeknooloojii meedikaal Laabraatoorii irratti fuulleffachuun kan milkaa'e Zalaalam, erga eebbifamees dhaabbilee fayyaa keessatti ogeessa laabraatoorii ta'uun hojjeteera.
Magaalaa Finfiinnee fi magaalattiin alattis wayita laabraatoorii keessa hojjechaa turetti daataa xiinxaluu, teeknooloojii qo'achuu fi mosaajiiwwan xiinxaluurratti cichee hojjechaa ture.
Zalaalam barnoota fayyaa baraterratti dabalataan barnoota kompiyuutaraa barachuun akkaataa tajaajila fayyaa teeknooloojiin dhiyeessuun danda'amurratti xiyyeeffate, kanarraa ka'ee teeknooloojii Opian jedhamu hundeesse.
Opian Tech maali?
Teeknooloojiin kun meeshaalee, human namaa fi bajata giddu-gala fayyaa tokkoof barbaachisu xiinxaluun bakka hanqina qabu dursee adda baasee kan guutuudha.
Mosaajiin (software) Opian Tech, teeknooloojii Articial Intelligence waggoota sadiif, giddu-galli fayyaa tokko tajaajila kennuu danda'uu fi baay'ina namoota itti tajaajilamanii raaguu danda'u of keessaa qaba.
Odeeffannoon kunis qaamni giddu-gala fayyaa sana hoogganu watoota barbaachisan akka dhiyeessuuf gargaara jedha Zalaalam.
"Meeshaalee teeknoolooji, qoricha, akkasumas bittaa meeshaalee fayyaan walqabatee wantoota karooraaf bu'uura ta'an kan mijeessuudha.''
''Dawaan harka namaan bitamu kan barbaachisuu ol ta'ee wayita yeroon irra darbee gatamutu jira. Yookiin ammoo hamma barbaachisuu gadi bitameetu hanqinni qorichaa mudata. Kun garuu xiinxala teeknooloojii Kanaan erga adda ba'ee waan bitamuuf rakkoo kana ni hambisa,'' jechuun Opian qaawwa kana cufaa jiraachuu hima.
Jaarmiyaan isaa hojii karooraa fi daataa walitti qabuu Ministeerri Fayyaa hojjetu tumsuuf karoora qabaachuu kan himu Zaalalam, buufataalee fayyaa federaalaa hanga naannoleetti jiran keessatti ragaa sirrii ta'e qindeessuun tajaajila si'eessuuf teeknooloojiin kun filatamaadha jedhe.
Opian Tech rakkoowwan giddu-galaawwan fayyaa keessatti mudatan teeknooloojiidhaan furuuf kan hundaa'e ta'ullee, rakkooleen akka intarneetii fi ibsaa hojiisaa gufachiisaa jiraachuu hima Zalaalam.
Opian Tech rakkoowwan mosaajii (software) fi hardware buufataalee tajaajila fayyaa keessatti wayita mudatan sirreessuuf dandeettii akka qabus hime Zalaalam.
Zalaalam akka jedhutti Opian Tech Itoophiyaarra darbe biyyoota biroo 23 keessatti, jaarmiyaa USAID waliin ta'uun babal'isuun danda'ameera.
Iswaatiinii, Ruwaandaa, Kaameeruun, Ivorii Koost, Siwaazilaand, Bootiswaanaa fi Leesootoon biyyoota Opian Tech tajaajila keessatti eegale keessaati.
Yeroo boodammoo teeknooloojiin kun biyyoota kaan keessattilee lafa qabatee akka achirraa tajaajila kennu gochuuf karoora qabaachuu hima Zalaalam.
Akka Zalaalam jedhutti yoo xiqqaate iddoowwan sababa rakkoo daandiitiin tajaajila fayyaa argachuuf rakkatan yeroodhaan qaqqabuuf haala kan mijeessu, pirintariin simcard fudhatu qophaa'eera.
Kun garuu yeroo qorannoo dhiigaa fi kaaniif fudhatu gabaabsa osoo hin taane, yoo xiqqaate bu'aa qorannoo namaan ga'uuf yeroo fudhatu walakkaadhaan teeknooloojii hir'isuudha jedha Zalaalam.
Haaluma walfakkaatuun rakkooleen tajaajila fayyaa Afriikaa suduudaan teeknooloojii akkanaa fayyadamuun ni furama abadii jedhu qaba Zalaalam.
Haala Kanaan lammiileen tajaajila fayyaa qulqulluu fi haqa qabeessa ta'e qixa sirrii ta'een argachuu danda'u jedha.












