Gaazexeessaan hidhaa bahe waa'ee turtiisaa Awaash sabaattii dubbate

Madda suuraa, Getty Images
Hojjattoonni Awuloo Miidiyaa fi Itiyoo-Foram Waxabajjii keessa to'annoo jala oolfamuun Awaashi Sabaattii turan keessaa 10 jalqaba torban kanaatti gadhiifamuufi kan hafan torba ammas hidhaarratti akka argaman abukaatoon isaanii BBCtti himan.
Turtiin tibba hidhaarra turanii maal akka fakkaatu ilaalchisuun hojjataa Awuloo Midiyaa kan ta'e Kibroom Salamoon BBC Afaan Amaaraatti akkasiin himeera.
Attamiin hidhamte?
Ani kan to'atamee guyyaan jalqaba Awuloo Miidiyaatti hojii jalqabe ture.
Duraan Tigraay TV irran hojjataa ture. Booda ergan abbaa qabeenyaa Awuloo Miidiyaa kan ta'e Atileeti Gabra Igzaabeeriin dubbiseen booda damee hawaasummaa irratti mindeeffame.
Guyyaa itti qabamne sanas ganaa hojjattootaan wal baree reefuma yommuun gadi taa'u ture.
Poolisoonnii fi hojjattoonni tikaa uffata siviilii uffatan waajira keessa seenuun harka ol qabaa nun jedhanii bilbilaa fi laaptooppii keenya fudhatan.
Isaan boodas gara Meeksiikoo nu geessan. Wayita nu fudhataniitti intalli darbii lammaaffaa irraa suuraa kaasaa turte nu waliin hidhan.
Baayyee naanee turre. Barruu qubaa (ashaara) kenninee booda firaashiin nuuf kenname.
Hidhamtoonni achi jiranis akka nyaanni nuuf bitamu taasisan. Hidhamtoonni irra caalaan dhalatoota Tigraay turan.
Namni Waddii Raayyaa jedhamu tokko irbaata alaa nuuf fichisiise.
Isaan booda guyyaa Jimaata ganama nu fuudhanii bahan.
Yaadni keenya mana murtii nu geessuu kan jedhu ture. Liidataa deemna jennee osoo eegnu, karaa Alam Baankiin baanaan Qaalliitii nu geessu jenne yaadne.
Harki keenya cancalaan hidhameera. Dubbachu hindandeenyu. Isaanis eessa akka nu geessan nutti hin himne.
Qaallittii darbanii daandii Bishooftuu durii qabachuu yoo imalan Ziwaay nu geessuu ta'a jennee yaadne ture.
Wayita konkolaataan Adaamaan bahu tarkaanfii nurratti fudhachuuf ykn Shaabiyaaf dabarsanii nu kennuuf jennee abdii kutanne.
Erga km 220 deemeen booda jidduugala leenjii poolisii federaalaa kan ta'e Awaash Sabaati Kiloo nu galchan.
Kan turre Gamoo 10 keessa. Manichi omaa hinjedhu afarsituu qilleensaas qaba ture. Dubartoonni garuu kutaa foddaa hinqabne xiqqoo tokko keessa jaha ta'anii turan.
Yeroo baayyee waa'ee kaampii leenjii Awaash waan hamaatu himama. Mee haala qabiinsa walii galaa nutti himi.
Erga achi galleen booda polisoonni jecha hin malleen nu arrabsaa turan. ''Isaan koloolchuudha silaa, shimalaan jechuu ture, reebuu ture,'' jechuun doorsiisaa turan.
Haata'u malee ajajjoonni gaariinis turan.
Ajajaan Insipeektar Tasfaayee kan jaalala abbummaa qabuudha. Keessattuu dubrtootaan 'ayizoon ijoollee, kan asi jirru isin eeguufiidha. Omaa hintaatan' jechaa turan.
Daabboo qofaatuu hayyamama. Ganama shaayi daabbootti, laaqana daabboo lama waan waxii fakkaatu waliin nuuf kennamaa ture.
Bishaan dhugaatii hinargannu. Bishaan saamsamee bitachuun rakkisaadha. Poolisoonni gaariin muraasni garuu kibabii irraa bitanii nuuf fidu turan.
Addunyaa alaa waliin quunnamtii omaa hinqabnu. Maatiin keenya eessa akka jirru hinbeekan ture.
Namni uffata jijjiirraaf qabate hinturre. Keessattuu kun dubartootaaf baayyee rakkisaa ture. Dhaqna dhiqachuu ta'ee meeshaaleen ittiin qulqullina eeggatan argachuu hin danda'an.
Jidduugala leenjiichaa keessa isin malee kan hidhaman biraa turanii?
Nuti erga seenneen booda guyyoota lamaan booda dargaggoonni dhibbaan lakkaa'aman Awaash dhufanii ture. Ganama ganama harka walqabachuun hiriiranii yoo galan argineerra. Nuti kan nyaannu kutaa guddaa keessatti ture.
Booda gara mana xiqqootti dabarree isaan kutaa guddaa keessatti nyaachu eegalan. Aspaaltii irratti jilbiinfatanii yoo gangalchanii fiyoo uleen reeban arginee bira taraa turre.
Garagalee ilaaluus ta'e namoota beeknu dubbisuu hindandeenyu turre.
Miila duwwaa deemu turan, wayita rifeensa irraa haadanillee agarree jirra.
Poolisiin mana murtii Fantaalleetti dhiyeessuun yeroo beellamaa itti gaaffadheera jechuun mana murtii federaalaatti himee ture. Mana murtiitti geeffamtanii turtanii?
Mana murtii kan nu geessan hidhamnee guyyaa torbaffaatti ture. Abbaan seeraa ykn daanyaan dubartii turte.
Nuti guyyaa torbaaf nu hindhiyeesine jennee itti himnaan, ''wayita isin imalchiisan ta'u mala, rakkoo omaa hinqabu' jechuun beellama guyyaa 14 hayyamteef.
Ittaansees ammoo abbaan seeraa haaraatu ture. ''Himannichi amma waan na qaqqabeef omaa hinbeeku, jechuun beellama 14 gaafatame hayyameef'' jedhe.
Beelama isaan boodaa irratti dubartoonni baayyee boohaa turan, qaamnisaaniis baayyee waan hubame ture. Achiin abbaan seeraa warra dursa hidhamaniif guyyaa 10 hayyame.
Warra marsaa lammaffaan galaniif dubartoonni miira keessa galuun boonyaan guyyaa torba jedhan. Obbooleettiin Faanu'eel achuma dhaddacharratti iyyata qaama bilisa baasuu galchite turte.
Himannaan beelama sadaffaarratti dhiyaate adda ture. Himannaan duraa odefannoo sobaa tamsaasuu jedha ture.
Himanna lammaaffan ammoo kan walitti bu'iinsa Affaar fi Somaalii jidduu tureen kan wal qabate ture.
Poolisiinis waltaatoota Affaariitti argaman kan biraan to'achuuf hojjataan jira jechuun mana murtiif ibsee ture. Yeroo sadaffaaf ammoo himannichi dhimma Beenishaangul Gumuziin wal qabachuun geeddarame.
Attamiin hiikamtan?
Yeroon qorannoo xumuramnaan dhaddachi iyyata galfadhaa nuun jedhe. Nutis ragaan dhoksinu waan hinjirreefu mirgi wabii nuuf haa eegamu jennee iyyata dhiyeeffachuuf jennee osoo jirruu konkolaataa fidanii nu fudhanii bahan.
Himannichi adda cite haata'u ykn wabiin kan nutti himame hinjiru. Konkolaataan nu fuhatanii 'amma gara mana keessanii deemaa, yeroo biraa deebiitanii meeshaa keessan fudhattu' nuun jedhan.
Uffata muraasa warra hafaniif kenniine baane. Haalli keessa jiran kanuma duraa sana. Abbukaatoos ta'e maatiin wal argu hindanda'an.
Hojii miidiyaarra hojjachuu itti fufuu barbaaddaa?
Eeeyyen! Hanga dhugaa ta'eetti, waan ummata jeequu ykn yakka hanga hintaaneetti fedhiin kiyyaa hojiidhuma kana hojjataa turuudha.














